Rakkoo Nageenyaa Sochii Turizmii Sakaale

Kennaa uumamni badhaase irratti seenaa akaakileeniifi abaabileen keenya hojjetan naannawaalee biyya keenyaa keessaa naannoo Amaaraatiif kennaafi bareedina guddaadha. Masaraaleen mootummoota duraanii, iddoowwaniifi manneen amantii kan Musliimaafi Kiristaanaa, iddoowwan seenaa qabeeyyiin, iddoowwan babbareedoon uumamni bareechee hojjete adda addaa, aadaaleen adda addaa dinqisiisoon baroota dheeraaf turan, sonaaleen barootaaf dhaloota dhaloota wajjiin hidhata guddaa gidduutti uumanii turan kan keessa jiranidha naannoon Amaaraa.

 

Naannoo Amaaraatti yommuu nageenyi jiru qabeenyi turiizimii akka waan nyaata soorrachuuf dhiyaateeti. Nageenyi yommuu jiru jaalalaafi gammachuudhaan waliin ta`anii nyaata dhiyaate wajjiin nyaachuun baratamaa ture. Maaliif yoo jettan daawwattoonni hedduun baargamaa deemsa dheeraa kutanii naannawa kana daawwachuuf dhufu waan ta`eefidha. Naannoon Amaaraa waqtii gannaa keessattuu ji`a Hagayyaa keessa ayyaanonni aadaa, seenaafi amantii adda addaa bal`inaan keessatti ni kabajamu. Ayyaanonni kan akka Shaaday, Ashandiyyee, Soolal, Buqqisaa ingiccaa, ayyaana Hukee ykn karaa amantii kiristaanummaa Ortodooksiitiin Dabrataaboor jedhamuun beekamu kan keessatti kabajamuufi daawwattoonni hedduun gara naannichaatti yeroo itti seenanidha.

 

Hata’uu malee yeroo ammaa rakkoo nageenyaa naannicha muudateen sochiin turizimii haalli haala barbaadameen tarkaanfachaa hin jiru. Ayyaanota aadaa, seenaafi amantii kanatti uummanni naannichaa seenaa isaa, aadaa isaafi amantii isaa addunyaaf ittiin barsiisa. Abbaa seenaa ta`uu isaa, abbaa qabeenya aartii adda addaa ta`uu isaa, kan keessummaa kabaju ta`uu isaa kan ittiin agarsiisudha. Qabeenyaalee kanneen addunyaafis muuxannoo isaa ittiin dabarsa. Egaa kuni hundi kan ta`u nageenyi yommuu jiraatu; karaaleen nageenyaa yommuu banamaniifi daawwattoonni yommuu gara naannichaatti yommuu seenani dha.

 

Naannoon Amaaraa yommuu nageenyi  jiraatu daawwattoonni miiliyoonaan lakkaawwaman naannawaalee kanneen ni daawwatu. Galiin birrii biiliyoonaan lakkaawwamu irraa argama. Dhabamuun nageenyaa naannichatti uumame garuu daawwattoota wagggootaaf iddoowwaniifi taateewwan kana daawwachuuf hawwaniifi abdiin eegaa turan akka galmaan hin gahanne sakaala itti ta`eera.

Naannoon Amaaraa qabeenya hawwatoo iddoowwaniifi taateewwan baay`ee qabaatus, qabeenya isaa kana irraa akka hin soorranne dhabamuun nageenyaa gufuu itti ta`eera. Naannoo kana irraa yoo nageenyi jiraate qofa garuu birriin biiliyoonaan lakkaawwamu irraa argachuun ni danda`ama ture.

Naannoo nageenyi isaa eegameefi daawwattootaaf mijaawaa ta`e akka jiraatuuf lammiileen tokkoon tokkoon isaanii gumaacha taasisuu akka qaban, biiroon aadaafi turizimii naannichaa irra deddeebiin waamicha taasisaa tureera, taasisaas jiras. Akkuma armaan olitti caqasuuf yaalleetti naannoo Amaaraatti iddoowwan hawwata tuurizimii kan seenaa, amantii, aadaafi uumamaa hedduun ni argamu. Barootaaf osoo hin faalamiin eenyummaa uummata naannichaas calaqqisiisaa kan dhufan taateewwan aadaa adda addaas tuurizimii naannichaatiif faayadha. Haata`u malee rakkoon callisaa naannichatti uumame sochii tuuriizimii haalaan miidheera. Daawwattoonni biyya keessaafi alaa kanaan dura magaalonni keessa heddumminaan  huursan yeroo ammaa daawwattoota dheebootaniiru. Lammiileen galii tuuriizmiitiin diinagdeen isaanii fooyya`ee ture dhabaaf saaxilamaniiru.

