Giddu-Galli Daldala Ammayyeessuu Danda’u Eebbifame

 

Bulchiinsa Magaalaa Kombolchaatti Giddu-galli Oomisha Qonnaafi Gabaa Boorchellee Sadarkaa 2ffaa birrii miiliyoona 120’n ijaarame Eebbifameera. Ministirri Daldalaafi Walitti Hidhaminsa Naannoo Kassahun Goofee (Dr), haasawa saganticharratti taasisaniin, cabinsa sirna daldaalaa suphuudhaan gabaa ammayyeessuufi bu’uuraalee gabaa dhiyeessuuf xiyyeeffannoon kennamee hojjetamaa jira jedhaniiru.

‎Wiirtuuwwan daldalaafi gabaa babal’isuun alattis, baasii jireenyaa tasgabbeessuufi dijiitaala gochuun hawaasa fayyadamoo taasisuuf tattaaffiin taasifamu cimee kan itti fufu ta’uu ibsaniiru. Daldaala gargar ciccitaa jiru walitti qabuu, misoomsuufi dijiitaala gochuun hojiin daldaala kanaaf haala mijeessuuf hojjetame bu’aa gaarii argamsiisus ibsaniiru.

‎Sadarkaa Itti Aanaa Bulchaa Naannoo Amaaraatti Qindeessaan Kilaastara Misooma Magaalaa Naannoo Amaaraa,  Ahmaddiin Muhaammad (Dr) nagaa naannichaa eeguun alattis pirojektoota nama irratti xiyyeeffatan xiyyeeffannoon kennamaa jiraachuu ibsaniiru.

Magaalota keessatti wiirtuuwwan gabaa ijaaruufi babal’isuun oomishaalee hawaasaaf gatii madaalawaadhaan dhiyeessuun baasii jireenyaa hir’isuufi gabaa tasgabbeessuuf tattaaffiin taasifamaa jiru cimuun bu’aa galmeessisuun itti fufa jedhaniiru. Itti gaafatamaan Biiroo Daldalaafi Misooma Gabaa Naannoo Amaaraa, Ibraahim Muhammad (Dr), bu’uuraaleen gabaa baasii jireenyaa tasgabbeessuuf murteessaa ta’uu ibsaniiru. Gabaa kana tasgabbeessuuf godinaalee naannichaa adda addaatti wiirtuuleen gabaa ijaaramanii hojiitti galuu isaanii eeraniiru. Bara kanas naannichi wiirtuuwwan daldaala babal’isuufi fooyyessuuf birrii biiliyoona walakkaanii ol ramaduu isaa ibsaniiru.

‎Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Kombolchaa obbo Mohaammad Amiin, hawaasni mootummaa waliin ta’uun nagaa magaalichaa mirkaneessuufi fayyadamummaa uummataa mirkaneessuuf hojjechaa jirra jedhaniiru

‎Giddu-galli daldalaa ammayyaa Birrii miiliyoona 120’n ijaarame eebbifamuu isaa beeksisaniiru. Giddugalichi oomishaalee industiriifi qonnaa gatii madaalawaadhaan hawaasaaf dhiyeessuu, oomishtootaafi fayyadamtoota kallattiin kan walqunnamsiisu ta’uu ibsaniiru.

‎Eebba kanarratti ministiroonni Federaalaafi Deetaa ministeerotaa, hoggantoonni biiroowwan daldalaafi misooma gabaa naannolee hundarraa, hoggantoonni bulchiinsa magaalaafi qooda fudhattoonni biroo argamaniiru.

‎Moosisaa Fufaatiin

Oduu

AMECO Hirkoo