Dinagdeen Itoophiyaa harka caalu qonna irratti kan hundaa’eedha. Jireenyi uummata biyyattiis harka caalu qonna irratti kan bu’uureeffatedha jechuudha. Qonnaan bultootni bulchiinsa sablammii Oromoo hojjetanii jireenya isaanii jijjiruufi wabii midhaan nyaataa isaanii mirkaneessuuf rooba gannaa fayyadamuun ooyiru isaanii gosoota sanyii garaagaraan uwwisaa jiru.
Bulchiinsa Sablammichaatti bara oomishaa 2016/17 qonna gannaatiin, lafa heektaara kuma 58 ol gosoota sanyii garaagaraan uwwisuun, midhaan kuntaalaa miliyoona 1 tuqaa 6 ol sassaabuuf karoorfame hojjetamaa akka jiru ragaan qajeelcha qonnaa bulchiinsa sablammiichaa irraa argame ni mul’isa. Bulchiinsa sablammichaatti rooba gannaa fayyadamuun lafa qonnaaf mijataa ta’e hunda sanyii midhaaniin uwwisuun, wabii midhaan nyaataa mirkaneessuuf yaadame, gara hojiitti galamuu isaa qajeelchich beeksiseera.
Jiraataa bulchiinsa sablammii Oromoo aanaa Jillee dhummugaa Ganda Luugoo Burqaa Bunaa, obbo Aliyyii Ahimad, lafa isaanii qotatanii gosoota sanyii midhaanii, garaagaraan uwwisaa jiraachuu dubbataniiru.
Oomisha bara darbe sababa hongeefi ilbisoota farra midhaaniin dhabame bakka busuuf, bara kana humna guutuun gara hojiitti galuun, xiqiin hojjechaa akka jiranis himaniiru. Mootummaan bara kana xaa’oofi sanyii filatamaa haala addaan qonnaan bultootaaf dhiyeesuu isaas himaniiru. Qonnaan bulaan rooba jiru sirritti fayyadamuun oomisha isaa guddisuu akka danda’u hojiin hubannoo uumuu ogeessoota qonnaan kennamuus eeraniiru.
Waajjira qonnaa aanaa Jillee Dhummugaatti, ogeessa misooma miidhaanii, obbo Abdallaa Musaa gama isaaniin, qonna gannaa waliin walqabatee, qonnaan bulaan, oomishaafi oomishitummaa isaa akka guddisuuf deeggarsa ogummaa taasisaa akka jiran dubbataniiru. Sanyii filatamaa qonnaan bulaan tuteeffamaan akka facaasu taasisuuf hojiin hubannoo uumuu hojjetamu kaasaniiru. Ogeessi kuni fayyadama xaa’oo nam-tolcheefi uumamaa ilaalchisee qonnaan bulaan hubannoo akka argatu taasisuun danda’amuu ibsaniiru. Qonnaan bulaan oomisha isaa yeroodhaan akka aramuu ogeessi yeroo yeroodhaan deeggarsa taasisa jiraachuu isaatis kaasaniiru.
Itti aanaan itti gaafatamaa qajeelcha qonnaa bulchiinsa sablammii Oromoo obbo Hasan Sayid, bara kana akka bulchiinsa sablammichaatti lafa heekataara kuma 58 fi 800 sanyii garaagaraan uwwisuuf karoorfamee, gara hojiitti galamuu dubbataniiru. Hanga ammaattis lafa heektaara kuma 31 ol qotamuun sanyii garaagaraan haguugamuu himaniiru. Lafti hafee kan heektaara 27 ta’u immoo qotamee qophaa’uu eeraniiru. Bara darbees lafa heektaara kuma 58fi 600 ta’u sanyiin uwwisuuf karoorfamee guutummaan guutuutti sanyiin uwwisuun danda’amu yaadataniiru. Haata’uu malee fuulbaana irratti hanqinni roobaa muudateen, bulchiinsi sablammichaa midhaan kuntaala kuma 600 ol ta’u dhabuu himaniiru. Kanaanis lammiileen hedduu hanqina nyaataaf akka saaxilaman taasiseera jedhaniiru.
