Sadarkaa biyyaatti rakkoo hanqina nyaata madaalamaa furuuf imaammataafi sagantaaleen garagaraa bocamuun hojiitti jijjiiramaa jiru. Isaan keessaa sagantaan maaddii guutuu tokkodha. Sagantichi muduraafi kuduraa oomishuu, horsiisa lukkuu, misooma dammaafi, loon gabbisuufi misooma aannanii kan ofkeessatti hammate yoo ta’u, kaayyoon isaa lammiileen bitanii nyaachuu irraa gara oomishuutti ce’anii wabii midhaan nyaataa akka mirkaneeffataniif kan gargaarudha. Qonnaan bultoonni maaddii guutuu waggaa guutuu itti fufsiisuun nyaata madaalawaa argachuuf horsiisa beelladaan cinatti misooma jallisiin kuduraafi muduraa oomishuun mata duree ”nyaata koo man-duuba kooti” jedhu hordofuun lafa muraasa qaban irratti oomishuun soorachuu akka danda’aniif bu’aan argamaa jiru agarsiistuu tokkodha.
Qonnaan bulaa Abubakar Mahaammad jiraataa aanaa Arxummaa Fursii ganda Bishee Ededaati. Jiraataan kun qonnaan bulaa adda duree gannaafi bonaa oomishanidha. Misooma jallisii bonaan muuxannoo waggaa kudhanii qabaachuu yaadataniiru. Horsiisa beelladaa biratti jallisii bonaan hojii maaddii madaalawaa mirkaneeffachuuf lafa hektaara sadii irratti Raafuu maraa, Hundee Diimaa, Qullubbii, Qaaraa, Habaahabiifi Muuzii misoomsanii irraa fayyadamaa jiraachuu dubbataniiru. Nyaata madaalawaa maatii isaanii mirkaneessuu bira darbanii kuduraafi muduraa gabaaf dhiheessuun galii guddaa argachaa akka jiran himaniiru. ‘’Ooyiruu man-duuba koodhaa qabu jallisii bonaaf oolchuun haalaan itti fayyadamaan jira’’ kan jedhan qonnaan bulaa Abubakar, hojiicha babal’isanii hojjechuuf qotiyyoo irraa gara tiraaktara bitachuutti ce’aa akka jiran ibsaniiru. Akka isaan jedhanitti, dhuunfaatti motora bishaanii kuduraafi muduraa obaasuuf gargaaru lama qabu. Godina Shawaa Bahaa deemanii muuxannoo qooddachuu isaanii yaadatanii, gara fuulduraatti lafa hektaara tokko irratti avokaadoo oomishuuf karoora qabaachuu dubbataniiru.
Itti gaafatamaan Waajjira Qonnaa aanaa Arxummaa Fursii, Kiisoo Kaffaalee mala qonna ammayyaan horsiisa beelladaan cinatti hojiiwwan maaddii guutuu misooma jallisii bonaan wabii midhaan nyaataa mirkaneeffachuuf taasifamaa jiran jajjabeessoo ta’uu eeraniiru. Sagantaan maaddii guutuu jallisii muraasaan horsiise bultoonniifi qonnaan bultoonni nyaata madaalawaa akka argataniif gargaaraa jiraachuu himaniiru. Hojiin misooma jallisii oomishaafi oomishtummaa guddisuu bira darbee muduraaleefi kuduraalee bishaan muraasa barbaadan bal’inaan oomishuuf carraa kan kennu akka ta’e kaasaniiru.
Akka aanichaatti waliigalaan jallisii idilee bonaaf lafti oolu danda’u hektaarri kuma 3 fi 883 jiraachuu himaniiru. Bara kana jallisii bonaan sagantaa maaddii guutuu milkeessuuf lafa hektaara Kuma 2 fi 377 karoorsanii, hanga gabaasni kun qiindaa’eetti hektaara Kuma 2 fi 147 muduraafi kuduraa garagaraan misoomuu dubbataniiru. Akka obbo Kiisoon jedhanitti karoorichi dhibbentaa 90 raawwatameera. Gandoonni aanichaa misooma jallisiin beekaman kanneen akka Bishee Ededaa, Eddoo Madinee, Diimtuu Caqorsoo, Ashawaa Luxeefi Caffaa Dirree ta’uu eeraniiru. Bara kana qonnaan bultoonni kuma 3 fi 500 jallisii bonaan kuduraafi muduraa garagaraa misoomsuun nyaata madaalawaa argachuuf gara hojiitti galaniiru. Jallisii bonaan sagantaa maaddii guutuu milkeessuuf bara kana motora bishaanii 10 qonnaan bultootaaf raabsamuu dubbataniiru. Akka itti gaafatamaan kun jedhanitti, kuduraafi muduraa qonnaan bultoonni aanichaa oomishaa jiran Paappayyaa, Maangoo, Avokaadoo, Raafuu maraa, Hundee Diimaa, Habahaab, Muuzii, Qullubbii, Timaatamaafi Qaraadha. Bu’aan barbaadame achirraa akka argamuuf ogeessonni qonnaa itti dhiheenyaan qonnaan bultoota deggaraa jiraachuu himaniiru. Jallisii ammayyeessuuf bara darbe kaanaalii bishaanii birrii miiliyoona 10 baasii taasisuun ijaaruu kaasanii, bara kanas Kaanaalii Bishaanii ganda Eddoo Madineefi Ashawaa Luxee walqunnamsiisu hojjetameera jedhaniiru. ‘’Maaddii guutuu gama horsiisa beelladaafi jallisii bonaan aanaa keenya keessatti babal’isuuf qonnaan bultoota adda duree ta’an waliin godina Shawaa Bahaa deemuun muuxannoo qoodanneerra’’ kan jedhan itti gaafatamichi, sana qabatamaa gochuuf akka aanaatti wixinee dameewwan qonnaa garagaraa irratti qopheessuun hojiitti galanii jiraachuu ibsaniiru.
Guddina Asaffaatiin


