Akka biyyaatti hojii kunuunsa qabeenya uumamaa irratti qorannoo bara 2003 hanga 2014 sulullan 92 irratti taasifameen, gabbinni biyyee, oomishaafi oomishtummaan daran dabaluun mirkanaa’eera. Gaarreen mancaatiin midhamaniifi burqaawwan goganii turan tokko tokko mirgisuu jalqabaniiru.
Iddowwan hojiin kunuunsa qabeenya uumamaa itti adeemsifamaa tureefi jiru keessaa tokko Bulchiinsa Sablammii Oromootti aanaa Dawwee Harawaati. Jiraataan aanaa Dawwee Harawaa ganda Burraaqsaa obbo Ahimad Mahaammad hojii misooma qabeenya uumamaa hojjetameen fayyadamoo ta’uu dubbataniiru. Hojiin qabeenya uumamaa dhiqama biyyee maqsuun gabbinni biyyee akka fooyya’u taasisee oomishaafi oomishtummaa keenya dabaluun midhaan nyaataan akka of dandeenyuuf nu gargaaraa jira jedhaniiru. Kanaan dura hektaara tokkorraa callaa kuntaalaa 25 argachaa turuu kaasanii, jijjiirama hojii qabeenya uumamaan argameen kuntaala 40 ol argachaa jiraachuu eeraniiru.
Erga hojiin misooma sululaafi kunuunsa qabeenya uumamaa irratti hojjetamee bu’aawwan jajjabeessoon waan argamaniif bara kanas ciminaan hojjechuuf fedhii qabaachuu himaniiru.
Hojiin misooma qabeenya uumamaa barootan darbanitti hojjetamaa turan milkaa’ina inisheetiivii misooma qonnaaf gumaacha olaanaa taasisuu kan himan ammoo, itti gaafatamaa Waajjira Qonnaa Aanaa Dawwee Harawaa obbo Indiris Sa’ididha. Hojiileen qabeenya uumamaa irratti hojjetaman bu’aa qabatamaa argamsiisuu isaaniin qonnaan bultoota jajjabeessaa jiraachuu himaniiru. Hojiin misooma sululaa itti fufinsaan hojjetamaa tureen gabbinni biyyee dabaluufi jiidhinsi biyyoo keessatti qusatamaa dhufuusaan oomishaafi oomishtummaan qonnaan bulaa dabalaa jiraachuu kaasaniiru. Itti dabaluun maddeen bishaanii dandamataniin filannoon bishaanii uumamuu kan kaasan itti gaafatamichi, kunis misoomni jallisii, tajaajilli bishaan dhugaatiifi dhimmoota biroof oolu akka jiraatu taasisuun jiraattota aanichaaf faayidaa guddaa argamsiisuu hubachiisaniiru.
Dargaggoonni hojii dhabbeeyyiin kuduraaleefi muduraalee garagaraa dhaabuun, horsiisa kannisaafi lukkuu akkasumas furdisa loon irratti gurma’aanii akka hojjetaniif carraa banuusaa kaasaniiru.
Hojiin kunuunsa bishaaniifi biyyoo sagantaa ashaaraa magariisaa deggaruun lafti bosonni irraa manca’ee ture akka misoomu taasisuu kaasaniiru. Akkasaan jedhanitti, biqiltuuwwan sagantaa ashaaraa magariisaan baroota garagaraatti aanichatti dhaabamaa turan giddu-galeessaan dhibbentaan 75 ol misoomaniiru. ‘’Haala qabatamaa jiruun hammi bosonaa aanaa keenyaa dhibbentaa 16 irra gaheera’’ jedhaniiru. Sadarkaa aanichaatti sulullan 73 misoomanii jiraachuu himanii, bara kanas namoota kuma 18 ol hirmaachisuun hojii kunuunsa misooma qabeenya uumamaa kan hojjetamu ta’uu eeraniiru.
Sadarkaa itti aanaa Bulchaa Olaanaa Naannoo Amaaraatti hogganaan kilaastara baadiyyaa Diras Saahiluu (Dr) waggoota darban keessatti hojiiwwan kunuunsa qabeenya uumamaa naannichatti hojjetaman omishaafi oomishtummaa dabalu himaniiru. Waggoota darbanitti sagantaa ashaaraa magariisaan biqiltuu dhaabamaniin dhiqamni biyyee hir’ateera; uwwisni bosonaas dabaleera jedhaniiru. Akkasaan jedhanitti, naannichatti bara kana lafti hektaarri kuma 456 irratti suluullan kuma 9 fi 206 ni misoomu jedhameera.
Guddinaa Asaffaatiin


