Tumsa dhukkuba koleeraa to’achuuf taasifame

Dhukkubni koleeraa baakteeriyaa ‘Vibriyoo Koleeraa’ jedhamuun kan dhufudha. Yeroo baay’ee nyaataafi bishaan faalameen daddarba. Hanqina qulqullina dhuunfaa, naannoofi mana fincaaniin alatti qulqullaa’uun dhukkubicha fiduu danda’a. Dhukkubichi bifa weeraraan yeroo garaagaraa ka’aa ture. Bara kanas aanaalee bulchiinsa sab-lammii Oromoo tokko tokko keessatti mallattoon  dhukkubichaa mul’ateera. Kanas dursanii to’achuuf  tattaaffiin taasisaa turaniifi jiran laayyoo miti. Bulchiinsichatti, aanaan Dawwee Harawaa  dhukkubicha dursitee ittisuuf sochii guddaa taasisteetti. Hawaasa aanichaa dhukkuba kanarraa baraaruuf hojiin hubannoo uumuu gama ogeessota fayyaan taasifamaa turuu jiraattonni dubbisne tokko tokko mirkaneessaniiru.

Aadde Faaxumaa Hasan aanichatti, jiraattuu  ganda Harawaa yoo ta’an, duraan maloota ittisa dhukkuba koleeraa irratti hubannoo kan hin qabne ta’uu himaniiru. Amma akkaataa dhukkubicha ofirraa ittisuu danda’an irratti ogeessota buufata fayyaan barnoota argachuu dubbataniiru. Hubannichas waltajjiiwwan hawaasaa garaagaraa irratti yeroo kennamaa turetti argachuu isaaniiti kan himan. Of eeggannoon dursaa waa’ee dhukkubichaa irratti xiyyeeffatee oggeessota fayyaan to’annoofi hordoffiin gahaan torban torbaniin taasifamaa akka ture kaasanii, maalummaafi akkaataa daddarbinsa dhukkubichaa hubachuu addeessaniiru. Hubannoon argatan fayyaa dhuunfaafi maatii isaanii bira darbee fayyummaa ollaafi naannoo isaaniillee akka eeganiif isaan gargaaruudha kan dubbatan.

Aadde Hawwaa Mahaammad ogeettii ekisteeshinii fayyaa ganda Harawaati. Sababoota dhukkuba koleeraa fidan keessaa tokko qulqullina eeggachuu dhabuu akka ta’e himanii, gandichatti qulqullina dhuunfaafi naannoo irratti xiyyeeffannoo guddaan hojjetameera jedhaniiru. Abbootiin warraa mana fincaanii tolfatanii akka itti fayyadaman taasifamuus kaasaniiru. Manneen barnootaa, waltajjiilee amantaafi sadarkaa garee misoomaan hubannoon waa’ee dhukkubichaa hawaasa bal’aa gandichaaf kennamuu eeraniiru. “Dhukkubicha ilaalchisee to’annoofi hordoffii taasifamaa tureen dhukkubicha to’achuun danda’ameera” jedhaniiru. Ogeettiin kun akka jedhaniitti, bishaan keemikaalaan wallaanameefi daanfifame hawaasichi akka fayyadamuuf barsiisaa turaniiru.

Dura Taa’aa Buufata Fayyaa ganda Harawaa, obbo Ibiraahim Sa’id, bara kanatti mallattoon dhukkuba koleeraa ji’a Eeblaa keessatti mul’achuu eegaluu eeraniiru.  Akkuma mallattoon dhukkubichaa mul’ateen hordoffiin cimaan qaama dhimmi ilaaluun taasifaamuu kan eegale ta’uusaa ibsanii jalqaba nama tokko irratti  mul’achuu yaadataniiru. Ta’us, namni dhukkubichaan qabame sun yaala fayyaa argachuun fayyummaa isaa duraaniitti deebi’uu addeesaaniiru. Waajjira bishaanii aanichaa waliin qindoomuun bakka kuufamni tajaajila bishaan dhugaatii itti argamu hunda wallaanaa akka turan dubbataniiru. Maalummaafi akkaataa daddarbinsa dhukkubichaa irrattis hawaasa bal’aaf hubannoon guddaan kennamuu ibsaniiru.

