”Bitootessi Siyaasa Keenyaaf Ji’a Addaati” Itti Aanaa Muummicha Ministiraa Tamasgan Xurunah

Itti aanaan muummicha ministiraa Tamasgan Xirunah ergaa fuula miidiyaa hawaasaa isaaniin dabarsaniin,  jiini Bitootessaa samiin ifee kan itti mul’ate, midhaan carraaqqiin faca’e kan itti walitti qabame, olka’iinsa siyaasaafi dinagdee keenya kan nuuf bareechedha jedhaniiru.  Bitootessi siyaasa keenyaaf ji’a addaati jedhaniiru. Akkasumas ji’a boqonnaa haaraa yeroo uummanni dukkana keessaa gara ifa cimaatti ba’eedha jedhaniiru. Ji’a Bitootessaa keessa dibbeen jijjiiramaa dhahamee jijjiiramni diinagdeen siyaasaa haaraan akka labsame dubbataniiru.

Jijjiiramni Bitootessaa dhiibbaa uummataafi qabsootiin dhufe riiformiiwwan cabinsa siyaas-dinagdeefi hawaasummaa Itoophiyaa kan ittiin suphaman ta’uu eeraniiru. Dabaluunis,  gaaffiin misoomaafi bulchiinsa gaarii uummata keenyaa kan ittiin deebi’uu  jalqabanidha jedhaniiru.  Akka isaan jedhanitti, guddinni oomishaafi oomishtummaa, dadammaqinsi turizimii, itti fayyadamni qabeenya albuudaa, ijaarsi dinagdee dijitaalaa, milkaa’inni misooma magaalaafi dippiloomaasii hundi isaanii ji’a Bitootessaa keessa kan jalqabamanidha. Waggoottan saddeettan darbanitti  jijjiiramoonni dinqisiisoo galmaa’uu kaasanii, dhaabbileen nageenyaafi tasgabbii Itoophiyaaf madaalan akka ta’aniif hojiin gama humna namaa, teeknooloojii, gurmaa’insaafi naannoo hojii ammayyeessuun milkaa’inaan raawwatamuu ibsaniiru.

Bitootessi ji’a abjuun magaalota biyya keenyaa ammayyeessuun kan itti dhugoome, milkaa’ina misooma koridarii galmaan gahuun itti danda’ame, jijjiirama qilleensaa qolachuuf biqiltuu biliyoonaan lakkaa’aman dhaabuun lafa magariisaa kan ittiin uumne, akkasumas biyya keenya keessatti mul’anni gama siyaasaa, dimokiraasiifi aadaa haaraan itti labsameedha jedhaniiru. Qonna keenya waggoota kumaatamaaf rooba irratti hirkataa ture ammayyeessuun waggaa guutuu jallisiifi gannaatiin oomishuuf kan jalqabne ji’uma Bitootessaa keessa jedhaniiru itti aanaan muummichi ministiraa kun ergaa dabarsaniin.

Itoophiyaan Inisheetiivii qamadii jallisii bonaan qamadii biyya alaatii galfamu guutummaatti hambisuun Afrikaarraa gama oomisha qamadiin adda duree taatee jiraachuu himaniiru. Bu’aaleen oomishaalee aannaniifi dammaa horsiisa lukkuurraa argaman maaddii maatii irratti akka argaman gochuuf kan kaayyeffate jalqabbiin Inisheetiivii maaddii guutuu Bitootessa keessa ta’uu addeessaniiru. “Fayadamummaa uummata keenyaaf ulfinaafi badhaadhina biyya keenyaaf ciminaan ni hojjenna” jechuun obbo Tamasgan ergaa isaanii keessatti hammachiisaniiru.

Moosisaa Fufaatiin

Oduu

AMECO Hirkoo