Ramaddii Waancaa Addunyaa bara 2026

              

Sirna baninsa ramaddii Waancaa Addunyaa irratti pireezidaantiin Ameerikaa Doonaaldi Tiraampi Badhaasa Nagaa Fiifaa fudhataniiru. Badhaasni kun pirezidaantii Fiifaa Jiyaanii Infaantiinoodhaan bara kana hojiirra kan  ooledha. Badhaasichis kan kennamu nama nagaafi uummata addunyaa tokkoomsuuf hojii addaa hojjeteef kan  kennamudha. Haaluma kanaan waancaan addunyaa mo’ataadhaaf kennamu kunis kan warqeefi medaaliyaawwan irraa kan hojjatame yoo ta’u Pirezidaantii Ameerikaa Donaaldi Tiraampiif kennameera. Waancaa addunyaa Fiifaa 23ffaa A.L.A bara 2026 adeemsifamu kunis qopheessumma Ameerikaa, Kaanaadaafi Meeksikoon waliin ta’uun kan qopheessaniidha. Seenaa dorgommii Kanaanis yeroo jalqabaaf biyyoonni 48 ni hirmaatu. Kunis seenaa kubba miilaa addunyaa keessatti isa guddaadha.

Garee 12tti qoodamuun biyyoonni afur afur kan wal dorgoman yoo ta’u, Ingilaandi walakkaa xumuraa irratti bara 2018 kan wal argatte ture bara kanas Kirooshiyaa waliin jalqaba kan falmatanidha. Bara kana tilmaama warra argatan keessaas Ingilaandi ishee tokkodha. Biyyoonni lameenuu Fiifaa irratti sadarkaa tokkoo hanga kudhanii kan jiran wal argan isaanii jalqabaa yoo ta’an taphni cimaan kan biraa eegamu immoo Biraaziliifi Morookoo gidduuttidha. Biraazil addunyaa irraa sadarkaa shanaffaa Morookoon sadarkaa 11ffaa irra jirtu. Nezerlaandis garee ulfaatu keessatti ramadamte akkasumas Jaappaan, Tuuniziyaafi Ikuwaador garee kana keessatti kan argamanidha. Dhaloota kubbaa miilaa ammaa keessaa galchii lakkoofsisuun maashinoota kan jedhaman Erliing Haalaandii fi Kiiliyaan Imbaappeen isaan tokkodha. Haalaand bara 1998 yeroo jalqabaaf biyya isaa Waancaa Addunyaaf dabarsuuf taphoota saddeet irratti galchii 16 lakkoofsiseera.

Biyya isaa kana baateetuma dabarse yoo jedhame arbeessuu hin tahu. Taphataan tokkollee gulaallii waancaa Addunyaa irratti galchii haga kana lakkoofsisee beekus hin jiru. Noorwey biyyi Haalaand tapha mo’atanii darbuun carraa kanaaf kan geesse yoo ta’u Senegaaliifi Faransaay waliin ramadamaniiru. Galchii lakkoofsisun Laaliigaa keessaa taphataa tokkoffaa kan taheefi Piriimer Liigii keessaa tokkoffaa kan tahe yeroo jalqabaaf wal dorgomu. Imbaappeen bara kana taphoota 15 irratti galchii 16 Riyaal maadridiif lakkoofsiseera. Leenjisaan Faransaay Diidee Diishoo  akka jedhetti, morkii cimaa taha isaan lamaan keessati galchii baay’ee lakkoofsisuuf dorgommii dhufu irrattis kan wal falmanidha. Meksiikoon Afrikaa Kibbaa waliin tapha jalqabaa ni gaggeesiti. Bara 2010 yeroo Afrikaan Kibbaa yeroo jalqabaaf waancaa Addunyaa Afrikaa keessatti qopheessitu taphni baninsaa Meksiikoo fi Afrikaa Kibbaa gidduutti gaggeeffamee ture.

Yeroo sana galchii yeroo hundumaa yaadatamtu Shabalalaan lakkoofsiseen qixa 1-1 xumuran. Bara kanas yeroo Meksiikoon qopheessitus biyyootuma lamaantu jalqaba irratti taphata. Kan biraa immoo Farnsaayiifi Senegaal gidduutti kan gaggeeffamus haalaan eegama. Biyyoonni xixiqqoo akka Keep Verdee garee Ispeen keessatti ni argamu. Uzbeekistaan, Keep Verdee, Joordaaniifi Kiyuurisaahoo biyyoota xixiqqoo carraa FIFA bal’isetti fayyadamuun darbanidha. Hundumaa irra biyyi baay’ee xiqqoon Kiyuurisaahoo jedhamti. Keep Verdeenis Afrikaa irraa biyya uummata walakkaa miliyoonaa qabdu taatee darbitedha. Kiyuurisaaho Jarman waliin ramadamteetti. Keep Verdee Ispeen waliin garee tokko keessa jirti. Joordaan waggaa 40 booda kan darbite yoo ta’u, Arjeentiinaa waliin nii morkatti. Morkattoonni biyyoota xixiqqoo kanneennii hundi dhiyeenyatti warra Waancaa Addunyaa mo’ateedha. Uzbeekistaaniin ammoo bara 2006 Waancaa Addunyaa Xaaliyaanii waliin kan mo’ate Faabiyoo Kanavaarootu leenjisa. Isaan Poorchugaal waliin garee tokko keessa jiru. gareen isaan keessaa darban Jarmaniifi Faransaay keessatti wal argu. Nuusa Xumuraaf sadarkaa tokkoffaan kan darban yoo tahe Arjentiinaafi Poorchugaal walitti dhufu. Morkattoota lamaan Meesiifi Roonaaldoo asitti yoo ammas wal morkatan arguu kan dandeenyudha.

Moosisaa Fufaatiin

Oduu

AMECO Hirkoo