Mariin Biyyaalessaa Milkaa’inaan Sadarkaa Xumuraa Irra Gahuu Afa-Yaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa Himan

 

Akka Afa-yaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa Taaggasa Caafoo jedhanitti, Mariin Biyyaalessaa Itoophiyaa kutaalee hawaasaa hunda hirmaachisee marsaa murteessaafi xumuraa irra ga’eera. Bu’uura Labsii Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa Lakk. 1265/2026 Komishinichi dhimmoota bu’uuraa biyyaalessaa irratti marii uummataa bal’aafi hunda hammateen waliigaltee biyyaalessaa ijaaruuf hojjechaa jira. Kanumaan walqabsiisuun, afa-yaa’ichi dhimmoota gurguddoo biyyaalessaa mariif mijatoo ta’an irratti adeemsa qooda fudhattootaafi ajandaa walitti qabuu milkaa’inaan geggeessuun amma sadarkaa xumuraa irra ga’uu isaa dubbataniiru.

Komishiniin Marii Biyyaalessaa Itoophiyaanota dhimma biyyaalessaa irratti gadi fageenyaan yaada qaban karaa hirmaannaa hiika qabuun deggarameen adeemsa marii cimaa gaggeessaa akka jiru Tajaajila Oduu Itoophiyaatti himaniiru. Akka isaan jedhanitti, adeemsi marii ijoo kun gama mootummoota naannolee, bulchiinsa magaalotaafi hawaasa diyaaspooraa keessatti gegeeffamuuf ajandaalee walitti qabuufi hirmaattota adda baasuun komishinichi milkaa’ina argateera. Adeemsa marii kana irratti dhaabbileen hawaasummaa, barsiisonni yuunivarsiitiifi kutaalee hawaasaa biroo dabalatee qooda fudhattoonni adda addaa hirmaachuu isaanii ibsaniiru. Kun adeemsa marii adda ta’eefi milkaa’aa ta’e, kan Itoophiyaanonni yaadaafi fedhii biyya isaanii fayyada jedhanii amanan ittiin gumaachanidha.

Afa-yaa’ichi, marii marsaa dhumaa hojiirra oolchuufi qajeelchuuf malleen ifa ta’an waan qophaa’aniif, hojiin hafe milkaa’inaan akka xumuramuuf qooda fudhattoonni hundi itti gaafatamummaa isaanii akka ba’ataniif waamicha dhiheessaniiru. Dabaluunis, dhimmoonni seenaa, seeraafi bulchiinsa waliin walqabatan mariidhaan furmaata argachuu kan danda’an yoo ta’u, mariin biyyaalessaa kana taasisuuuf carraa murteessaa kan kennu ta’uu ibsaniiru. Itoophiyaan biyya dandeettiifi qabeenya guddaa qabdu ta’uu ibsuun, Itoophiyaanonni mariifi waliigalteedhaan bu’aa dinqisiisaa galmeessuu akka danda’an dubbataniiru. Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa adeemsa marii biyyaalessaa, seera baasuu irraa kaasee hanga dhaabbilee sochii guyyaa guyyaa isaa itti dhiheenyaan hordofan hundeessuun deggarsa walitti fufiinsa qabu taasisaa tureera. Afa-yaa’ichi mootummaan bu’aa marii kanaa fedhiifi murtee uummataa bakka bu’u hojiirra oolchuuf qophii ta’uu mirkaneessaniiru.

Oduu

AMECO Hirkoo