Hoggansi dandeettiifi gahumsa qabu kenninsa tajaajila hawaasummaa keessatti gahee olaanaa taphata. Hoggansi gaariin hojmaata eegsisuun qulqullina tajaajilaa ni fooyyessa. Rakkoolee bulchiinsa gaarii furuun kenninsa saffisa tajaajilaa dabala, adeemsa hojii loogii irraa walaba ta’eefi haqummaa qabu akka jiraatu gochuun, hawaasni hundi wal-qixxummaan akka itti fayyadamu ni hojjeta. Amanamummaa hawaasaafi mootummaa gidduu jiru ni cimsa. Hojmaata iftoomina qabu diriirsuun qabeenya uummataafi mootummaa saamicha irraa eega. Pirojaktoonni misoomaa kanneen akka bishaanii, ibsaafi buufata fayyaa haala qindoomina qabuun akka diriiraniif hojjeta. Kana malees rakkoolee hawaasummaafi siyaas-diinagdee hiikuuf dandeettin hoggansaa baay’ee murteessadha. Hogganaan gaarii ta’e hawaasa keessattis kabajaafi ulfina olaanaa qaba.
Hoggantoota imimmaan uummataa haquun rakkoo blchiinsa gaarii furan keessaa tokko Obbo Abduu Sayididha. Obbo Abduu Sayid bulchiinsa sablammii Oromoo aanaa Dawwee Harawaatti itti gaafatamaa waajjira fayyaati. Akka aanichaatti gaggeessaa itti gaafatamummaa isaanii sirnaan bahataniifi adda durummaan kenninsa tajajilaa hawaasummaa irratti argaman keessaa isa tokkodha. Obbo Abduun dhalatanii kan guddatan aanaa Dawaa Caffaa ganda Goodaatti yoo ta’u, barnoota isaanii sadarkaa 1ffaa achuma ganda Goodaa mana barumsa Riqee sadarkaa tokkoffaatti baratanii xumuran. Barnoota sadarkaa 2ffaa isaanii mana barumsaa Kamiseetti kan barataniifi Yuunivarsiitii Walloo irraa gosa barnootaa Meedikaal Laaboraatooridhaan diigrii jalqabaa isaanii fudhatan.
Obbo Abduun gara hojiitti kan galan bara 2010 aanaa Dawaa Caffaatti buufata fayyaa Jaarraa jedhamu keessattidha. Nama ogummaa isaanitiin adda durummaafii itti gaafatamummaa isaanii nama sirnaan bahan waan ta’eef bara 2017tti itti gaafatamaa waajjira fayyaa aanaa Dawwee Harawaa ta’uun muudamaniiu. Obbo Abduun erga gara gaggeesuummaatti dhufan turtii waggaa tokko keessatti hojiilee bal’aa hawaasichaaf kennuun adda durummaa irratti kan argamanidha. Akka hogganaan adda duree kun jedhaniitti hojiin fayyaa hojii kenna tajaajila lammummaati. ‘’Hoggansiifi ogummaan koo akkan ciminaan hawaasa tajaajiluuf na gargaarera’’ jedhaniiru. Hoggansa jechuun nama imaanaa uummataa baatee deemu waan ta’eef aangoo ofitti sirnaan fayyadamuun hawaasa tajaajiluun carraa guddaadhas jedhaniiru.
’’Ogummaa fayyaatiin hawaasa koo tajaajiluun ijoollummaa kootii eegalee hawwii kooti’’ kan jedhan obbo Abduun, dhimmi fayyaa dhimma boruun hojjedha kan jedhan osoo hin taane dhimma lubbuu baraaruu waan ta’eef kutannoon akkan hojjedhu na taasiseera jedhaniiru. Hoggansi kamiyyuu damee irra jiru irratti naamusafi seera hojmaataa eeguun dirqama itti kenname bahachuu akka qabus gorsaniiru. ‘’Hogganaan sadarkaan jiru kamiyyuu faayidaa barbaachaaf osoo hin taane akka hawaasa tajaajiluuf itti gaafatamummaa kan itti kennamedha’’ kan jedhan obbo Abduun, gaggeessaan aangoo dahoo godhatee uummata miidhu tarkaanfii seera qabeessi irratti fudhatamuu qaba jechuun hubachisaniiru. Faayidaan uummata ofii faayidaa dhuunfaa kan dursuufi hoggansi hunduu faayidaa uummataaf hojjechuu akka qabus dhaamaniiru.
Aanaa Dawwee Harawaatti jiraataan ganda Booraa, obbo Birihaanuu Ashaaggiree, obbo Abduun gaggeessaa dandeetti qabuufi itti gaafatamummaa isaa sirnaan bahatu ta’uu ragaan bahaaf jedhaniiru. Sababa hogganaa cimaa kanaatiin hojiilee gama fayyaatin aanicha keessatti hojjetameen hawaasni boqonnaa haaraa argachaa jirachuu kaasaniiru. Damee fayyaa qofa osoo hin taanee dameelee jiran hunda irratti gaheen gaggeessaa murteessaa waan ta’eef gaggeessitoonni qixa sirriin akka obbo Abduutti tajaajila uummataa irratti hojjechuu akka qaban dhaamaniiru.
Obbo Umar Qaadii, jiraataa aanaa Dawwee Harawaa ganda Madiinee Kunniyyooti. Obbo Umar akka jedhanitti obbo Abduun nama quuquma haawasaa qabuufi nama halkaniif guyyaa tajaajila uummata isaatiif dadhabudha. Obbo Abduun hogganaa ciminaan adda duree ta’uu isaa eerun, kenna tajaajila fayyaa hawaasaa irratti hanqinaleefi qormaatileen jiranillee humnaafi dandeetti isaanii guutuun hawaasa tajaajilaa jiraachuu dubbataniiru. ‘’Fayyaa hawaasaa eeguuf hogganaa cimaa barbaachisa’’ kan jedhan obbo Umar, aanicha keessattis hojileen gama gaggeessaa fayyaatin hojjetaman boru hawaasa keenyaaf abdii guddaa kan namatti horudha jedhaniiru.
Afa yaa’iin mana maree aanaa Dawwee Harawaa Zahaaraa Huseen, ulaagaa guca naannon sadarkaa sektaraalen ittiin adda bahan isaaniif ergeen waajjirri faayyaa aanichaa sadarkaa jalqabaafi adda duree ta’uu dubbataniiru. Bu’aan Kunis argamuu kan danda’e hogganaan waajjirichaa itti gaafatamummaa isaa sirnaan bahachuufi ogeessonni sirnaan akka hojjetaniif kakaasuu keessatti gaheen obbo Abduun bahatan guddadha jedhaniiru. Aadde Zahaaraan gaggeessitoonni kamiyyuu itti gaafatamummaa isaanii sirnaan akka bahataniif hojjachaa jirras jedhaniiru.
Moosisaa Fufaatiin


