Gahee Duudhaaleen Hawaasaa Ijaarsa Nageenyaaf Qaban

 

Duudhaaleen hawaasaa buleeyyiin ijaarsa nageenyaaf shoora olaanaa gumaachu. Duudhaalee kanneen fayyadamuun walitti bu’insa mudatu hiikuun bu’uura wabii hawaasaati. Walitti bu’insi uumamaan bakka namoonni jiran mara ni jiraata. Walitti bu’insaaf hiikni waltaawaa jiraachuu baatuyyuu “hariiroo qaamota lamaafi isaa ol ta’anii kanneen galma wal hin simanne qaban ykn qabna jedhanii yaadan gidduu jirudha”. Haala akkanaa keessatti qaamni sadaffaan akka gidduu seenu affeeruutiin nagaa buusuun dirqama. Akka biyya keenyaatti duudhaaleen hawaasaa buleeyyiin nagaa buusuun ijaarsa nageenyaaf gumaachan baay’eetu jiru.

Fakkeenyaaf Aanaa Jiillee Dhummuugaatti duudhaalee buleeyyiin nageenyaa buusuuf itti dhimma bahamaa jiraachuu maanguddoonni dubbisne tokko tokko dubbataniiru. Abba-gaar Mahaammad Arbiyyee jiraataa magaalaa Sanbatee yoo ta’an, hawaasni aanichaa akkuma kutaalee hawaasa biroo yeroo waldhabdeen mudatutti duudhaa rakkoo ittiin furatu akka qabu kaasaniiru. Hawaasni Jiillee yeroo nageenyi boora’utti karaa duudhaasaa ganamaatiin sirna “Abbaa Dhiiraafi maanguddoo hojja-dheeressa fayyadamuun rakkoo waldhabdee furuun nageenya buusaa turuufi jiraachuu Abba-gaar Mahaammad himaniiru. Abbaan Dhiiraa, kan dhiira bobbaasuufi warreen nageenya booressan daandii nagaatti qajeelchuuf kutannoon kan hojjetudha” jedhu Abba-gaar kun. Tooftaan inni biroo qaamolee badii raawwatan to’achuufi adabuun gara daandii sirriitti ittiin fiduun danda’amu sirna ittiin bulmaataa “Malkaa Jiillee” jedhamu jiraachuu eeraniiru.

Akka isaan jedhanitti sirna kanatti fayyadamuun waldhabdee furuun rakkoolee waldhabdeen walqabatanii dhufan ittiin to’achaa turaniiru, ammas ittuma jiru. Guyyaa gara guyyaatti rakkoolee walitti bu’insaan qabeenya saamaman irratti, daangaafi dhimmoota biraan rakkoon yoo uumamu hatattamaan bakka sanatti argamuun rakkoo furaa turuu yaadataniiru. Aanaa isaanii irra darbuun naannawaa ollaa hundatti hojii nagaa buusuu kana kan hojjetan ta’uu nuuf qoodaniiru. ‘’Namoota wal dhaban, daangaa irrattis haa ta’u nama wal ajjeesuuf qawwee walitti kaafatu walitti fidnee araarsaa oolla; haala kanaan nageenya hawaasa keenyaa mirkaneessina’’  jedhaniiru.

Haala wal fakkaatuun obbo Ahimad Mahaammad Dukkoo jiraataa aanaa Jiillee Dhummuugaa ganda Luugoo Burqaa Bunaa yoo ta’an, aanichatti jaarsa biyyaa ta’uun kan waldhabe walitti araarsuun beekamu. ‘’Hawaasni keenya durirraa jalqabee jaarsummaatti amana; nu biratti rakkoon tokko yoo mudatu dursa maanguddoo hojja-dheeressaan ilaalama, dubbiin dabde isaan biratti qajeelti’’ jedhaniiru. Kana keessatti kan badii raawwate adabbiitu itti murama, kan miidhameef ammoo beenyaatu kennama jedhaniiru. Adeemsa kanaan hawaasa gidduutti nagaan akka bu’uu taasisaa turuu eeraniiru. Baroota dhihoo as kaawunsilii nageenyaa jedhamuun kan hundaa’e hanga sadarkaa gadiitti haalli mijataan nageenya buusuuf uumameera jedhaniiru. Isaanis akka jaarsa biyyaatti gaheesaanii achi keessatti ijaarsa nageenyaaf gumaachaa turuufi jiraaachuu eeraniiru. Duudhaa kabajamaa abbootii keenyarraa dhaalle, nutis dhaloota boruu kabajaan dhaalchisuuf itti gaafatamummaa seenaa qabna jedhaniiru.

Ministirri Nageenyaa Mahaammad Indiris gamasaaniin, ”maanguddoonni mallattoo biyyaafi tokkummaati; isaan warra rakkoo furanii biyya ceesisanidha” jechuun nageenya biyyaa cimsanii biyya tursuu keessatti gahee maanguddoonni qaban dubbataniiru. Biyyi bu’aa wal harkaa fuudhinsa dhalootaa ta’uu kaasanii, imala barootaa keessatti qorumsaalee mudatan injifachuun keessa darbuun kan danda’ame walooma cimsuun ta’uu himaniiru. Garaagarummaan hawaasa keessa yoomuu kan jiraatu ta’uu kan eeran ministeerichi, garaagarummaa kana mariin furuun ammoo aadaa hawaasa biyyattiidha jedhaniiru. Sadarkaa biyyaatti sirnoonni karaa aadaa rakkooleen walitti bu’insi ittiin furaman 75 ol jiraachuu eeranii, kunneen waajjira ministeerichaan adda bahanii irratti hojjetamaa jiraachuu hubachiisaniiru.

Guddinaa Asaffaatiin

Oduu

AMECO Hirkoo