Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii haleellaa Amerikaan Veenzuweelaa irratti raawwatte balaaleffateera. Ogeessi olaanaa farra shororkeessummaafi mirga namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii, Ben Saa’ol, haleellaa Amerikaa Veenzuweelaa irratti raawwate “haleellaa seeraan alaadha” jechuun balaaleffateera. Saa’ol ibsa isaan “haleellaa seeraan alaa Amerikaan hoogganaa Veenzuweelaa Nikolaas Maaduroofi haadha warraa isaa seeraan alaan hidhuu nan balaaleffadha, lubbuun lammii Veenzuweelaa darbe hundi mirga lubbuun jiraachuu sarbuudha” jedheera. Mootummaan Veenzuweelaa duraan, Ameerikaan dhaabbilee siiviilii fi waraanaa kutaalee biyyattii hedduu keessatti haleellaa raawwatte jechuun himateera; labsii hatattamaa biyyaalessaas labseera.
Tiraampi immoo miidiyaa hawaasaa isaanii ‘Truth Social’ irratti, haleellaa bal’aa raawwateefi pirezidaantii Veenzuweelaa Nikolaas Maaduroofi haadha warraa isaa qabee biyya keessaa baase jedheera. Haleellaan kun kan raawwatame erga Ameerikaa waliin ji’ootaaf waldhabdee uumamee booda yoo ta’u, Ameerikaan Maaduroo daldala qoricha sammuu namaa hadoochu keessatti harka qaba jettee himatte. Maaduroon garuu himannaa kana mormuun, “Amerikaan qabeenya boba’aa Veenzuweelaa to’achuuf yaalaa jirti” jechuun, marii geggeessuuf qophii ta’uu ibsee ture. Humni addaa Ameerikaa Veenzuweelaa irratti haleellaa raawwachuun pirezidaantii yeroo dheeraa biyyattii Nikolaas Maaduroo qabuufi biyya keessaa baasuusaa hordofee Miseensonni Gamtaa Awurooppaa 26 Dilbata darbe ibsa waliin baasuun haleellaa waraanaa Ameerikaan Veenzuweelaa irratti raawwatteen walqabatee, nageenya obsaafi seera idil-addunyaa kabajamuu akka qabu gaafataniiru.
Hoggantuun imaammata alaa Gamtaa Awurooppaa Kaja Kallas, “Gamtaan Awurooppaa hundi obsaafi tasgabbii akka qabaatan waamichan dhiheessa. Seera idil-addunyaafi heera Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii yeroo hunda kabajamuu qaba,” jetteetti. Ibsi kun, miseensota gamtichaa mana maree nageenyaatti gaafatamummaa addaa qaban akka seera idil-addunyaa tiksan kan yaadachiisedha. Mirgi uummata Veenzuweelaa ofiin murteeffachuu akka kabajamuus gaafateera. Barreessaan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Guteerees, tarkaanfii Ameerikaan Veenzuweelaa irratti fudhatteen ”seerri idil-addunyaa kabajamuu hafuun akkaan nama yaaddessa,” jedhaniiru.


