Hawaasa Misoomaan Walitti Hidhame Uumuuf Hojjetamaa Jira

Naannoo Amaaraa Bulchiinsa Sablammii Oromootti duudhaalee waliin jireenyaa hawaasaa cimsuun, misoomaan walitti hidhuuf hojii bal’aan hojjetamaa jira. Hoggantoonni ol-aanoon naannichaa bakka bu’oota hawaasaa Magaalaa Sanbateefi Aanaa Jillee Dhummuugaa irraa walitti baba’an waliin waltajjii marii gaggeessuun, haala nageenyaafi misooma naannichaa irratti mari’ataniiru. Sadarkaa Ittaanaa Bulchaa Naannoo Amaaraatti Qindeessaan Damee Magaalaa  Ahimaddiin Mahaammad (Dr), hojiin nageenya mirkaneessuuf hojjetamaa jiru jajjabeessaadha jedhaniiru. Akkasumas, duudhaalee waliin jireenyaafi tokkummaa yeroo dheeraaf ture cimsuun, naannawicha misoomaan walitti hidhuf hojii jalqabame cimee itti fufuu akka qabu hubachiisaniiru.

‎Itti gaafatamaan Biiroo Industiriifi Invastimantii Naannoo Amaaraa, Obbo Indiris Abduu, gaaffilee misoomaa hawaasaa deebisuuf hojii xiyyeeffannoo olaanaa qabu gaggeeffamaa jiraachuu ibsaniiru. Aanaan Jillee Dhummuugaa oomisha kuduraafi muduraa bal’inaan oomishuuf mijataa ta’uu eeruun, hojii misooma jallisii jalqabame daran cimsuun itti fufuuf xiyyeeffannoon kennamaa jiraachuu ibsaniiru. Bulchaan olaanaa Bulchiinsa Sablammii Oromoo  obbo Ahimad Alii, uummanni bulchiinsichaa nageenya isaa tikfachaa misooma isaa saffisiisaa jiraachuu dubbataniiru.

Aanaalee ollaa waliin walitti dhufeenya cimaa uumuufi waliin hojjechuun nageenya naannichaa mirkaneessuu qofa osoo hin taane, lafa hojii misoomaa ala ture gara misoomaatti galchuufi hariiroo uummataa cimsuu keessatti gahee guddaa qabaachuu ibsaniiru. Jiraattonni Magaalaa Sanbateefi Aanaa Jiillee Dhummuugaa irraa hirmaatanis, obboloota isaanii aanaalee ollaa waliin walitti dhufeenya isaanii cimsuun, gabaa irratti waliin hirmaachuufi duudhaalee waliin jireenyaa dagaagsaa jiraachuu isaanii mirkaneessaniiru. Obbo Ahmad duudhaalee waliin jireenyaa  cimsuun hawaasa misoomaan walitti hidhame uumuuf hojjetamaa jira jedhaniiru.

Guddinaa Asaffaatiin

 

Oduu

AMECO Hirkoo