Haqaafi Bulchiinsa

Faayidaa Labsii Haaraa Itti Fayyadamaafi Bulchiinsa Lafa Baadiyaa

Qonnaan bulaan biyya keenyaa waggoottan darban keessatti lafa isaa qabsiisee dhaabbilee faayinaansii garaagaraa irraa carraa liqii ittin argatu hin qabu ture.  Inumayyuu lafti kan mootummaati jedhame, qonnaan bulaan qabiyyee isaa irraa sababa misoomaafi invastimantiitiin qe’ee isaa irraa  buqqaa’aa tureera.

Rakkoo qonnaan bultoota bara hedduuf ture hiikuu kan dandeessisuu, manni maree bakka bu’oota uummataa  wixinee labsii qonnaan bulaan lafa qabiyyee isaa qabsiisee, baankii irraa liqaa fudhachuu kan dandeessisu,  Caamsaa 6 bara 2016 yaa’ii isaa idlee gaggesseen raggaasisera. Mootummaan labsii kana labsuun isaa qonnaan bulaan fayyadamaa akka ta’uufi oomishaafi oomishtummaan akka dabalu xiyyeeffannaa itti kennee  hojjechuu isaa agarsiisa jedhu qonnaan bultootni.

Jiraataa bulchiinsa sablammii Oromoo  aanaa Dawaa Caffaa  ganda Shaklaa kan ta’an qonnaan bulaa Mahaammad Amin, qonnaan bulaan qabiyyee lafa isaa qabsisee baankiirraa liqaa akka argatu haalli mijataan uumamuun isaa, rakkoo qannaan bulaa gama faayinaansiin qabu furuun, oomishaafi oomishitummaan akka dabalu ni taasisa jedhaniiru. Kanaan dura lafti sababa hanqina xaa’oofi hanqina galtee qonnaatiin kan hin misoomiin hafe akka misoomu kan taasisuu ta’uus himaniiru. “Carraan akkasi dur waan hin turreef  gama hundaan akka duubatti hafnu nu taasiseera” jedhera. Carraan amma argame kun yoo hojiirra oole qonnaan bulaaf faayidaa guddaa ni kenna jedhera. Qonnaan bulaan kun “qabiyyee keenya qabsisnee  baankii irraa liqii yoo argane,  cimne hojjenna; diinagdeen keenyas akka jijjiiramu ni taasisa” amantaa jedhu qabu.

Waggoota 18 darbaniif labsiin itti fayyadamaafi bulchiinsa lafa baadiyyaa lakkoofsa 456/1997 hojjiira ture irratti fooyya’insa taasifamu,  walitti qabaan koree dhaabbii dhimma qonnaa obbo Salamoon Laalee mana marichaaf ibsaniiru. Fooyya’insoota labsii duraan irratti taasifaman keessaas, qonnaan bultoonni lafa qonnaa isaanii akka wabiitti qabsiisuun dhaabbilee faayinaansii fi baankiiwwan irraa maallaqa liqeeffachuu akka danda’an kan eeyyamuudha.  Labsiin itti fayyadamaafi bulchiinsa lafa baadiyaa haaraa bahee kun,  abbootiin qabiyyee, lafa isaanii kireessuufi abbootii qabeenyaa waliin, waloon akka misoomsu kan danda’anis kan eeyyamuudha.  Labsiin haaraa bahe kun qonnaan bultootni itti fayyadamummaa qabiyyee lafa baadiyyaa isaanii irratti qaban  mirkaneessuuf kan kaayyeeffate ta’uu obbo Salamoon dubbataniiru.  Wixineen labsii haaraan kun  qonnaan bultootni qabiyyee lafa isaanii baankiidhaan  qabsiisanii,  maallaqa kan itti argatan,  hanqina diinagdee isaanii kan ittiin hiikaniifi oomishaafi oomishitummaa isaanii akka guddisan  carraa guddaa kan kennu ta’uus himaniiru.

