Rippaablika Dimokraatawaa Koongoofi Ruwaandaa Gidduutti Waliigalteen Nageenyaa Mallatteeffame

 

‎Hoggantoota Rippablikii Dimokraatawaa Koongoofi Ruwaandaa waliigaltee nageenyaa walitti bu’iinsa Koongoo gama bahaa rakkisaa jiru dhaabsisuu kaayyeffate mallatteessaniiru. Waliigalteen nageenyaa kun keessummeessummaa Pirezidaantii Ameerikaa Doonaldi Tiraampiin Magaalaa Waashingitan Diisiitti geggeeffameera. Waliigalteen biyyoota lamaan gidduutti mallatteeffame kun garee fincilaa ‘M23’  Mootummaan Koongoo Ruwaandaarraa deggarsa argata jedhee himatuun irra deebiin waraanni uumamuu hordoofuni. Sirna waliigaltichaa mallatteessuu kanarratti Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaldi Tiraampi argamaniiru.

Waliigalteen nagaa kun erga mallatteeffameen booda Doonaald Tiraampi haasaa taasisaniin “guyyaan kun Afrikaafi addunyaaf guyyaa addaadha, biyyoonni lamaan kunneen waan itti boonuu qaban baay’ee qabu,” jedhaniiru. Tiraampi biyyi isaanii biyyoota lamaan waliin ”carraa haaraa albuuda murteessoo fayyadamuu dandeessisu” jedhu mallatteessuu ishee dubbataniiru. Waliigalteen nageenyaa kun waggoota kudhaniif waraanaa naannawichatti geggeeffamaa turee dhaabuufi finciltoonni hidhannoo akka hiikkatan akkasumas jiraattonni buqqa’an gara bakka jireenyaa isaanii duraatti akka deebi’aniifi hammattoo diinagdee badhaadhinaa kan ofkeessatti qabate ta’uusaa yeroo waliigaltichi taasifamutti dubbataniiru. ”Hoggantoota lamaan irraa abdii guutuun qaba” kan jedhan Tiraampi waadaa waliif seennees ni eegna jedhaniiru. Kaagaamee fi Tisheesekeedii waliigalticha kan kabajan ta’uu dubbataniiru.

Pirezidaantiin Ruwaandaa Pool kaagaamee gama isaatiin, Pirezidanti Tiraampi geggeessaa “nama kamiifillee hin loogne” jechuun nagaa buusuudhaaf carraa jirutti “ammaaf ammatti” kan fayyadamanidha jechuun jajataniiru. Akkasumas, Pirezindaantiin Keeniyaa Wiiliyaam Ruuttoo gamasaaniin, waliigaltee taasifame dinqisiifachuun waliigalteen nageenyaa kun qabeenya guddaa Afrikaan qabduuf hulaa kan banudha jedhaniiru. Tiraampi haasaa nageenyaa taasisaniin milkii ”seena qabeessaa galmeesseerra’’ jechuun kan dinqisiifatan Ruuttoon ”bulchiinsa isaanii ija jabinaan guutame sana hojii irra oolchaniiru jedhaniiru.

Waliigalteen ”ibsituu hoggantootaa” jedhamuun moggaafe kun gareen ‘lachuu olola jibbaafi bakkeewwan haaraa tokko tokko humnaan qabachuuf yaaluurraa of qusachuu qabu’ jedha. Dura Taa’aan Gamtaa Afrikaafi pirezidaantii Angoolaa Johawu Loorensoo akkasumas Pirezindaantiin Keeniyaa Wiiliyaam Ruuttoo hoggantoota waliigalticha irratti  hirmaatan keessaa warra tokkodha.

Waliigaltee kana dura Baha Koongoo bakka albuudaan badhaadha ta’etti mootummaafi finciltoota Ruwaandaatiin deggaramu jedhaman gidduutti waraanni cimee itti fufee ture. Hidhattoonni M23 sabumman isaanii Tuutisii yoo ta’an, afaan Kiniyarwanda dubbatu. Dimookraatik Rippaablik Koongoon ammoo hidhattoota kana kan deggaru Ruwaandaadha jetti. Ruwaandan garuu kana irra deddeebiin haalti.

Guddinaa Asaffaatiin

Oduu

AMECO Hirkoo