Tirampi Sanadoonni UFO fi Qaamoleen Hinbeekamne Samii Keessa Jiran Akka Bahan Taasisuufi

 

Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaaldi Tiraampi sanadoonni waa’ee ‘Unidentified Flying Object’ (UFO) fi qaamolee eliyaans jedhamanii ejansiiwwan mootummaa akka gadi lakkisan ajaja kennuuf akka jiru beeksiseera. Tiraampi ministira ittisaa dabalatee ejansiiwwan nageenyaa Ameerikaa sanadoota mootummaa waa’ee qaamolee hin beekamne kanneenii “adda baasuufi gadi lakkisuu akka eegalan” ajaja nan kenna jechuun ibsaniiru.

Pirezidaantiin duraanii Ameerikaa Baaraak Obaamaa, waa’ee qaamolee UFO fi Eliyaans jedhamaniifi samii keessa balali’u jedhamanii gaafatamee “qaamoleen kunneen dhuguma ni jiru” jechuun dubbatee turuun isaa ni yaadatama. Kana hordofee Tiramp yaada kenneen, Obaamaan odeeffannoo icciitii akkanaa baasee dubbachuu hin qabu jechuun erga qeeqaniin booda ejansiiwwan mootummaa waa’ee UFO fi qaamolee eliyaans jedhamanii qorannoo gaggeessan akka gadi lakkisan kan ibsani. Pirezdaant Tirampi “Obaamaan akkas jedhee dubbachuu hin qabu ture; dogoggora guddaa hojjate” jechuun gaazexeessitootatti himaniiru.

Baraak Obaamaa sagantaa poodkaastii tokkorratti dhihaachuun waa’ee eliyaans gaafatamee ‘dhuguma ni jiru jedhee akka amanu dubbateera. ”Eliyaans dhuguma ni jiru, ani garuu argee hin beeku; bakka Area 51 jedhamutti dhokfamanii hin jiran. “Jettee jettee yoo ta’een ala lafa jalas dhokfamanii hin jiran,” jedhaniiru. Boodarra Obaamaan dubbiisaa kana caalmaatti ifa gochuu yaaleera. Hawaan baay’ee bal’aa waan ta’eef dacheen ala lubbuu qabeeyyiin jiraachuu akka malan jechuusaa Inistaagiraamii irratti maxxanse. Obaamaan yeroo gaaffiifi deebii taasisu sana ragaa icciitii mootummaa fayyadamee dubbachuusaa wanti agarsiisu hin jiru.

Qaamoleen UFO ykn eeliyaans jedhaman akka jiraniifi namatti akka mul’atan namoonni hedduu kan irratti waliigalan ta’us Tiraampi garuu waa’ee qaamolee kanaa homaa dubbachuu akka hin barbaanne himeera. Tiraamp gaazexeessitoota erga kana himee sa’aatii muraasa booda fuula miidiya dhuunfaasaa Truth irratti sanadoonni waa’ee qaamolee UFOfi eliyaans akka gadi lakkifaman akka ajaju barreessaniiru. Sanadoonni akka gadi lakkifaman namoonni hedduu fedhii waan horataniif sanadoota waa’ee qaamolee lubbuu qabaniifi samii keessa jiru jedhamanii, qaamolee maalummaansaanii hin beekamne (UFO) jedhamaniifi odeeffannoo waa’ee wantoota baay’ee wal-xaxaa ta’anii kanaan wal-qabatu” akka gadi lakkifaman akka godhu barreessaniiru. Qaamoleen kunneen baay’ee wal-xaxoo ta’uu garuummoo namni baay’een baruu kan barbaadu ta’uus himaniiru.

Yeroo dhiyoo as Ameerikaa keessatti fedhiin waa’ee UFO fi eliyaans baruu hawaasa biratti dabalaa dhufeera. Keessumaa bara 2017 keessa paayileetonniifi miseensonni waraanaa yeroo xayyaara balaliisan waan samii keessatti argan Peentaagoon akka hin baasne taasiseera jechuun falmiin ka’ee ture. Bara 2022 keessa Kongiresiin Ameerikaa Peentaagoon dhihaatee yaada akka kennu gochuunsaa waggaa 50 keessatti kan jalqabaa ture. Peentaagoon waa’ee qaamolee kanaa qorannoo akka gaggeessuufi waa’ee UFO odeeffannoo jiruufi miseensonni waraanaa waan argan akka gabaasaniif biiroo of danda’e akka hundeessu waadaa galee ture. Bara ittaanu gabaasa Mana Mareef dhihaateen qaamni lubbuu qabu jiraachuufi dhiisuu wanti adda bahe akka hin jirre gabaasni dhihaateera. Bara 2024 Pentaagoon gabaasa dhiheesseen eliyaans, UFO fi qaamoleen biroo jiraachuu mootummaan Ameerikaa waan mirkaneeffate akka hin jirre ibseera. Paayileetoonniifi miseensonni waraanaa Ameerikaa yeroo garagaraatti qaamolee samii keessa balali’an waan akka diiskiifi bifa garagaraa qaban mudannoosaanii ibsaa turan. Qaamoleen kunneen saffisa guddaan waan deemaniif xayyaaroonni waraanaayyuu duuka bu’anii qaqqabuu hin dandeenye yookaan maalummaa isaanii adda baasuuf akka rakkatan eeraniiru.

Guddinaa Asaffaatiin

Oduu

AMECO Hirkoo