Gita Kitaabaafi Barataa Walsimsisu: Qulqullina Barnootaa Eegsisuuf

Manneen barumsaa bulchiinsa magaalaa Kamisee keessaa Manni Barumsaa Sadarkaa tokkoffaa Sadaasaa tokkodha. Manneen barumsaa adda duree magaalichaa keessaa tokko ta’us wal gahiinsa kitaabaan walqabatee rakkoon jiraachuu ragaa mana barumsicharraa arganneen mirkaneeffanneerra. Barattuun kutaa 6ffaa mana barumsichaa Rimaas Umar keessattuu kitaabileen kanneen akka Guddinaafi jabeenya qaamaa, Gadaafi Og-artiin tasuma kan hin jirre ta’uu eerteetti. Barattoonni kitaaba tokko haalli dabareedhaan itti fayyadaman baay’inaan mul’ata jetteetti. Akka barattuun kun dubbatteetti hanqinni kitaabilee hoj-manee hojjechuufi qabiyyee barnootaa sirriitti hubachuu irraatti dhiibbaa guddaa uumaa jira.

Itti Gaafatamaan Mana Barumsaa Sadarkaa tokkoffaa Sadaasaa, Eebbaa Tamasgeen, bara kana barattoota kuma lamaafi 906 simachuun barsiisaa jiraachuu eeraniiru. Akkasaan jedhanitti, sadarkaa mana barumsichaatti kitaabni kutaa 1ffaa hanga 5ffaa tokkoo tokkoo barattootaa wal gahuu hin dandeenye. Barattoota kutaa 7ffaafi 8ffaa haalli kitaabni tokkoonis lamaanis bira gahe jira jedhaniiru. Baay’inni barattoota mana barumsichaa kutaa 1ffaa hanga kutaa 4ffaa kuma lamaafi dhibba shanol ta’uu kaasanii, barattoonni kunneen kitaaba tokko barataa torba ta’anii fayyadamaa akka jiran eeraniiru. Haalli kun akkuma jirutti ta’ee, barattoonni tasuma kitaabni bira hin geenye akka jiru itti gaafatamichi ibsaniiru. Banaan kun, baay’inni barattootaa kutaalee kanneenitti garmalee ta’uurraan kan madde ta’uu sababeessaniiru.

Rakkoo kana furuuf akkaataa barattoonni bakka jireenyaan walitti dhihaataniin kitaaba jiru waloon akka fayyadamaniif gahaa ta’uu baatus yaaliin taasifamuu dubbataniiru. Barattootaaf gabatee gurraacha irratti harkaan barreessuun yeroo barsiisotaa akka fudhataa jiruufi barattoonni waan dubbisanii irraa hojii manaafi gilgaalota garagaraa hojjetan waan hin qabneef danqaa uumuu himaniiru. Rakkicha furuuf marii taasisuun maatii barattootaaf ‘Soofti Koppii’ qabiyyee barnootaa raabsuun ijoollee isaanii manatti akka deggaran taasisuu kaasaniiru.

Itti aanaa itti gaafatamaa waajjira barnootaa Bulchiinsa Magaalaa Kamisee Malkaamuu Haata’uu, dursaa idilee dabalatee Sadarkaa 1ffaafi 2ffaa waliigalaan manneen barnootaa 14 akka qaban himaniiru. Bara kana manneen barnootaa kana keessatti barattoonni kuma 19fi 306 barnoota isaanii hordofaa jiraachuu eeraniiru. Barattoota Kutaa 1ffaa hanga 12ffaatti jiraniif kitaabileen kuma 100fi kuma 32 ol barattootaaf raabsamuu kaasaniiru. Manneen  barnootaa Sadarkaa 2ffaarratti kitaabni tokkoo tokkoo barataa walgahee jira kan jedhan itti aanaan kun, Sadarkaa 1ffaarratti barattoonni kitaaba tokko sadiitti  (⅓) fayyadamaa jiraachuu himaniiru.

Keessumaa hanqinni kitaabilee Saayinsii Uumamaa jiraachuu addatti eeraniiru. Baroota darban keessa imaammanni barnootaa jijjiiramuu waliin wal qabatee kitaabonni jijjiiramaniiru. “Kitaabni sirna barnootaa haaraan jijjiirame kun haala quubsaa ta’een nu bira gahuu dhabuurraan rakkoon hanqina kitaabaa nu mudateera. Akka magaalaa keenyatti kitaabota kuma 33fi 300 oltu nu barbaachisa” kan jedhan itti aanaan itti gaafatamaa kun, rakkoon hanqina kitaaba barataa mudate kun furmaata akka argatuuf qaama ilaaluuf gaaffii dhiheessuu hubachiisaniiru. Qulqullina barnootaa mirkaneessuu keessatti gahee kitaabni qabu olaanaa kan jedhan itti aanaan kun, hanqina kitaabaan walqabatee furmaata yeroo fudhachuu kaasaniiru. Akkasaan jedhanitti, maatii barataa mariisisuun soofti koppiin maatii barataaf kennameera.

Daree keessatti barattoonni sadii teessoo tokkorra waan ta’aniif kitaaba tokko barattoota sadiif kennuun hojii dareefi hoj-manee hojjechuuf akka itti fayyadaman taasisuu dubbataniiru. Rakkoo kana furuuf abbaltii (assignment) garaagaraa kompitaraan barreessuun maxxansanii barattootaaf kan raabsan ta’uu kaasaniiru. Barsiisonni qabiyyeewwan barnootaa murteessoo gabatee gurracha irratti barattootaaf erga barreessaniin booda ibsa bal’aa taasisuun barattoota gargaaraa jiraachuu dubbataniiru. Kitaaba malee qulqullina barnootaa mirkaneessuun waan hin danda’amneef rakkoo kitaabaan wal qabatee Biiroon Barnootaa Naannoo Amaaraa bara kana marsaa sadii gara keenya dhufuun rakkoo kitaabaafi galteewwan barnootaa biroo furuuf qabatanii deebi’anii irratti hojjechaa jiru jedhaniiru. Kitaabni barataa sadarkaa naannootti maxxanfamaa jiraachuu kaasanii, gara fulduraatti rakkooleen kunneen kan furaman ta’uu hubachiisaniiru.

Guddinaa Asaffaatiin

Oduu

AMECO Hirkoo