Tokkummaa Keessoo Cimsuun Diinota Alaa Ittisuu

                     Tokkummaa Keessoo Cimsuun Diinota Alaa Ittisuu

Biyyi keenya waggoottan darban gufuuwwan keesaafi alaan qoramaa turtullee harka marattee teessee ilaalaa hin turre. Tokkummaa lammiilee biyyaattiifi mootummaatiin nageenya isheefi tokkummaa ishee eeggattee rakkoowwan danuu injifachuu dandeesseetti. Yeroo ammaa Itoophiyaan imala guddina diinagdeefi ijaarsa meegaa pirojeektoota hedduu irratti kan argamtudha. Misoomaafi diinagdee kana galmaan gahuuf nageenyi keessoo biyyattii baay’ee barbaachiisaafi murtessaadha. Wal dhabdee keessoo uumame furuuf mootummaan waamicha nageenyaa yeroodhaa gara yerootti taasisaa kan jiruufi qaamoleen hidhatanii turanis yeroodha gara yerootti waamicha kana fudhachuun daandii nagaa filatanii galuu irratti argamu. Kunis waldhabdee keessoo biyyattii furuufi nageenya ishee tasgabbeessuf agarsiiftuu guddaadha. Wal dhabdee keessoo hiikun nageenya biyyaafi tokkummaa biyyaa eeguun diinota alaa ofirraa ittisuufis faayidaa olaanaa qaba.

Jiraataan aanaa Dawwee Harawaa ganda Booraa, obbo Toleeraa Gaashaawu, walitti bu’insaan faayidaan argamu kamuu kan hin jirre ta’uu dubbataniiru. Walitti bu’insi miidhaa malee faayidaa kan hin qabneefi bu’aa walitti bu’insaa biyya barbadeessuu akka ta’e arginee jirra kan jedhan obbo Toleeran, ammas warreen daandii nagaarra hin jirre gara nagaatti dhufuu akka qaban himaniiru. Qaamoleen hidhatanii bosona jiran karaa nagaa galanii mootummaa bira yoo dhaabbatan dhiibbaa uumuu akka danda’an ibsaniiru. Biyya keenyarratti waggottan darbe ololli biyyoota alaatiin gaggeefamaa turuu kaasuun, kanaan dura tokkummaan injifanne ammas tokkummaan injifachuuf lammileen mootummaa waliin dhaabbachuu akka qaban dubbataniiru. Jiraataan kun waan danda’aniifi waan qabaniin tokkummaan mootummaa bira dhaabbachuun dhiibbaa biyyoota alaa injifachuu akka qabanis dhaamaniiru.

Aanichatti jiraataa ganada Dirree obbo Sayid Usmaan, wal dhabdee keessoo karaa nagaan osoo lubbuun namaa hin darbaniifi qabeenyi hin qisaasa’in galuun filannoo gaarii ta’uu dubbataniiru. “’sa’a abbaan gaanfa cabse ormi ija balleessa’ jedhee Oromoon akkuma mammaaku, yoo nuti tokkummaa biyya keenyaa hin eegganne, diinonni alaa qaawwa argachuun diigumsa biyya keenyaaf hojjattu’’ jedhaniiru. Nageenya biyyaa eeggachuun dirqama lammilee hundaa ta’uus kaasaniiru. Hojii misoomaa hojjechaa nageenya kana itti fufsiisufis qaamni hundi hirmaannaa gochuu akka qabu dhaamaniiru.

Tajaajila Immigireeshiinii Itoophiyaatti ogeessa eegumsa daangaa Masfin Tasfaayee, biyyi keenya kanaan dura rakkoowwan keessoo isheetti muullatanin midhamaa turteetti jedhaniiru. Miidhaawwan dhaqqabeenis lubbuun namaa darbuu dabalatee qabeenyi tajaajila hawaasaa baayyeen manca’uu dubbataniiru. Yeroo ammaa qaamoleen karaa seeraan alaa hidhatanii bosona keessa socho’aa turan karaa nagaa galuu irratti argamuu ibsaniiru. Qaamoleen kunis mootummaa waliin dhaabbachuun isaanii diinota alaa ittisuuf faayidaa guddaa akka qabudha jiraataan kun kan eeran. ‘’Hidha haaroomsa guddicha laga Abbayyaa irratti akkuma tokkummaan dhaabbannee injifachuu dandeenye, ammas gaaffilee hulaa galaanaa Itoophiyaan kaasaa jirtu itti fufsiisuf tokkummaan keessoo biyyaa cimee itti fufuu qaba’’ jedhaniiru. Biyyi tokko tokkummaa ishee yoo eeggatte dhiibbaa biyyoota biroorra irra gahu akkuma dandamachuu dandeessu, biyyi keenyas tokkumman keessoo jiraannan akka salphaatti diinota alaa ofirraa qolachuu akka dandeessu ibsaniiru. Kanaafis tokkummaa keessoo eeggachuuf qaamoleen hundi tokko ta’uu akka qaban dhaamaniiru.

Barsiisaa Indaaluu Mullataa Godina Qeellam Wallaggaa aanaa Dallee Sadiitti barsiisaa Seenaati. kanaan dura wal dhabdee biyya keessatti uumamee tureen miidhaan cimaan gama garagaraatin dhaqqabeera jedhaniiru. Miidhaan qaamoleen seeran ala hidhatanii bosona jiran geessisaniin barbaada’uu bu’uuraalee misoomaa, manca’uu manneen barnootaa, daandiiwwanii, danqamuu hojiilee misoomaafi rakkoowwan geejjibaa dhaqqabsiisaa turaniin hawaasni miidhaaf saaxilamaa turuu dubbataniiru. Waamicha nageenyaa mootummaafi uummanni taasiseen qaamoleen hidhatanii bosona keessa turan karaa nagaan galuu irraa kan ka’e lammileen biyyatti boqonnaa haaraa argachuu dubbataniiru.

Keessummaa immoo qaamoleen waamicha nagaa fudhachuu dhisaanii hidhatanii bosonatti hafan ergama biyya diiguu diinota alarraa fudhatanii sochaa’aa kan jiraniifi icciitii biyyaa diinota alaaf dabarsanii kennuuf hojjechaa kan jiran ta’uu dubbataniiru. Kanaaf qaamoleen kun ammallee karaa nagaan galanii birmadummaa biyyaa eegsisuu akka qaban gorsaniiru. ‘’Rakkoon mariin furamuu hin dandeenye addunyaarra hin jiru’’ kan jedhan barsiisaan kun, rakkoowwan jiran kana wal ta’anii furuun nageenya biyyaa eeguun barbaachisaa ta’uu kaasaniiru. Gara fuulduraattis rakkoo keessoo hiikun tokkummaan biyya keessaa yoo eegame diinoota alaa ofirraa ittisuun ni danada’ama

Moosisaa Fufaatiin

Oduu

AMECO Hirkoo