Xumura Marii Biyyaaleessaa Milkeessuun Itoophiyaaf Daandii Haaraa Ni Saaqa

‎Itoophiyaan seenaa qaroominaafi sirna mootummaa dheeraa qabaattus dhimoota xixiqqaan maraammartoo walitti bu’insa keessa turtedha. Akka biyyaaleessaatti dhimmoota gurguddoo biyyattirratti waligalteen irra hin gahamne. Adeemsa ijaarsa biyyaa keessatti yaadni jiru seenessa qenxeefi shiiraaf kan saaxilamedha. Walqixxummaafi bilisummaan lammilee biyyattii bakka gara garaattii sarbamaafi dhitamaa kan turee rakkoo dhimoota gurguddoorratti waligalteen waan hin jirreefi.

Heerri biyyattii hojiirra oolaa jiru saboota hedduu keessatti gaafi “bakka nuu hin bu’u” kan jedhamudha. Sirna federaalizimii biyyattiin hordoofaa jirtu walshakkuufi walgaareffannaa sabootaa kan uumedha. Naannoolee hedduutti lammileen hundi komii walqixxummaan fayyadamummaa dinagdeefi hirmaannaa siyaasaa hin qabnu jedhu ni kaasu. Itoophiyaan weeraraafi waraana biyyoota kaminu irratti baname cichoominaafi tokkummaan biyya birmadummaashe eegatte as geessedha. Rakkoo siyaasaa, walitti bu’insiifi wal-waraansi keessoo biyyattii garuu hanga yoonaatti dhaabbachuu hin dendenye. Kunis carraa guddachuu qabnus, hiyyummaa keessa akka turru nu taasisaa jira. ‎

Haata’u malee Itoophiyaan rakkolee yeroo dheeraaf lammileen biyyattii kaasan mariin hiikuuf yeroo jalqabaaf carraa marii biyyalessaa taasisu argateetti. Hundeeffamni koomishinii marii biyyaalessaa maraammartoo rakkoo siyaasaaf nu saaxilaa turaniif hundeen ilaalu isa dandeessisa. Mariin biyyaaleessaa erga hundeeffame asitti naannoo Tigraay maleetti naannoolee hunda keessatti hojiileen marii taasisuufi ajandaa walitti qabuu xumurameera. Naannoo hafe kana keessattiis yeroo dhihootti gaggeessuuf qophiin taasifameera. Koomishichi hojii ajandaa walitti qabuu biyya keessaafi diyaaspooraa Itoophiyaa giddutti taasifame milka’inaan kan fuudhatamudha.

Koomishiniin marii biyyaaleessaa hojiilee xumuraa irratti argama. Yeroo hojii seeraan itti keennames bara kanatti ni goolabama. Hojiileen koomishinichaa seeraan isaaf keenname Itoophiyaanootaaf carraa marii banuufi loogii tokko malee yaadoota ka’an sassaabuufi walitti qabudha. Kun seenaa biyyattii keessatti isa jalqabaati. Kanaan dura akka biyyaalessaatti sadarkaa kanaan dhimma biyyaarratti mariin hin taasifamne. Kun milkaa’ina guddaa keenyaati. Mariin kun waggoottan 50 dura kan taasifamu qabuufi yaadame kan hin gaggeffamne ta’us bakka geenye kana taasifamuun isaa carraa guddaadha.

Aadaa siyaasaa mariifi olaantummaa yaadaan wal abboomuu kan fidudha. Seenessa waloofi dhimoota gurguddoo biyyattirratti waligalteefi wal hubannaa kan uumudha. ‎Adeemsi marii biyyaalessaa sadarkaalee hedduu bira darbee marii biyyaalessaa waligalaa taasisuuf qophiin xumurameera. Adeemsa bira darbee hunda kana milkeessuufi galma Komishiinichaa kan murteessu sadarkaa kanadha. Marii waligalaa biyyaalessaa kun seenaa biyyattiin keessa turte dandeetti jijjiruu qaba; seenessa haaras ni umma. Imala biyyattiif daandii haaraa ni saaqa. Adeemsa kana milkeessuuf gaheen Itoophiyaanootaa hundi murteessaadha. Hunda caalaa mootumman gahee leencaafi itti gaafatamummaa guddaa qaba. Marii biyyaalessaa milkeessuun abdii lammilee biyyattii milkeessuudha yaanni jedhu ibsa ejjannoo keenya har’ati.

Oduu

AMECO Hirkoo