Ogeessa misooma diinagde kan ta’an obbo Darajjee Dajanee gama isaaniin,  diinagdee biyya tokko kan murteessuu danda’an keessaa tokkofi inni guddaan lafa akka ta’e kaasaniiru.  Biyyi tokko dinagdeen guddatte kan jedhamtu lafa, humna namaafi kaappitaalaa waliin qindeessuun hojiirra yoo oolchiteedha jedhaniiru. Keessattuu oomishaafi oomishitummaa guddisuun kan danda’amu waantoota sadan kana waliin qindeessuun yoo hojjetame ta’uu hubachiisaniiru. Kanaafuu wixineen labsii haaraa mana maree bakka bu’oota uummataan ragga’ee kun yoo hojiirra oole qonnaan bultootaaf carraa guddaa kan fiduudha jedhaniiru. Hundaa ol garuu labsiin kun  qonnaan bulaan abbaa qabiyyee ta’uu isaa  kan mirkaneessuudha jedhaniiru.  Gama biraatiin immoo walitti bu’insa qabiyyee lafaa waliin walqabatanii uumaman, kun kan koodha,  kun keenyadha kan jedhu  hambisuufi mirga abbaa qabiyyee lafaa kan mirkaneessuu ta’uu himaniiru.  Kanaan dura hanqinni maallaqaa qonnaan bulaan, oomishaafi oomishitummaa isaa haala barbaadamuun akka hin guddisneefi gara qonna ammayyaatti akka hin jijjiramne gufuu guddaa ta’e ture jedhaniiru.

Labsiin amma bahee garuu rakkoo diinagdee qonnaan bulaa kan hiikuu danda’uu,  oomishaafi oomishtummaa sadarkaa olaanaan dabaluu kan danda’uufi jireenya qonnaan bulaa daran foyyeessuu kan danda’uu ta’uu ogeessi kun ibsaniiru.  Hanqinni diinagdee qonnaan bultoota yoo furmaata argate,  qonna mala aadaatiin hojjetamaa ture gara ammayyaatti akka jijjiiramu taasisuufis labsiin bahee faayidaa olaanaa qabaachuu eeraniiru.  Dhiyeessin liqaa kun qonnaan bultootni xaa’oo,  keemikaala farra aramaafi farra ilbisoota bituun oomisha isaanii wantoota farra miidhaanii ta’an irraa akka eegan kan taasisuudha jedhaniiru.   Dabalataanis tiraaktaraafi maashinoota qonnaa ammayyeessuuf gargaaran akka  fayyadaman  kan taasisuufi oomishaafi oomishitummaa guddisuuf faayidaa olaanaa qaba jedhaniiru obbo Darajjeen. Akka labsii haaraa kanattis dhaabbanni faayinaansii liqicha liqeesse, lafa baadiyyaa wabiif qabate yoo liqeeffataan  maallaqa liqeeffate deebisuu dhabe,  lafa sanatti fayyadama malee dabarsee gurguruu akka hin dandenye labsichaan daangeeffameera jedhaniiru.

Liqeessaan yeroon laficha itti fayyadamus waggaa 10 akka hin caallee labsichaan murtaa’eera.  Haata’uu malee naannoleen ofii isaanii murteessu ni danda’u  garuu inni guddaan waggaa Kudhan caaluu hin qabu  jedhamera.  Baankiin waggaa kudhaniif liiziidhaan laficha erga fayyadameen booda,  abbaa qabiyyee lafa sanaaf yookiin liqeeffataaf kan deebisuu ta’uu obbo Darajjeen ibsaniiru.  Abbootiin qabiyyee lafa isaanii kireessuufi abbootii qabeenyaa waliin, waloon akka misoomsan taasisuun qonnaan bulaan qe’ee isaa irraa akka hin buqqaaneefi misooma qe’ee isarra hojjetame irratti qooda akka qabaatu kan taasisuu ta’uu himaniiru. Qonnaan bultootni qajeelfama kannanii fudhachuutin abbootii qabeenyaa waliin hojjechuun faayidaa waloo akka argatan kan taasisuudha malee akkuma kanaan dura misoomaafi invastmantiidhaan qonnaan bulaa qe’ee isaa irraa akka buqqaa’uu kan taasisuu miti jedhaniiru.

