Nageenyi Hunda Caala

UUmmatni Amaaraa uummata ijaarsa biyyattii keessatti gahee guddaa taphatedha. Uummatni kun birmadummaa biyyattii egsisurrattis saboota biroo wajjiin ta’un uummata wareegama guddaa kaffalaa turedha. Qabsoo gita-bittootaafi abbaa irree waliin taassises seenaan bakka guddaa keennefi jira. Uummata Itoophiyaa keessatti jiraatan hunda wajjiin walqixxummaafi obbolummaan jiraatudha. Mootummaan Naannoo Amaaraa sabaafi sablammoota naannicha keessatti jiraataniif bekkamtii keennun ofiin of akka bulchaniif aadaafi afaan isaanii bilisaan akka itti fayyadaman taasisuun hammattummaa uummata Amaaraa gochaan agarsise jira.

Uummatnii kun rakkolee biyyattiin dabarte hunda saboota biyyattii wajjiin qooddateera. Kun kanaan osoo jiru jaarmiyaaleen siyaasaa feedhi ofiin maraataniifi uummattoota nagaafi obblummaan jiraatan walitti busuun angoo gonfachu barbaadan uummata Amaaraa irratti seenessa sobaa hedduu afarsaa turaniiru. Gocha kanaan uummanni saba Amaaraa biyyaattii keessatti bakka adda addaa jiraatu rakkolee hedduuf saaxilamee tureera. Rakkoo kana furuuf waltajjii marii nageenyaafi obbolummaa naannolee biroo wajjiin taasifamaa tureera. Kanaanis seenneessa sobaafi walgaareefannaa jijjirun, seeneessa waloofi obbolummaa ijaaruuf hojjiin hojjetame jijjiirama ilaalchaa fideera. Kun kanaan osoo jiru bara 2015 naannicha keessatti qaamooleen “uummata naannichaa ni biloomsina, rakkoo jiruf jiraachu keessaa baafna” jedhanii qabsoo hidhannoo jalqabaniin uummatni naannichaa rakkoo wal-xaxaa keessa akka seenu taasiseera. Du’a lammilee, dararaafi rakkoo hawaasa-dinagdeef saaxilee jira.

Tibbanna Marii uummataa naannicha bakka garagaraatti taasifameen rakkooleen kun qixaan akka beekaman taasiseera. Uummatnii naannichaa nagaa barbaadaa jira, kanneen immoo nagaa kadhachaa jiru. Waltajjiin marii nageenyaa kunneen yaadnii ummataa bilisaan akka bahuuf carraa uumeera. Dhaggeetti angawoota naannichaa olaanoofi hogantoota raayyaa ittisa biyyaa argate jira. Hirmaatootni waltajjii marii nageenyaa hedduun akka jedhanitti qaamooleen qabsoo hidhannoo keessa jiraniifi mootummaan rakkoo mudate mariin akka hiku qaban gaafataniiru.

Hundaa caalaa rakkoolee nu mudateef marii bilisaafi dhugaa taasisun tarkaanfii nagaa buusuf bakka guddaa itti keennamu qabu akka ta’e ibsameera. Hoggantootnii watajji kannen dursaniis rakkoo kana mariin hikuuf, yoo kana hin taane olaantummaa seeraa kabachisuuf tarkaanfin fudhatamu akka malu ibsaniiru. Adeemsa nagaa busuuf hirmaannaan uummataa gahee bakka hin buune akka qabuus waamichi dhiyaateera. Uummatnis nagaa buusuf hirmaannaa kamuu taasisuuf qophii ta’uu mirkaneffateera. Maraammartoo walitti bu’insaafi waraana keessaa bahuuf yoomiyyuu caalaa marii dhugaafi feedhi uummata giddu galeeffate taasisuu barbaada. Mariin nageenyaa taasifame kanaan uummatnis, mootummaanis ta’e qaamooleen boosona keessa qabsoo hidhannoo keessa jiran hundii akka of-ilaalan taasisera.

Nageenyi hirmaannaa hundaa barbaada. Hunda caalaa rakkolee jiran, madda rakkoolee kanaafi furmaata isaa waliin dhugaafi quqama uummataan mari’achuu barbaada. Kun rakkoo naannichaa hundeen furuuf gargaara. Rakkoo naannichaa hundeen furuun akkaa biyyaatti nagaa buusuu keessaatti gahee guddaa qaba. Fedhiifi imaanaa biyyattiin qabatte milkeessuf nageenya mirkanneessun dhimma dursa argachuu qabudha. Yoomiyyuu taanaan nageenyi hunda caala!

Oduu

AMECO Hirkoo