Marii Taasifamaa Jiruun Uummanni Nageenya Naannawa Isaa Akka Eggatu Dubbatan

Hoggantonni olaanoo naannoo Amaaraa magaalota garaagaraatti dhimma waqtaawaa ilaalchisee uummata waliin marii taasisaa jiru. Waltajjiin nageenyaafi misoomaa waloo uummatoota ollaa godina Shawaa Kaabaa magaalaa Axaayyeefi Bulchiinsa Sablammii Oromoo Magaalaa Sambatee hirmaachisuun magaala Sanbateetti gaggeeffameera. Jiraattonni magaalota ollaa waltajjicharratti hirmaatan uummanni Sambateefi Axaayyee obbolummaafi tokkummaa kan qabaniifi tokkummaan nageenya isaanii eeggachaa yeroo dheeraaf waliin jiraachaa kan turan ta’uu ibsaniiru. Ammas taanaan obbolummaa isaanii cimsuun nageenya isaanii waliin akka eeggatan dubbataniiru.

Sadarkaa Bulchaa Olaanaatti, Qindeessaan Damee Misooma Baadiyyaa, Diras Saahiluu (Dr) “obbolummaan magaalota Axaayyeefi Sambatee naannolee ollaa biroof muuxannoodha” jedhaniiru. Mariin ummataa dhimma misoomaa fi bulchiinsa gaarii irratti adeemsifame. Haala walfakkaatuun bulchiinsa magaalaa Baateefi aanaa Baateetti dhimmoota misoomaafi bulchiinsaan walqabatan irratti mariin gaggeeffameera. Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Baatee obbo Abduu Ahimad; sochii garee hidhattoota shanee to’achuuf hojiin bal’aa hojjamuun dabalata hariiroo hawaasummaa aanolee ollaafi naannoo Affaar waliin cimsuun akka barbaachisu himaniiru.

Sadarkaa itti aanaa bulchaatti qindeessaan kilaastara baadiyyaa Diras Saahiluu (Dr) imala badhaadhinaa milkeessuuf hariiroo ummattoota naannoo Affaarfi Baatee cimsuun barbaachisaa ta’uu himaniiru. Hoggantonni olaanoo kunneen godina Gojjaam Kaabaa bulchiinsa magaalaa Maraawiifi aanaa Kaaba Meeccaa waliinis marii taasisaniiru. Hirmaattonni mariichaa magaalaan Maraawii qaamolee seeraan alaan hidhatanii socho’aniin miidhaan olaanaa irra gahee akka ture dubbataniiru. Qaamoleen hidhatan kunneen fakkessuuf gaaffii uummataa kaasuun uummata miidhaa kan jiru gare gara jabeessaadha jedhaniiru. Gareen kun magaalaa Maraawiitti hadhaafi daa’ima ajjesuu isaa ibsaniiru.

Jiraattonni kunneen raayyaa ittisa biyyaafi qaama nageenyaa naannichaa waliin ta’un nageenya foyyee argame waaressuu qabna jedhaniiru. Mootummaanis rakkolee uummata hadheessan kenninsa tajaajilaa, malaanmaltummaafi rakkoolee biroo sirreessuu akka qabu gaafataniiru. Ittaanaa bulchaa olaanaa naannoo Amaaraa Abduu Huseen (Dr) aadaan nageenyaa kan hin jirre yoo ta’e nageenya waaraafi badhaadhinni hin jiraatu jedhaniiru. Rakkoo nageenyaa keessaa bahuuf marii gochuun ni barbaachisa jedhaniiru. Yeroo hunda taanaan mariif dursa kennuun ni barbaachisa jedhaniiru. “Marii taasifameen mallattoo cileen cubbuu akka isiin miidheefi cubbuu kana balaaleffachuuf ka’uu keessan argineerra” jedhaniiru. Kaka’umsa amma agarsiiftan gochaan agarsiisuun nageenya dhugoomsuu qabdan jedhaniiru.

Oduu

AMECO Hirkoo