Gootummaa Dhugaan Mariin Garaagarummaa Yaadaa Furuudha

Qabsoon hidhannoo kamiyyuu, ka’umsi isaa hammam haqaafi dhugaa ta’us, yeroo dheeraa fudhatee bifas yoo jijjiirrate, hawaasa inni qabsoo jalqabeef sanaaf dhibee hamaadha. Walitti bu’iinsi Naannoo Amaaraa keessatti adeemaa jirus hanga ammaatti itti fufuun uummata naannichaa nageenyaafi diinagdee dadhabsiisaa jira.

‎Humnoonni hidhatan sagalee qawwee isaanii hammam yoo dhageessisanillee, dheebuu uummataa kan guyyaa guyyaan nageenyaaf, daabboofi bilisummaaf qabu guutuu hin danda’an. Gootummaa dhugaan bara keenya keessatti dirree waraanaa irratti wal waraanuu osoo hin taane, dhaloota gara nageenyaatti oofuun gootummaa gootummaa caaludha.

‎Seenaa biyyoota waraana keessa darbanii irraa ragaan akka mul’isutti, waraana keessatti mo’ataa guutuun hin jiru. Humnoonni hidhatan yoo cabinsa hawaasaafi diinagdee naannichaa gadi fageenyaan qoratan, qabsoon kun osoo isaan hin beekiin qonnaan bulaa naannichaa lafa qonnaa isaa irraa, daldalaa gabaa isaa irraa, dargaggeessa immoo mul’ata isaa gara fuulduraa irraa addaan baasaa akka jiru nibeekama..

‎Meeshaa waraanaa lafa kaa’anii boru biyya fooyya’aa taate tokko ijaaruuf mariin murteessaadha. Karaan nageenyaa kun harka kennachuu osoo hin taane, jiraachuu uummataa itti fufsiisuufi kufaatii irraa baraaruudha. Akkaataa qabsoo sagalee rasaasaa irraa gara yaada waljijjiirraa, diiguu irraa gara ijaaruutti ceesisuun, dhiphina uummataa gabaabsuu keessatti injifannoo seenaa waan hunda caaludha.

‎Har’a naannichi kan barbaadu dargaggeessa gara bosonaa seenee lubbuu isaa wareegu osoo hin taane, rakkoolee karaa bilchina qabuun furuun, barnoota, teekinooloojiifi kalaqa diinagdee fayyadamuun naannicha gara sadarkaa olaanaatti ceesisuuf dhaloota mul’ata qabudha. Humnootni nageenya uummataaf hin dhaabbanne lubbuu lammiilee balaaf saaxilu. Gaaffilee siyaasaa afaan qawwee fayyadamuun furuuf yaaliin seera-maleessummaa babal’isuun, lammiileen qulqulluun butamuufi saamichaaf akka saaxilaman karaa bana.

‎Yeroon walitti bu’iinsi haa dhaabatu, dargaggeessi Naannoo Amaaraa hojiitti haa bobba’u, oomishaafi oomishtummaa isaa bilisaan haa sochoosu, akkasumas hariiroon hawaasummaa deebi’ee akka dagaaguuf birraan nageenya akka dhufufi yeroo meeshaa waraanaa yaadaan mo’achuun itti danda’amu irra geenyeera jechuun amanuun dirqama. Karaan qawwee biyyaafis ta’e uummataaf rakkina argamsiisuu irraa kan hafe faayidaa biraa akka hin qabne bosona keessa seenuudhaan karaa nagaa kan filatan Koloneel Fantaaw Muhabbaw ibsaniiru. Humnoonni hidhatanii bosona seenan faayidaa akka hin qabne  hubatanii, karaa badiinsaa dhiisanii gaaffii isaanii karaa marii qofa akka dhiyeessan gaafachaa jiru.

‎Uimmattoonni naannichaa immoo nageenyi yeroo ammaa argame gara duubaatti akka hin deebine kadhachaa jiru. Jiraataan Godina Goojjaam Lixaa, Aanaa Naannawaa Buree kan ta’an, haalli nageenyaa yeroo irraa gara yerootti fooyya’aa dhufuu isaa ibsaniiru. Yeroo ammaa sochiin bakka tokko irraa gara bakka biraatti taasifamu, kan yeroo darbeen walbira qabamee yoo ilaalamu, fooyya’iinsa agarsiisaa jiraachuus himaniiru.

‎Nageenya kana itti fufsiisuuf, isaan dabalatee abbootiin amantaa, qaamoleen hidhatanfi qaamoleen biroo itti gaafatamummaan isaanii olaanaa ta’uu dubbataniiru. Walumaagalatti, hawaasa abdiifi nagaa qabu kan ijaarru ogummaa, nageenyaafi olka’iinsa qalbii har’a agarsiisnuuf, waraana seenaa gochuun nageenya mirkaneessuun barbaachisaadha.

Moosisaa Fufaatiin

Oduu

AMECO Hirkoo