Maddoota galii mootummaa keessaa inni guddaan galii gibira lammiilee irraa walitti qabamudha. Mootummaanis, galii kana walitti qabuun hojii bu’uuraalee misoomaa adda addaaf oolcha. Kaffaltoota gibiraa amanamoo keessaa tokko kan ta’an jiraataan magaalaa Kamisee Ahmad Abdallaa daldalaan jireenya isaanii akka geggeeffatan himaniiru. Gibira irraa eegamu waqtiin waan kaffalaniif kanaanis amanamummaa argachuun ‘kaffalaa gibiraa amanamaa’ jedhamuun sagantaa beekamtiifi jajjabinaa qophaa’erratti badhaasa argachuu ibsaniiru. ‘’Galii argatan irraa bu’uura qajeelfamni labsii gibiraa jedhuun waan itti murtaa’e dhibaa’ummaa tokko malee yeroon ofirraa kaffaluu dubbataniiru. maallaqa sassaabamaa tureen hojiileen misoomaa adda addaa magaalaa keenya keessatti hojjetamaa jiran argaa waan jirruuf gibira nurraa eegamu gammachuun yeroon kaffalaa jirra’’ jedhaniiru.
Obbo Gammadaa Guutaa Qajeelcha Galiiwwanii Bulchiinsa Sablammii Oromootti Qindeessaa Adeemsa Hojii Barumsa Gibiraafi Qunnamtiiti. “Gibirri hojii hojjennuuf bu’aa argannu irraa ka’uun dhibbentaa muraasa qajeelfama irratti hundaa’uun galii mootummaaf kafalamudha” jedhaniiru. Biyyoota badhaadhan keessatti gibira kaffaluun akka nama maatiif waan barbarbaachisaa guutuuf baajata ramaduutti kan fudhatamu ta’uu obbo Gammadaan himaniiru. Hawaasni gibira amanamummaafi yeroon akka kaffaluuf hojiin dadammaqsuu, seera gibiraafi taaksii kabachiisuu gama qajeelchichaan hojjetamuu addeessaniiru. Obbo Gammadaan, adeemsa bittaafi gurgurtaa keessatti nagahee kennuufi gaafatanii fudhachuu dhabuun gibirarratti dhiibbaa guddaa uumaa jiraachuu akka rakkootti kaasaniiru.
Daldalaan galii dhoksuun gibira waliin dhahuuf yaaluuniifi sirni daldalaa ammayyaawaa ta’e dhabamuun sababoota galii gibiraafi taaksii irratti gufuu ta’aa jiran ta’uu eeraniiru. ”Seera gibiraafi taaksii kabachiisuuf hunduu qaama gibiraafi taaksii dhoksuufi waliin dhahuu saaxiluu qabna” jedhaniiru. Rakkicha furuun kan bara darbee caalaatti galii walitti qabuuf hubannoon kaffaltoota gibiraa kuma 11 oliif dhimma gibiraarratti kennamuu himaniiru.
Itti gaafatamtuun Qajeelcha Galiiwwanii Bulchiinsichaa aadde Amiinaat Huseen “bara baajataa kanatti galii idileefi tajaajila magaalotaa irraa birrii biiliyoona tokko tuqaa 5 ol walitti qabuuf karoorfanneerra” jedhaniiru. Kanaanis, hanga gabaasni kun qindaa’etti, birriin Miiliyoona 569 ol walitti qabameera. Karoorri qabame dhibbentaa 38 ol milkaa’uusaa kaasanii, karoora bara darbeen wal bira qabamee yoo madaalamu dhibbentaa 62 oliin guddina agarsiisuu ibsaniiru. Aadde Amiinat bulchiinsichatti, lakkoofsi kaffaltoota gibiraa sadarkaa ‘A’ hanga ‘C’tti jiran waliigalaan Kuma 11tti kan siiqan ta’uu dubbataniiru. “Kaffaltoota gibiraa dirqamasaanii beekuun yeroon gibira kanfalaniif beekamtii kennuun jajjabeessaa jirra” kan jedhan aadde Amiinat, kunis kanneen kanfaluurratti gara boodaatti harkifatan kakaasuuf shoora qabaachuu himaniiru.
Waliin gahiinsa gibiraarratti haalaan hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru. ‘’Mootummaan qabeenya gahaa of harkaa hin qabne gaaffii misoomaa hawaasni gaafatu deebisuu hin danda’u’’ kan jedhan itti gaafatamtuun kun, galii mootummaa dabaluuf kaffaltoonni gibiraa dirqama qaban bahachuun barbaachisaa ta’uu hubachiisaniiru. Gaaffiin misoomaa hawaasa bulchiinsichaa yeroodhaa gara yerootti dabalaa akka jiru kan himan itti gaafatamtuun kun, kanaaf deebii si’ataa kennuuf kaffaltoonni gibiraa yeroon kaffaluu akka qaban hubachiisaniiru. Akkasaan jedhanitti, galiin walitti qabamu deebi’ee dhaabbilee hawaasummaafi bu’uuraalee misoomaa ijaaruuf waan ooludha. Fedhiin misoomaa dabaluun qofti faayidaa kan hin qabne ta’uu kaasanii, qaamni galii argatu tokko galiisaa giddugaleeffatee gibira yeroon kaffaluu amaleeffachuu qaba jechuun hubachiisaniiru.
Guddinaa Asaffaatiin