Oomisha sababa hongeefi ilbisoota farra midhaaniin dhabame bakka busuuf, bara kana qonna gannaatiin, midhaan kuntaalaa miliyoona 1 tuqaa 6 sassaabuuf karoorfame hojjetamaa jiraachuu obbo Hasan ibsaniiru. Karoora kana milkeessuufi kutannoon gara hojiitti galamuu dubbataniiru. Galtee qonnaa waliin wal qabatee bara darbe rakkoon guddaa akka ture kan kaasaan itti aanaan itti gaafatamtichi, bara oomisha kanatti garuu xaa’oon haala addaan gara bulchiinsa sablammichaatti galuu eeraniiru.
Bara oomisha darbetti xaa’ oo kuntaalaa kuma kudhan qofa bulchiinsa sablammichaaf, qonna gannaatiif kan ramadamee ture yoo ta’u, bara kana garuu, xaa’oon kuntaalaa kuma 31ol ramadamuu himaniiru. Xaa’oon kuntaalaa kuma 27ol kan ta’uu immoo qonnaan bultoota bulchiinsa sablammichaaf raabsamuu obbo Hasan eeraniiru. Xaa’oon uumamaa kuntaala kuma 900 ol qonnaan bultootaan qophaa’uun gara ooyiruutti guramee faayidaarra oolera jedhaniiru. Qonnaan bulaan yeroo ammaa lafa isaa qopheesse sanyii boqqolloofi mishingaan uwwisaa jiraachuu obbo Hasan dubbataniiru. Haala nageenya waliin walqabatee gandoonni aanoota Jillee Dhummugaafi Arxummaa Fursii godina Shawaa Kaabaa jiranitti sodaan rakkoo nageenyaa waan jiruuf, lafti hanga ammaatii hin qotamne ni jira’’ kan jedhan obbo Hasan, rakkoo kana hiikuudhaafis godinota ollaa waliin mariin taasifame qonnaan bultootni ooyiruu isaanii akka misoomsan taasifamaa jiraachuu eeraniiru.
Qonnaan bulaan ooyiruu isaa qotuufi omishuun filannoo isa dhumaa akka ta’ee hubatee, hojii qonnaa isaa cimse akka hojjetuuf hojiin hubannoo uumuu ogeessoota qonnaatiin sadarkaa godina irraa kaasee hanga gandatti kennamuu addeessaniiru. Bu’uuruma kanaanis qonnaan bultoota kuma 91 ta’aaniif hojiin hubannoo uumuu kennamu dubbataniiru.
Hojii qonnaa ammayyessuufis qonnaan bulaan liqii baankii irraa akka argatu haala mijataa uumuun, tiraaktara dhunfaa akka bitu taasisuun danda’amu obbo Hasan himaniiru. Bara darbeerraa kaasee tiraaktarootni 17 gara bulchiinsa sablammiichaatti seenuu eeraniiru. Hanga ammaattis lafti heektaara kuma 14 ol ta’u mekaanaayizeeshiniin qotamu eeranii qonna mekaanayizeeshinii caalaatti babal’isuufi qonnaan bultoota fayyadamaa taasisuuf bulchiinsi sablammichaa yeroo kamiyyuu caalaa xiyyeeffannaan hojjechaa jiraachuu dubbataniiru.
Qonnaan bultootnis rooba gannaa argame sirritti fayyadamuun ooyiruu isaanii sanyiin uwwisuuf kutannoon hojjechuun akka isaaniirraa eegamu obbo Hasan hubachiisaniiru. Simbirroon girrisaafi ilbisootni farra midhaanii qilleensa mijataa yoo argatan, muudachuu waan danda’aniif, qonnaan bulaan gamanumaan qophii akka taasisu hubannoon kennamaa jiraachuu ibsaniiru. Qonnaan bulaan hubannoo gahaa qabaate eegumsa midhaanii akka taasisuu ogeessotni deeggarsa taasisaa jiraachuus eeraniiru.
Aanotni kanneen akka Jillee Dhummugaa, Arxummaa Fursii, Dawwee Harawaafi Baateen hongeef saaxilamoo akka turan kaasanii, rakkoo kanaa hiikuufis rooba gannaa fayyadamuun hojiileen jidhiinsa kusuu hojjechuuf karoorfamee gara hojiitti galamaa jiraachuu itti aanaan itti gaafatamichi himaniiru.
Alamuu Balaayiin