Filannoon waliigalaa marsaa 7ffaa ji’a Caamsaa keessa akka geggeeffamu ifoomuun ni beekama. Filannoon adeemsifamuun duratti qophiilee dursaa raawwataman keessaa haala seerawaa paartilee mirkaneessuu, ulaagaalee barbaachisoo ta’an guutuu, kaadhimmamtoota galmeessuufi gurmeessuun keessatti hammatamu. Keessattuu, paartileen siyaasaa sagantaa isaanii qopheeffataniifi filannoowwan imaammataa uummataaf fayyadan yeroo itti beeksisanidha.
Miseensi Koree Giddu galeessaa Warraaqsa Biyyaalessaa Amaaraa (ABIN) Immabeet Kabbadaa paartiin isaanii muuxannoo filannoo qabaachuu himaniiru. Filannoo marsaa 7ffaaf hirmaachuuf qophii dursaa yeroodhaan jalqabuu kaasaniiru. Gurmaa’inaafi caasaa paartichaa ilaalchisee miseensotaaf hubannoo uumuu dubbataniiru. Haala boordiin filannoo kaa’een galmee kaadhimmamtootaa geggeessaa jiraachuu kaasanii, kanaanis kaadhimmamtoonni hedduu qophaa’uu addeessaniiru.
Filannichi haqa qabeessaafi dimokiraatawaa akka ta’uuf miseensonniifi deggartoonni isaanii gaheesaanii akka gumaachan hubachiisaniiru. ABIN mootummaa ta’uu kan barbaadu kaardii filannoo qofaan ta’uu amanuun yeroo filattoonni galmaa’an miseensonniifi deggartoonni paartichaa hunduu dammaqinaan hirmaachuu akka qaban ergaa dabarsaniiru. Walitti qabaan Itti Aanaa Waajjira Paartii Warraaqsa Uummataa Itoophiyaa Damee Naannoo Amaaraa Habtee Balaay, paartiin isaanii paartilee biroo waliin ta’uun filannoo irratti hirmaachuuf qophiitti jiraachuu dubbataniiru. Karaa gama paartii waloon hundeessan ”Tumsi Tokkummaa Itoophiyaaf” jedhuun sagantaa siyaasaa (manifesto) qopheessan uummataatti beeksisuuf qophii taasisaa jiraachuu eeraniiru.
Mootummaanis ta’e Boordiin Filannoo miseensotaafi deggartoota isaanii bira gahuun haala uummataa mariisisuu dandeessisu mijeessuu akka qaban hubachiisaniiru. Haaluma kanaan, Bakka Bu’aan Paartii Tokkummaa Biyyaalessaa Itoophiyaa, Zarihuun Gabra Igzihaaber paartiin isaanii filannoo waliigalaa marsaa 7ffaaf hirmaachuuf qophiilee garagaraa taasisaa jiraachuu dubbataniiru. Bakka bu’aan kun paartichi paartii biyyaalessaa ta’uu eeranii, bakkeewwan filannoof kennatoo ta’an hundatti hojiiwwan sadarkaa biyyaalessaatti dorgomsiisuuf dandeessisan hojjechaa jiraachuu himaniiru. Miseensotaafi deggertoota dammaqsuu, hubannoo uumuufi kaadhimmamtoota adda baasaa akka jiran ibsaniiru.
Guddina Asaffaatiin


