Ayyaanni Yaadannoo Dhaloota Iyyasus Kiristoos yeroo dhihaatutti tapha aadaa Qillee taphachuun akka biyyaatti taatee baratamaadha. Umuriin osoo hindaangessiin daa’immanii hanga gaheessootaatti hirmaachisuun Muddee irraa eegalee hanga Amajjiitti geggeeffama. Taphichi bal’inaan kan taphatamu erga midhaan walitti qabamee boodatti dirree walqixxaataa ta’erratti garee lama gidduutti kan adeemsifamudha. Taphni Qillee kan adeemsifamu dhiirota qofaan yoo ta’u taphattoonnis huccuu aadaa naannawa isaaniitti beekamu uffachuuni kan taphatamu. Naannawa tokko tokkotti taphni Qillee kan geggeeffamu abbaa murtii tokkoof gorsitoota waliin ta’uun karra eegdonni afur taphicha geggeessu. Tapha kana keessatti yeroo baay’ee wal rukutuun uumamuu waan danda’uuf ofeeggannoon akka taphataniifi keessumaa beekaa akka wal hin rukkunneef abbootiin seeraa taphichaa gidduu dhaabbatanii ilaaluun walitti araarasanii sirreessu.
Walitti bu’insa tapha Qillee keessatti mudatuun haaloo walitti qabachuun hinjiru. Federeshiniin ispoortii aadaa Itoophiyaa tapha Qilleerratti qorannoo geggeessuun qabiyyee aadummaasaa haalaa eegeen seeraafi qajeelfama qopheesseeraafi. Bu’uura qajeelfama aadaafi ispoortiin tapha Qilleefi seeronni haraa torbatti dhihaatan ta’aniiru. Gareen walmorkatan lamaan taphattoota 15 ni dhiheessu. Kana keessaa 10 dirree seenanii kan taphatan yoo ta’an shan ammoo jijjiirraan gara taphichaa seenu. Akkasumas abbaan murtii dirree gidduu tapha kana to’atu, abbootii murtii sararaafi murteessitoonni taphattoota jijjiirraan galchan jiraatu. Taphichi walumaagalatti sa’a boqonnaa dabalatee daqiiqaa 60 qaba.
Gareen lachuu qixa yoo ba’an yeroon dabalataa daqiiqaan 15 ni dabalama. Tapha kanarratti haala dargaggoonni garee uumanii mo’achuuf taphataniifi haala deggartoonni haamilee itti kennan daran nama hawwata. Erga taphichi dhumee booda gareen injifate badhaasawwan kan akka hoolaafi dhugaatiiwwan aadaa badhaafamuun injifannoosaanii waliin sirbanii kabajatu. Gareen injifates garee injifatameef cimina isaa agarsiisuuf aarsuuf sirboota aadaa naannawichatti beekaman sirbaa marsu.
Guddinaa Asaffaatiin


