Itoophiyaan haala qilleensaa mijataafi qabeenya bishaaniin badhaatuudha. Biyyattiin biyyee gabbataa midhaanota gosa hundaa misoomsuu danda’uufi dachee horsiisa beeyladotaaf mijatus ni qabdi. Qonni ammoo biyyattiif lafee dugdaa diinagdeedha. Uummanni biyyattii dhibbantaa 85 ol qonnaafi horsiisa beeyladotaarratti hundaa’edha. Dhiheenyaan asitti, xiyyeeffannoo damee qonnaaf kennameen itti fayyadama biyya keessaa bira darbee midhaan gabaa biyya alaa keessatti fedhii guddaan barbaadamaniifi industirii biyya keessaaf galtee ta’uu danda’an irratti xiyyeeffachuun hojiiwwan adda addaa hojjetamaa jira.
Barruu keenya har’atiin sochii misoomni qonnaa naannoo Amaaraa biyyattiif gumaachaa jiruufi rakkoon nageenyaa hudhaa waan itti ta’eef naannooleen biroo naannicha tasgabeessuurratti, gargaarsa taasisuu qaban irratti kan xiyyeeffatudha. Odeeffannoon Biiroo Qonnaa Naannoo Amaaraa irraa arganne akka agarsiisutti, oomisha sadarkaa biyyaalessaatti argamu keessaa naannoon Amaaraa dhibbantaa 33 ol qoodata. Guddina oomisha biyyaalessaa keessatti qooda guddaa kan qabu naannoon Amaaraa haala qilleensaa mijaawaafi lafa gosa midhaanii adda addaa misoomsuuf oolu qabaachuu asirraa hubachuun nama hin rakkisu. Naannichatti godinni Walqaayit Xagadee Satiit Huumaraa midhaan gabaa biyya alaafi biyya keessatti fedhii guddaa qabaniifi warshaalee biyya keessaaf galtee ta’uun omishuun beekamu keessaa isaa tokkodha. Odeeffannoon qajeelcha qonnaa godinicharraa arganne akka agarsiisutti midhaanonni kanneen akka Saalixaa, boqqolloo, mishingaa, maashoofi midhaanonni zayitaa adda addaa biroon godinichatti ni oomishamu. Godinni kun albuuda Warqeefi qabeenya bineensotaanis ni beekama. Odeeffannoon kun akka agarsiisutti, invastaroonni baay’een damee kanarratti bal’inaan bobba’aniiru. Haala kanaan ofiin fayyadamuu bira darbee gabaa biyya alaaf dhiheessuun sharafa biyyoota alaa biyyaaf argamsiisu.
Ragaan Biiroo Qonnaa Naannoo Amaaraa akka agarsiisutti bara oomishaa 2016/2017tti lafa gara heektara miiliyoona 5.2 qotuun caallaa kuntaala miiliyoona 169 argachuuf karooseera. Naannichatti Lafti heektaara miiliyoona afur ol sanyiidhaan uwwifamee jira. Ogeessi misooma diinagdee Obbo Darajjee Dajanee, “sababoota adda addaan hammi oomishaa naannoo kanaa bara baraan dabalaafi gadi bu’aa deemuu mala” jedhaniiru. Naannoo Amaaraa dhibbantaa 30 hanga 33 oomishni akka argamu dubbataniiru. Akka waliigalaatti, galii Itoophiyaan oomisha qonnaarraa argattu keessaa gumaachi naannoon Amaaraa qabu baay’ee olaanaa ta’uu obbo Darajjeen himaniiru. Naannoon Amaaraa lafa qonnaaf oolu miiliyoona shan ol qabaachuu isaati geessichi kan addeessan.