Yeroo ABUT biyya bulchaa tureetti, lafti kan mootummaati,   mootummaan abbaa barbaadeef kenna, abbaa barbaade irraa immoo ni fidhata jechuun qonnaan bulaan qe’ee ofiirraa akka buqqaa’uu taasisaa tureera kan jedhan ogeessi kun,  labsiin amma bahee garuu qonnaan bultoota fayyadamaa kan taasisuufi oomishaafi oomishtummaan akka dabaluu taasisuun qaala’insa jireenyaafi guddina biyyaaf gahee olaanaa kan qabudha jedhaniiru. Qabiyyeen isaa misoomaaf yoo barbaadamee illee, misoomicha irraa kan qooddatuudha malee, akkuma duraa qe’ee isaa irraa akka buqqaa’uu kan taasisu miti jedhaniiru.

Yuunivarsiitii Addis Ababaatti barsiisaa seera egumsa naannawaa kan ta’aan Dr.  Mallasa Daamxee, sagalee Raadiyoo Jarman (DW) waliin turtii taasisaniin, jijjiirama qabeenya qilleessaatiin, biyyeen gabbataa hir’achaa waan dhufeef, qonnaan bulaan  ooyiruu isaa irratti haala salphaan oomisha barbaadu argachuu akka hin dandeenye dubbataniiru.  Kanaafuu qonnaan bulaan yoo liiqaa argateedha xaa’oofi teknoloojiiwwaan adda addaa fayyadame, oomishaafi oomishitummaa  guddisuu kan danda’u jedhaniiru.  Wixineen labsii mana maree bakka bu’oota uummataan ragga’ee kun qonnaan bultoota hedduuf  carraa gaarii kan fideedha jedhaniiru. Rakkoo diinagdee qonnaan bulaan qabu furuun, oomishaawwan adda addaa bal’inaan akka oomishan kan taasisuu ta’uu hubachisaniiru.

Haata’uu malee dhaabbileen faayinaansii qabeenya gurguramuufi jijjiiramu hin dandeenye qabatanii,  maallaqa liqeessan jechuun baay’ee ulfaataa ta’uu kan kaasan Dr. Mallasa,  mootummaan dhaabiilee kanneen akka  Baankii Daldalaa Itoophiyaafi Baankii misooma Itoophiyaa  liqii akka kennan  dhiibbaa taasisuu akka danda’uu ni  eegama jedhaniiru. Oomisha qonnaa dhiibbantaa 90 kan ta’u  ooyiruu isaanii irratti kan oomishan qonnaan bultootni, liqii baankootni kennan irraa fagaatanii turaniiru. Wixineeen labsii mana maree bakka bu’oota uummataan raggaasifame,  qonnaan bulaa baankoota irraa fayyadamaa liqaa akka ta’uu eeyyamuus,  raawwiin isaa salphaa ta’uu hin danda’uu jedhaniiru.  Baankiin abbaa qabiyyee lafa 100 ta’aaniif liqii kenne,   yoo isaan deebisuu baatan  lafa sana kan bulchuu danda’u Baakichadha.   Kanaafuu baankiin  sirna faayinaansii irraa bahee hojiin isaa lafa bulchuu ta’aa sodaan jedhu akka jiru Dr.Mallasan himaniiru. Ogeessi diinagdee obbo Darajjee Dajanee gama isaaniin,  baakootni liqaa kennan, liqeeffataan yoo birrii deebisuu baate,  lafa gurguure birrii koon deebisa jechuu waan danda’aniif labsiin kun duubatti akka hin deebne kan jedhuu sodaa qaban himaniiru. Mootummaanis rakkoon akkasii akka hin muudanne  of eeggannoon hojjechu qaba jedhaniiru. Qonnaan bultootaafis faayidaafi miidhaa liqiin qabu irratti hubannoo kennuun barbaachiisaa ta’uu ibsaniiru.

 

 

 

 

Oduu

AMECO Hirkoo