Ayyaanni Dhaloota Iyyasuus Kiristoos Magaala Laalibalaatti Dadammaqina Turizimii Uumeera

Ayyaanni dhalachuu Iyyasuus Kiristoos ayyaanota Itoophiyaatti haala hoo’aa ta’en kabajaman keessaa isa tokkodha. Jalabultii ayaanichaa irratti faarfannaan kumaatamaa mana amantaa Ortodoksi Tawaahidoo Itoophiyaan dhiyaate ayyaanichaaf miidhagina addaa kenneera. ‎ Guyyaa Ayyaanaa kanas hordoftoonni mana amantaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa, hordoftoonni mana amantaa Kaatolikii Itoophiyaafi hordoftoonni Wangeelaa manneen amantaa Piroteestaantii akkaataa barsiifata manneen amantaa isaaniitti sagantaa garaagaraan kabajataniiru. ‎

Hariiroo hawaasummaa jabeessuufi kannaadhaan kan beekamu ayyaana kana sadarkaa addunyaatti ni kabajama. Itoophiyaa dabalatee Raashiyaa, Sarbiyaa, Joorjiyaafi biyyoonni adda addaa guyyaa dhalachuu Iyyasuus Kiristoos kabajanii oolaniiru. ‎ ‎Abbootiin amantaas ayyaanicha ilaalchisuun ergaa dabarsaniin, hordoftonni amantii Kiristiyaanaa yeroo ayyaana kana kabajatan nagaa waaraaf jabeessanii kadhachuun, akkasumas lammiilee sababa garaagaraan hanqinni nyaataa, uffataafi mana jireenyaa isaan mudate deggaruufi gargaaruun kabajuu akka qaban hubachichiisaniiru. ‎ ‎

Ayyaana guyyaa dhaloota Iyyasuus Kiristoos sababeeffachuun Itoophiyaatti Imbaasiiwwan biyyoota adda addaafi dhaabbileen idil-addunyaa teessoo isaanii Addis Ababaa godhatan yaaddannoo dhaloota Iyyasuus Kiristoos sababeeffachuun hordoftoota amantaa Kiristiyaanaatiif ergaafi hawwii gaarii dabarsananiru.

Bulchaa Olaanaa Bulchiinsa Sablammii Oromoo Obbo Ahimad Alii Ayyaana Dhaloota Iyyasuus Kiristoos ilaalchisee ergaa baga isin gahee dabarsaniir. Bulchaan godina Wolloo Kaabaa Arraagee Yimar ayyaana dhalachuu Iyyasuus Kiristoos sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsaniiru. Ayyaanni Dhaloota Iyyasuus Kiristoos Lalibalaatti haala hoo’aafi adda ta’en kabajameera. Bulchaan olaanaa kun akka jedhaniitti ayyaanichi daawwattoota biyya alaafi keessaa simachuun gama turizimitiin dadammaqinni gaariin akka jiraatu taasiseera.  ‘’Ayyaana ajaa’ibaafi guddaa kana yommuu kabajnu wantoota miidhaa geessisan adda baasnee, waan gaarii filannee, seenaa ajaa’ibaa kaleessaa yaadannee, hiyyummaafi waldhabdee har’a nu mudate mo’achuun abdii boriif qabnu haaromsuu qabna’’ jedhaniiru.

Oduu

AMECO Hirkoo