Kana keessaa sababa waraanaan, lafti hektaara miiliyoona tokko qotamuu yoo baate naannichi bara oomishaa tokkootti oomisha miiliyoona 24 akka dhabuu danda’u tilmaamaniiru. Akka fakkeenyaatti yoo kaasan “naannichi lafa misooma qonnaaf oolchuu keessaa dhibbantaadhuma 25 xaa’oo malee yoo facaase oomisha kuntaala miiliyoona 15 dhaba” jechuun dubbataniiru. Sababa wal dhabdeen humni oomisha qonnaarratti hirmaachaa ture dhibbantaa 20 ta’u yoo hin hirmaatiin hafe sababa hanqina humna namaan oomishni kuntaala miiliyoona jaha ta’u qisaasa’uu akka danda’u himaniiru. Akka waliigalaatti, sababa dhabamuu nageenyaan naannichi oomisha kuntaala miiliyoons 57 ol dhabuu akka danda’u ogeessichi tilmaama kaa’aniiru. Kana keessaa oomishni walakkaa ol ta’u nyaataaf kan ol waan tureef sababa kanaan naannichatti namoonni miiliyoona torbaa ol beelaaf saaxilamuu malu jedhaniiru. Sababa hanqina nyaataanis daa’imman waggaa shanii gadi jiran sammuufi qaamaan miidhaa guddaaf saaxilamuu akka danda’anis eeraniiru. Haaluma kanaan, omishaalee qonnaa Itoophiyaan al-ergiirraa argattu keessaa dhibbantaan 25 naannoo Amaaraatti kan oomishaman ta’uu dubbataniiru. Keessuma midhaanonni zayitaa al-ergiif oolan baay’inaan naannichatti kan oomishan ta’uu mirkaneessaniiru. Itoophiyaan oomishaalee qonnaa alatti erguun doolaara biiliyoona afur ol argatti jedhu ogeessichi. Kana keessaa oomishni doolara biiliyoona tokko baasu naannoo Amaaraarraa kan argamu ta’uu eeraniiru.
Sababa waraanaa naannichatti mudateen hanga barbaadameen osoo hin oomishamiin yoo hafe galiin biyyattiin al-ergii oomisha qonnaarraa argachaa turte akka gadi bu’uu taasisa jedhaniiru. ‘’Oomishni oomishamee gabaaf kan dhihaatu yoo nagaan jiraatedha’’ kan jedhan ogeessichi, nageenyi naannichaa akka deebi’uuf naannoleen Itoophiyaa biroo tumsuu akka qaban himaniiru. Oomishaaleen duraan naannoo Amaaraatti oomishamaa turan naannoleefi magaalota biyyattii adda addaatti geejjibisiifamuun taajajilaa turuu ibsaniiru. Haalli amma jiru itti fufnaan gadaadoo hamaa hordofsiisuu waan maluuf sodaa qaban ibsaniiru. Rakkoon naannichatti mudateen adda durumaan miidhaaf kan saaxilamu uummataa naannichaa ta’uus uummanni biyyattii misooma naannicharraa qooda fudhatan hundi miidhamuu akka danda’anidha oggeessichi kan addeessan.
Waraanaan balbala ofitti cufuun rakkoo hawaasummaafi diinagdee waan hordofsiisuuf garaagarummaa jiru karaa nagaan hiikuun filannoo sirrii ta’uu akeekaniiru. Akka obbo Darajjeen jedhanitti haqummaan kan mirkanaa’uu danda’u qabsoo hidhannoon osoo hintaane, yaada mo’ataan mormuudhani. Naannoleen biroon waraanni miidhaa malee faayidaa akka hin qabne naannicharraa fakkeenya guddaa fudhachuu akka qabanis kaasaniiru. Bu’uurri misoomaa nageenya waan ta’eef nageenya naannichaaf lammiileen biyyattii hunduu tumsuu akka qaban hubachiisaniiru.