Biiroo aadaafi turizmii naannoo Amaaraatti iitti aanaa itti gaafatamaa kan ta`an obbo Abbaay Mangisteen akka jedhaniitti bara bajataa 2017`tti iddoowwan hawwataafi wal-gahiinsa tuurizmii ta`an hundi akka eegamaniifi faayidaafis oolan taasisuuf hojjetamaa jiraachuu himaniiru. Iddoowwan hawwata tuurizimii naannichaa kanneen eeguufi bakka walitti dhufeenya tuuriizimii akka ta`aniifis gochuun gocha kanaan duras irratti hojjetamaa ture akka ta`e itti aanaa itti gaafatamtichi turtii Amaaraa Miidiyaa Korporeeshinii waliin taasisaniin kaasaniiru.

Bara 2017 keessa daawwattoonni biyya keessaafi biyya alaa bal`inaan gara naannichaatti dhufanii akka daawwataniif xiyyeeffannoon karoora qabatanii irratti hojjechaa akka jiran ibsaniiru. Uummnni naannichaa keessummaa simachuudhaan muuxannoofi aadaa tutture akka qabus caqasaniiru.

Haalliifi rakkoon nageenyaa damee tuurizimii kanaaf gufuu ta`ee ture akka gara nageenya amansiisaatti akka dhufuufi daawwattoonni gara naannichaatti akka dhufaniif uummanni naannichaa gumaacha irraa eegamu akka taasisuu qabus hubachiisaniiru. Naannoo nageenyi isaa eegameefi daawwattootaaf mijaawaa ta`e akka uumamuufis lammiilee hunda irraa gochi gaariin akka irraa eegamu himaniiru. Nageenyi jalqabarra kan akka fayyadamu taasisu jiraatuma naannichaa mataa isaa akka ta`es kaasaniiru. Hanguma daawwattootaaf haalli gaariin uumamu keessummoonniifi daawwattoonni hawwataalee tuuriizimii naannichaa daawwachuuf gara naannichaatti akka dhufan, naanna`ichaafis madda galii akka ta`an himaniiru.

Nama hunda akka mo`atu kan taasisu nageenya akka ta`e kan hubachiisan itti aanaa itti gaafatamtichi, nageenyaaf hunduu hojjechuu akka qabu himaniiru. Naannichatti nageenyi amansiisaan yoo mirkanaa`e gara naannichaatti daawwattoonni hedduun dhufuun isaanii kan hin hafne ta`uu isaa yaadachiisaniiru.

Sochii tuurizimiitiin namoonni jireenya isaanii gaggeeffachaa turan dhabamuu nageenyaatiin rakkoof saaxilamaniiru. Namoota kanneen rakkina keessaa baasuufis ta`ee damee tuurizimii naannichaa miidhaa keessa bu`e ol kaasuufi hawwachuuf karaa biirichaatiin hojiileen adda addaa hojjetamaa akka jiranis ibsameera. Sochiin tuurizimii akka guddatuufi yaa`insi daawwattootaa akka dabalu garuu nageenya mirkaneessuun dirqama akka ta`es hunduu beekuu akka qabu hubachiifameera.

Qabeenyaaleen tuurizmii kan seenaa, kan aadaa, kan amantiifi kan uumamaa akka faayidaaf oolaniifi guddatan fulduraafis hojjechuun ni barbaachisa. Mata dureefi xiyyeeffannoo barreeffama keenyaa kan ta`e sochii turizmii naannichaa nageenya wajjiin wal bira qabuun miidhaa keessa bu`e keessaa akka bahuuf hubachuun hunduu nageenyaaf hojjechuun irraa eegama. Naannichi qabeenya isaa kana itti fayyadamuufi guddifachuufis dhama`uun irra jiraataan dhaamsa barreeffama keenyaati.

Milkeessaa Dheeressaatiin

Oduu

AMECO Hirkoo