Waancaan Kubbaa Miilaa Afrikaa 2025

Waggaa lamatti al tokko biyyoota miseensota Konfedereeshinii Kubbaa Miilaa Afrikaa “CAF” gidduutti kan adeemsifamu wal morkiin waancaa kubbaa miilaa Afrikaa 35ffaa magaalaa guddoo Morookoo, Raabaatitti jalqabameera. Bara 1957 Sudaan, Ijiptiifi Itoophiyaa qofa hirmaachisuun kan jalqabame taphni kun bara kana biyyoota 24 wal dorgomsiisaa jira. Waltajjii guddaa ardichaatiif murteessitoonni 28 fi gargaartonni murteessitootaa 31 filatamaniiru.

Waancaa Afrikaa 35ffaa kanaan Morookoofi Naayijeeriyaan biyyoota tilmaama injifannoo olaanaa argatanidha. Taphicharratti urjiileen Piriimiyerliigii Ingiliiz Mohaammad Saalaa, Biraayyan Mibemoo, Amad Diyaaloo, Mazraoui, Omar Marmoushfi kanneen biroon abdii guddaan kanneen eegamanidha. Walmorkichi kan adeemsifamaa jiru ramaddiiwwan jahatti adda qoodamuudhaan biyyoonni 24 hirmaataniiru.  Ramaddii tokkoffaa keessatti Komooroos, Maalii, Morookoofi Zaambiyaa, ramaddii lammaffaa keessatti Angoolaa, Misir, Afrikaa Kibbaafi Ziimbaabweedha. Ramaddii sadaffaa keessatti Naayijeeriyaa, Tuuniziiyaa, Taanzaaniyaafi Ugaandaa, ramaddii afraffaa keessatti Beeniin, Rippaablikii Dimokraatawaa Koongoofi Seeneegaaltu jira.

Ramaddii shanaffaa keessatti Aljeeriyaa, Burkiinaa Faasoo, Ikuwaatoriyaal Giiniifi Sudaan kan hirmaatan yoo ta’u, jahaffaa keessatti ammoo Kaameeruun, Gaaboon, Kotidivuwaariifi Moozaambikifaatu argama. Walmorkiin waancaa kubbaa miilaa Afrikaa kun magaalaa Raabaatitti tapha qopheessituu waancicha Morookoofi Koomooroos gidduutti adeemsifameen banameera. Morookoon waancaa kubbaa miilaa Afrikaa kana A.L.A bara 1988 kan keessummeessite yoo ta’u, waancaa kubbaa miilaa 10ffaa Itoophiyaan qopheessite fudhachuunshee kan yaadatamudha.

Waancaan kubbaa miilaa Afrikaa kun kanaan dura yeroo 34ffaaf biyyoota adda addaatti kan adeemsifame yoo ta’u, biyyoota miseensota konfedereeshinichaa 54 keessaa 15 waancaa fudhataniiru. Pireezidaantiin Konfedereeshinii Kubbaa Miilaa Afrikaa Paatriis Mootseepee, waancaa Afrikaa bara 2025 Morookoon qopheessite dura ibsa gaazexeessitootaaf kennaniin Waancaan Afrikaa turtii waggaa lamaan qophaa’aa ture bara 2028 irraa eegalee turtii waggaa afuriin akka qophaa’u himaniiru. Koreen Hojii raawwachiistuu CAF waancaan Afrikaa bara 1968 (ALA) irraa kaasee waggaa lamaan qophaa’aa kan ture yoo ta’u, kan bara 2027tti qophaa’u booda gara waggaa afuritti akka jijjiiramu eeraniiru. Kana dura Gareen Waancaa Afrikaa injifate paawondii miiliyoona 5.2 kan argataa ture ta’uu kaasuun, karoora haaraa kanaan badhaasichi gara paawondii miiliyoona 7.5 guddifama jedhaniiru.

Oduu

AMECO Hirkoo