Ispoortii Aadaa Hariiroo Uummataa Cimsu

                                      

Qajeelchi Aadaa, Turizimiifi Ispoortii Bulchiinsa Sablammii Oromoo wal-dargommii ispoortii aadaa 23ffaafi festivaala ispoortii aadaa 19ffaan adeemsiseera. Hariroo hawaasa baadiyyaafi baadiyyaa, baadiyyaafi magaalaa cimsuuf kaayyeffate dorgommiin ispoortii aadaa kun Guraandhala 3 hanga Guraandhala 7 bara 2018 magaalaa Kamiseetti adeemsifameera.

Qajeelcha Aadaa, Turizimiifi Ispoortii Bulchiinsa Sablammii Oromootti, Dursaan Garee Ispoortii obbo Tsaggaayee Baqqalaa, wal-dorgommiin ispoortii aadaa adeemsifamaa ture walitti dhufeenya uummataa cimsuu bira darbee ispoortiiwwan aadaa dagatamaa dhufan dadamqsufis ni gargaara jedhaniiru. Dorgommichi taphattoota dandeetti olaanaa qaban adda baasuun wal-dorgommii akka naannootti adeemsifamuf qopheessuuf kan gargaaru akka ta’e dursaan garichaa ibsaniiru. Gama ispoortii aadaatiin ilaalchisee akka bulchiinsichatti ciminaafi dadhabina jiru adda baasuun gosa ispoortii kana guddisuun kaayyoo wal-dorgommichaa biroo ta’uu eeraniiru. Akka obbo Tsaggaayeen jedhaniitti wal-dorgommichi adeemsifamaa ture wal jijjiirraan aadaa hawaasa giddutti akka jiraatu taasiseera.

Wal-dorgommiin taasifamaa ture bulchiinsoota magaalaa lamaafi aanolee afur kan hammachiisedha. Bubii, Shaah, Gabaxaa abbaa bollaa12, Saddeeqafi Korboo dabalatee gosoota ispoortii aadaa wal-dorgommiif dhihaatan keessaa akka ta’an kan ibsan obbo Tsaggaayeen bulchiinsi magaalaa Kamisee waligalaan qabxii 33 fiduun waancaa garagaraa shan kaasuu akka danda’e himaniiru.  Wal-dorgommichaan waliigalaan ispoortessitoonni 117 kan hirmaatan akka ta’e kan ibsan dursaan garichaa wal-dorgommii akka naannootti adeemsifamuf ispoortessitoonni 22 adda baafamuu isaanii ibsaniiru.

Buruk Tashoomaatiin

Oduu

AMECO Hirkoo