Itti aanaan komishinara Komishinii Siivil Sarvisii Federaalaa, Almaaz Massala, Giddu galli kenniinsa tajaajila iddoo tokkoo lammiileen fedhii tajaajila mootummaa qulqullina qabu sirnaan akka argataniif ni tajaajila jedhaniiru. Sirni tajaajila gidduu gala dhaabbata iddoo tokkoo kallattii imaammataa, haaromsaafi bu’uura seeraa keessatti kaa’ame irratti hundaa’uun hojiirra oolaa kan jiru ta’uu ibsaniiru.
Hojiirra oolmaan kun xiyyeeffannoo addaa Ministirri Muummee Abiy Ahmad (Dr) tajaajila mootummaa sirreessuuf kennan irratti kan hundaa’e ta’uus ibsaniiru. Kanaanis marsaa jalqabaatiin sirni giddu gala tajaajila iddoo tokkoo akka federaalatti dhaabbilee 12 keessatti tajaajilootni 41 hojiirra ooluu yaadachiisaniiru. Sirni giddu gala tajaajila iddoo tokkoo akka federaalaatti yeroo ammaa lakkoofsa kenninsa tajaajiloota gara 23tti ol guddisuun, waliigalaan tajaajiloota kennaman gara 180tti ol guddisuun, uummata tajaajiluun hojiirra oolaa jiraachuus beeksisaniiru. Tajaajilli dhaabbata iddoo tokko (MASOOB) kun sadarkaa gadiitti dhaqqabummaa isaa babal’isuun naannolee hunda keessatti hojiirra oolaa jiraachuu ibsaniiru. Sadarkaa federaalaafi naannootti babal’achaa kan jiru tajaajilli kun qulqullinaan fedhii tajaajila hawaasaa fooyyessuu keessattis gahee gaarii taphachaa jiraachuu eeraniiru. Dhaabbatni giddu gala tajaajila iddoo tokkoo tajaajila mootummaa qulqullina qabu fayyadamtootaaf kennuufis leenjiin barbaachisaa ta’e kennamaa jiraachuu ibsaniiru.
Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa yaa’ii idilee 10ffaa bara hojii 5ffaa waggaa 6ffaa gaggeesse irratti Ministirri Muummee Abiy Ahmad (Dr) deebiifi ibsa gaaffiwwan miseensota mana maree Bakka bu’lota uummataaf kennaniin giddu galli kenninsa tajajila iddoo tokkoo rakkoolee tajaajilaa furuuf hojilee hojjetaman keessaa tokko ta’uu kaasaniiru. Sadarkaa federaalaa irraa hanga bulchiinsa magaalotatti dhabbanni kenniinsa tajaajila iddoo tokko hanga ammaatti dameewwan 73 banamuun kenninsa tajajila si’ataa, qulqullinaafi iftoomina qabu kennamaa jiraachuu dubbataniiru. Keessumaa wiirtuun kenna tajaajila iddoo tokkoo egaluun tajaajila kennamu ammayyeessuun fayyadamummaa uummataa mirkaneessuuf gumaacha ol’aanaa taasisaa jiraachuu ibsaniiru.
Moosisaa Fufaatiin


