Humnoonni Filannoo Nagaa Fudhatan Wabii Jireenyaa Amansiisaa Akka Qabataaniif Hojjetamaa Jira

Dameen bulchiinsaa naannoo Amaaraa waltajjii raawwii gamaaggama karoora ji’oota jahaa geggeesseera. Waltajjicha irratti dhaabbileen damee bulchiinsaa naannoo Amaaraa jalatti argaman gabaasa isaanii ji’oota jahan darbanii dhiheessaniiru. Itti gaafatamaa Biiroo Nageenyaafi Tasgabbii Naannoo Amaaraa Isheetuu Yusuf (Dr) nageenya amansiisaa fiduuf qindoominaan hojjechuun gahee guddaa qabaachuu ibsaniiru. Kana mirkaneessuufis hawaasni tumsuu akka qabu hubachiisaniiru. Dhabamuun nageenyaa naannicha miidhaa waan jiruuf olaantummaa seeraa mirkaneessuuf karaa qindoomina qabuun hojjetamuu qaba jedhaniiru. ‎‌

Hojii nageenyaafi misooma itti fufinsa qabu itti fufsiisuuf, mootummaan naannichaa damichaaf xiyyeeffannoo kennuun deggaruu akka qabu kan himan ammoo, Komishinii Milishaa naannoo Amaaraa Aschaalee Alaamirrooti. ‎‌ ‎Sadarkaa Itti aanaa Bulchaa Olaanaa naannichaatti Qindeessaan Damee Bulchiinsaa Amaanu’el Farradaa (Dr) gamasaaniin, hojiiwwan ji’oota jahan darbanitti gama damee haqaan hojjetamaniin raawwiin fooyyee qabu jiraachuu kaasaniiru.

Nageenya naannichaa waaressuuf dhaabbilee amantaa waliin daran hojjetamuus himaniiru. Caasaa milishaa jabeessuun dandeettiin olaantummaa seeraa mirkaneessuu fooyya’uusaafi hojiin hubannoo uumuu malaanmaltummaa irratti qabsaa’uu gaarii akka ta’e eeraniiru. Akkasumas, qaamolee filannoo nageenyaa fudhataniif hoj-maatilee diriirsuun wabii jireenyaa itti fufinsa qabu akka qabaataniifi hoj-maata qindoomina qabu cimsuun nageenya waaraaf hojjetamuu akka qabu hubachiisaniiru.

 

Oduu

AMECO Hirkoo