Waajjira fayyaa aanaa Dawwee Harawaatti ogeessa ittisaafi hordoffii dhukkuboota daddarboo obbo Alamaayyoo  Tsaggaayee, dhukkubni koleeraa atattamaan yaala argachuu yoo baate sa’aatii 24 keessatti miidhaa guddaa geessisa jedhaniiru. Tooftaa ittisa dhukkubichaa irratti hawaasa bal’aaf hubannoon kennamuun dhukkubicha to’achuuf kan gargaaru ta’uu ibsaniiru. “Koleeraan amma ammaa mana fincaanii kan nama geessuufi ulfaatina qaamaa garmalee kan gadi buusuun, dandeettii qaamni nama dhukkubicha ofirraa ittisuuf qabu akka gadi bu’u taasisa” jedhaniiru. Obbo Tsaggaayeen waqtiin gannaa yeroo dhukkubichi  baay’inaan itti muudatu ta’uu himaniiru. “Hawaasni aanaa keenyaa akkaataa ittisa dhukkubichaa irratti barnoota argateera. Leenjiin ittisa dhukkubichaa irratti xiyyeefatee ogeessota buufata fayyaan gandoota hundattuu kennamaa tureera. Dhukkuboota daddarboo ittisuu irratti barnoonni yeroo hawaasaaf kennamaa turetti waa’een koleeraas dhukkuboota daddarboo keessaa tokko ta’ee barsiifamaa ture” jedhaniiru. Barnoota fayyaan wal qabatu kennuun hawaasa fayya buleessa ta’e horachuu akka ta’e ibsaniiru. Aanichi gama kanaan hojii fakkeenyummaa gaarii qabu hojjechuu mirkaneessaniiru. Fayyaan dhimma jiraachuufi jiraachuu dhabuu waan ta’eef gahee qabeessota garaagaraa waliin irratti hojjechaa turuu eeraniiru. Aanichatti akkuma mallattooleen dhukkubichaa mul’achuu eegaleen koree dhukkuba kana qoratee adda baasu hundeessuu kaasaniiru. Hawaasichi bishaan qulqulluu ta’e akka dhuguufi qulqullina dhuunfaa sirnaan akka eeggatuuf hojiileen gurguddoo hojjetamuu dubbataniiru. Jiraattonni manneen fincaanii duraan turan suphanii, haarawaas qotanii akka itti gargaaraman taasisneerra jedhaniiru. Akkasaan jedhanitti, manneen fincaanii haarawaa kuma tokkoo ol warreen duraan hin qabne qotanii akka itti fayyadaman taasisaniiru.

Hojiin qulqullina naannoo eeguu baadiyyaafi magaalaatti hordoffii cimaan hojjetamuu kaasaniiru. Aanichatti, mallattoon dhukkuba koleeraa namoota muraasa irratti mul’atee turus nama tokkoyyu du’aaf kan hin saaxille ta’uu obbo Alamaayyoon himaniiru. Namoonni jaha ta’an mallattoo dhukkubichaa agarsiisanii turanis, yaalii barbaachisaa argatanii fayyuun gara hawaasaatti makamuu himaniiru. Yeroo ammaa kanaas dhukkubichi sadarkaa aanichaatti guutummaatti to’atamuu mirkaneessaniiru. Dhukkubni kun haala salphaa ta’een nama miidhuu waan danda’uuf maloota ittisa dhukkubichaa hawaasni sirnaan hojiirra oolchuu akka qabu hubachiisaniiru.

Haaluma kanaan, Inistiitiyuutiin Fayyaa Hawaasaa Naannoo Amaaraa balaa fayyaa hawaasaa waqtii gannaan wal qabatee mudatu ittisuuf qindoominaan hojjechaa jiraachuu ibseera. Daayrektarri olaanaa Inistiitiyuutichaa, obbo Balaay Bezzaabbih,  balaa fayyaa hawaasaa waqtii gannaa sababeeffachuun mudachuu malu ittisuufi to’achuuf qindoominaan hojjechuun barbaachisaa ta’uu eeraniiru. “Waqtii gannaan wal qabatee dhukkubni busaa, koleeraa, abbaa sangaafi dhukkuboonni daddarboo biroo fayyummaa hawaasaa irratti miidhaa akka hin geessisneef hojii idileen cinaatti hojjetamaa jira” jedhaniiru. Adoolessa dhufu irraa eegalee dhukkubni busaa bal’inaan waan mul’atuu danda’uuf dhukkubicha to’achuuf qophiin dursaa taasifamaa akka jiru addeessaniiru.

Weerarri koleeraa waqtii gannaan  mudachuu akka danda’u kan ibsan daayrektaarichi, dhiheenya kana bulchiinsa sab-lammii Oromoo aanaa Baatee keessatti mudatee turuu yaadataniiru. Ta’us, weerarri koleeraa aanichatti mudate yeroo ammaa to’atamuu dubbataniiru. Weerarri koleeraa yoo mudate naannichaaf rakkisaa ta’uu kan himan obbo Balaay, bakka namoonni itti baay’atanitti of eeggannoo gochuun barbaachisaa ta’uu gorsaniiru.

Guddinaa Asaffaatiin

Oduu

AMECO Hirkoo