Seenessaa Damisee Yuunivarsiitii Ambootti barsiisaa Saayinsii Siyaasaafi Idil-addunyaati. Itoophiyaa keessatti akkuma hojiileen misooma diinagdee gaggaariifi abdii namatti horan hojjetamaa jiran kutaalee biyyattii tokko tokko keessatti waraanni keessoo adeemsifamaa jiru rakkoo siyaas-diinagdeefi hawaasummaa geessisaa akka jiru himaniiru. Keessumaa waraanni naannoo Amaaraa keessatti hidhattoota gidduutti deemaa jiru naannicha miidhuu bira darbee sadarkaa biyyaalessaaf yaaddoo ta’uu dubbataniiru.
“Waraanni naannoo Amaaraa akka dhaabbatuuf sabaafi sablammoonni biyya kanaa hunduu itti gaafatamummaa qabu. Sababnisaas rakkooleen siyaas-dinagdeefi hawaasummaa waraana naannichaan dhalataniin kan hubamu uummata naannichaa qofa osoo hintaane lammiilee biyyattii hunda hammata” jedhaniiru. Saboonni biyya kanaa aadaa ittiin rakkoo karaa nagaa furatan adda addaa qabaachuus kaasaniiru. Naannoleen biroo muuxannoo duudhaa nagaa buusuu naannoo isaanii jiru naannoo Amaaraaf qooduun nageenya naannichaa waaressuu keessatti qooda fudhachuu akka qaban hubachiisaniiru. Yeroo ammaa naannoo Amaaraa keessatti waraanni adeemsifamaa jiruun qabeenyi biyyaa manca’aa jira; lubbuun deebi’ee bakka bu’uu hin dandeenye darbaa waan jiruuf naannooleen hunduu muuxannoo gaarii naannoo isaanii jiru naannichaaf qooduun waraanicha naannicha keessa jiru dhaabsiisuu akka qabanis barsiisaa Seenessaa kaasaniiru.
Karaa nagaa qabeessaan rakkoo furuuf sochiin komishinii marii biyyaalessaa Itoophiyaan yeroo ammaa taasifamaa jiru kan jajjabeeffamu ta’uu addeessaniiru. Jaarraa kana keessatti waraanaan aangoo siyaasaa gonfachuuf yaaluurra gaaddisa tokko jalatti walitti dhufuun garaagarummaa yaadaa gama lamaaniin jiru walitti araarsuun tokkummaa uumuun biyya cimtuu taate ijaaruun filatamaa ta’uu himaniiru. “Rakkoo kutaalee biyya keenya tokko tokko keessatti amma mul’atan biyyoonni adda addaa karaa nagaa furachuu danda’aniiru” jedhaniiru. Fakkeenyaaf Seraaliyoon gaaga’ama siyaas-dinagdee Itoophiyaan yeroo ammaa keessummeessaa jirtu ishee mudatee turuu yaadachiisaniiru.
Biyyattiin rakkoo mudate kana karaa nagaadhaan walitti dhufuun mariin furachuun biyya tasgabbii qabu ijaarachuu danda’u himaniiru. Biyyoota rakkoo keessoo isaanii karaa nagaan furatan Ruwaandaa, Afrikaa kibbaa, Kaanaadaa, Ameerikaarraa barachuun barbaachisaa ta’uu eeraniiru. Wal waraansaan rakkoon siyaasaa furamu kan hinjirre ta’uu mirkaneessaniiru. Biyyoonni baha giddu galeessaa baay’een marii karaa nagaa dhiisanii waraana filannoo jalqabaa taasifachuun diigamsaaf saaxilamuu akka fakkeenyatti fudhachuun ibsaniiru. Sababa kanaan lammiileen isaanii waraanarraa hafan biyyoota addunyaa garaagaraa keessatti faca’uun jireenya gadadoo keessummeessaa jiraachuu dubbataniiru. Ogeessichi, rakkoon naannoo Amaaraa keessatti deemaa jiru mancaatii qabeenyaafi lubbuu namaa osoo hin hordofsiisiin nageenya naannichaa deebisuu keessatti lammiileen naannoolee Itoophiyaa hunduu gaheesaanii gumaachuu akka qaban hubachiisaniiru.
Guddinaa Asaffaatiin