Mariin kutaalee hawaasaa garaagaraa hirmaachise akka biyyaatti magaalota gurguddoo 24 irratti ergaa ijoo “Labsiiwwan Gubaa, Injifannoowwan Mootummaa Ida’amuu” jedhuun gaggeeffamaa tureera. Akka naannoo Amaarattis mariin uummataa kun magaalota gurguddoo naannichaa kanneen akka magaalaa Baahir Daar, Daseefi Gondaritti gaggeeffamee tureera. Waltajjiin jiraattota Magaalotaafi Godinaalee hirmaachise kun miseensota Koree hojii raawwachiiftuu Paartii Badhaadhinaa irraa kaasee hooggantoota olaanoo paartiifi mootummaatiin hogganameera. Kaayyoon marii kanaas labsiiwwan Gubaa projeektii guddaa Afrikaa kan ta’e xumuramuun hidha haaromsa guddicha Itoophiyaa dabalatee injifannoowwan sab-daneessan galmaa’an sadarkaa olaanaatti akka cehaniifi ummanni gahee isaa akka bahatuuf qopheessuu irratti kan xiyyeeffatedha.
Gama biraatiin, gaaffiiwwaniifi komiiwwan kenna tajaajilaa hawaasaa, qaala’iinsa jireenyaa, hojii dhabdummaafi nageenya waliin wal qabatee gaaffiwwan hawaasa biraa ka’u akkamitti mootummaan deebiin akka kennamaa jiruufi rakkoowwan jiran furuuf karoora mootummaan qabate uummatni akka hubatuuf kan kaayyeffatedha. Haala nageenya biyya keenyaa yeroo ammaa gara tasgabbiitti fiduuf qaamoolee seeraan ala hidhatanii bosona jiran gara nagaatti fiduun gaaffii hawaasaa kamiyyuu mariin ilaafi ilaamen furamuun akka danda’amu kaasaniiru. Kana galmaan gahuufis hawaasni, jaarsoliin biyyaafi abbootin amantaa hirmaannaa taasisun qaamolee hidhatanii bosona jiran gara daandii nagaatti akka fidaniif waamicha dhiyeessaniru, hirmaattonni marichaas jijjiiramaa asitti hojiin misoomaa hojjatamaa jiru fayyadamummaa isaanii mirkaneessaa jiraachuu ibsuun ammas hojiiwwan misoomaa koriidarii, Inisheetivii Magaalaafi Baadiyyaatti hojjatamaa jiran abdii kan itti horeefi irraa fayyadamaa jiraachuu himaniiru.
Gama biraatiin, dhimmoota qaala’insa jireenyaafi gabaa tasgabbeessuu, hordoffiin dhiyeessii Boba’aa, Kenna tajaajilaafi hojiin hojmaata badaa irratti hojjatamuufi malaanmaltummaa ittisuuf xiyyeeffannoo mootummaa akka barbaadu kaasaniiru. Hundaa olitti dhimma Nageenyaafi hulaa galaanaa irratti mootummaa waliin hojjachuuf waadaa galaniiru. Akka godina Walloo Kibbaattis hirmaannaa gaggesssitota paartii godinaafi aanalee garagaraa, jaarsoolii biyyaafi kutaalee hawaasaa garagaraa waaliin magaalaa Daseetti gaggeeffameera.
Waltajjii kanarratti kan hirmaatanitti gaafatamaan waajjira Paartii Badhaadhina bulchiinsa sablammii Oromoo obbo Ahmad Huseen “pirojektoonni magaalaa Dasee, Kombolchaafi Kamisee keessatti hojjetaman magaalota kanneen kan jijjiiraniifi hunda fayyadamaa kan taasisanidha jedhaniiru. Qamadii dabalatee misooma qonnaatiin misoomni kuduraafi muduraa akkasumas maaddii guutuun jireenya namoota hedduu kan jijjiire ta’uu kaasaniiru. Itoophiyaan hulaa galaanaa dhabuushee dhimma jiraachuu biyyaa gochuun Itoophiyaan abbaa hulaa galaanaa akka taatuuf tattaaffiin eegalame abdii guddaa kan nutti horedha jedhaniiru. Qaala’insa jireenyaa xiqqeessuuf hojiileen hojjetamaa jiran jajjabeessaa ta’anis fuuldura dhimmanii hojjechuu waan gaafatuuf tattaaffii ummataafi mootummaa cimaa ta’e gaafata jedhaniiru.
Hirmaattuun waltajjichaa biroo aadde Faaxumaa Aliyyii, bu’aalee qabatamaa waggoottan jijjiiramaa argamaniif beekamtii kennuufi hanqinoota jiran sirreessuun hunda keenyarraa eegama jedhaniiru. Hojiileen waggoottan jijjiiramaa as hojjetaman onnachiisoo waan ta’aniif fuulduras qaala’insa jireenyaa xiqqeessuufi rakkoo mana jireenyaa furuun ni barbaachisa jedhaniiru. Hirmaataa sagantichaafi jiraataa magaalaa Kamisee obbo Indiris Mohaammad, misooma qamadii dabalatee misoomni kuduraafi muduraa milkaa’inni guddaan kan ittiin galmaa’e ta’uu ibsaniiru. Qulqullina barnootaa mirkaneessuuf kitaaba dhiheessuurratti xiyyeeffatamuu qaba jedhaniiru. Hidha haaromsaa xumurree warshaa Xaa’oo, misooma gaazii uumamaafi abbaa hulaa galaanaa ta’uuf hojiilee eegalaman ajaa’ibsiisaadha jedhaniiru.
Waltajjii marii kan gaggeessan itti aanaan Pirezidaantii naannoo Oromiyaa obbo Awwaluu Abdii, injiffannoowwan hanga ammaa argame bu’aa idamuufi tokkummaa uummata biyya keenyaa ta’uu eerun, ammas hawaasni naannichaa tokkummaan nageenya naannoo isaa eeggachuu akka qabu dubbataniiru. Kana malees hojiiwwan gama innisheetiiviiwwan damee qonnaa qamadii, ruuziifi innisheetiiviiwwan biroo bu’a qabeessa gochuun birmadummaa nyaataa mirkaneessuun ajandaa mootummaa isa ijoo ta’ee itti fufa jedhaniiru. Tattaaffii tajaajila dijitaalaa, misooma indastirii, carraa hojii uumuufi qaala’insa jireenyaa xiqqeessuuf taasifameen bu’aan jajjabeessaan galmaa’uu kaasanii fuulduras xiyyeeffannoon addaa kennameefii ni hojjetama jedhaniiru. Mariin waadaa ummataaf galameefi hojiileen raawwataman eessarra akka jiran ilaaluun kallattii fuulduraarratti hubannoo wal fakkaataa qabaachuuf waan ta’eef ummanni hirmaannaa qindaa’aa gochuu akka qabu dhaamaniiru.
Moosisaa Fufaatiin


