Itoophiyaan dorgommii Waancaa Afrikaa hundeessuu keessatti qooda guddaa kan gumaachite ta’uun ni yaadatama. Biyyattiin seenaa keessatti Waancaa Afrikaa yeroo sadii kan qopheessite yoo ta’u, erga bara 1976 as garuu qopheessuuf carraa hin arganne. Haata’u malee, Itoophiyaan bara 2029 tti Waancaa Afrikaa keessummeessuuf fedhiifi qophii qabaachuu ishee hoggantoota CAF’f yaa’ii taa’amerratti gaaffii dhiheessiteetti. Dhimma kanarratti muummichi ministeeraa Itoophiyaa Abiy Ahimad (Phd) hoggantoota CAF fi Pirezidaantii FIFA kan ta’an Jiyaanii Infaantiinoo waliin Addis Ababaatti mari’ataniiru. Itoophiyaan Waancaa Afrikaa bara 2029 qopheessuuf qophiifi fedhii akka qabdu kan agarsiifte ji’oota muraasa dura ture. Waancaa Afrikaa bara 2025 qopheessuuf Morookoon fudhatteetti.
Waggaa lamaan asiitti ammoo bara 2027 biyyoonni Baha Afrikaa Keeniyaa, Taanzaaniyaafi Yugaandaan waliin tahuun qopheessuuf fudhataniiru. Itoophiyaan istaadiyeemota sadarkaa idil-addunyaa madaalan waan hin qabneef gareen biyyaalessaa taphoota deeggartoota isaa fuulduratti taphachuu malee biyyoota Afrikaa kaan keessatti deemee taphachuuf erga dirqamee bubbuleera. Kun qabxii argataa jiru irratti dhiibbaa kan godhe yoo tahu, qabxiin dhiyeenya galmeessisaa jiran ammoo kanaaf agarsiiftuu tokkodha. Ministirri Ispoortiifi Aadaa Itoophiyaa duraanii obbo Qajeelaa Mardaasaa karoorri kun wayita qabamu hojiileen hojjetamuu qaban hedduu ta’uu hubachuun akka ta’e dubbataniiru.
Dorgommii kanaaf istaadiyoomiiwwan shan kan ijaarsi isaanii armaan dura eegalamee jiru sadarkaasaa haala eeggateen xumuruuf hojiin hojjetamuu akka eegale dubbataniiru. ”Istaadiyoomiiwwan sadarkaa isa xiqqaa CAF kaahe guutan afuriifi shan barbaachisa, kun immoo hojiin isaa eegaleera. Istaadiyoomiin biyyaalessaa Adey Ababaa ijaarsisaa sababa sharafa alaatiin adda citee ture maallaqni argameefi sadarkaa CAFtti xumuruuf sochiin itti fufeera” jedhaniiru. Itoophiyaan istaadiyeemota akka Hawaasaa, Baahir Daar, Istaadiyeemii Maqalee, Istaadiyeemii Wallaggaa fa’aa qabaattus, sadarkaa CAF kaa’e garuu osoo hin guutiin hafuu isaanii himaniiru. Istaadiyeemota kanneen fooyyessuun sadarkaa isaanii kan eeggate godhanii waggoota shanan dhufan keessatti yoo kan xumuran tahe Itoophiyaan Waancaa Afrikaa kana akka qopheesituuf haala mijataa uumuufii akka danda’u kaasaniiru. ”Waancaa Afrikaa gara Itoophiyaatti fiduu qabna jennee akkuma mootummaatti murteessine, hojiimmoo ni barbaada” jedhan obbo Qajeelaan. ”Dorgommiin bara 2029 gara Itoopihyaa akka dhufu gaafachaa jirra, irratti hojjechaa jirra, qunnamtii jalqabneerras” jedhaniiru.
Obbo Qajeelaan isa bara 2029 biyya biraa waliin ta’uun osoo hin taane ”kophaadhumatti keessummeessuuf karoorfannee” jedhaniiru. Itoophiyan karoora qabatte kanaan iyyata galfattee qopheessituu dorgommichaa yoo taate yeroon qophiif qabdu waggoota afur qofa ta’uu eeraniiru. Yeroon hafe ”qophii keenya xumuruuf gahaadha” jedhaniiru. Ijaarsi Istaadiyeemiiwwan Aday Ababaa, kan Maqalee, Baahir Daar, Dirree Dawaafi Hawaasaa ni qaqqabu kan jedhan obbo Qajeelaan ”mootummaan Federaalaafi kan naannoo xiyyeeffannaa guddaa itti kennanii hojjetamaa jira” jedhaniiru.
Waancaa Afrikaa bara 2023 kan bara 2024 keessa gaggeeffame kan qopheesseefi waancichas kan injifatte Ayivoorii Kosti ta’uun ni yaadatama. Kaameeruun ammoo kan bara 2021 bara 2022 keessa gaggeeffame qopheesite. Waancicha ammoo Senegaaltu mo’ate. Haata’u malee, waancaa Afrikaa opheessuun gama baasii isaanis tahe galii argamuu danda’uun salphaa miti. Ayivoorii Koosti waancaa Afrikaa bara 2024 keessa gaggeeffame qopheessuuf yoo xiqqaate doolaara biiliyoona tokko baasteetti jedhama. Aayivoorii Koosti yeroo waancicha qopheessite waraana walii waliinii keessa turte. Sababa waraanichaan uummanni miiliyoonotaan qe’ee irraa buqqa’ee ture. Waraanni walii waliinii kun erga dhaabbatee garuu diinagdeen biyyattii saffisa guddaan guddataa ture.
Guddinaa Asaffaatiin