Qonni keessumayyuu bu’uura diinagdee jireenyaa biyyoota guddachaa jiraniiti. Dinagdeen qonna biyya keenyaa harka caalaan qonna irratti kan hundaa’edha. Irra caalaan qophiin qonna gannaaf taasifamu yeroo murteessaafi xiyyeeffannoo guddaa barbaadu keessaa isa tokkodha. Hojii qonnaan bultootaa gargaaruu irratti waldaaleen hojii gamtaa shoora olaanaa qabu. Haaluma kanaan Waldaan Hojii Gamtaa Qonnaan Bultoota Borkannaa Bulchiinsa Sablammii Oromoo, qonnaan bultootaaf galteewwan qonnaa yeroo isaanii eeggate dhiyeessuun diinagdee hawaasaa guddisuuf hojjechaa jira.
Jiraataan aanaa Baatee ganda Saalmanee Mahaammad Indiriis, qonna gannaatiif qophii gahaa taasisaa jiraachuu ibsuun, Waldaan Hojii Gamtaa Qoonnan Bultoota Borkannaa yeroo ammaa qonna gannaatif sanyii filatamaa, xaa’oo, qorichaafi galteewwan qonnaa biroo nuuf dhiyeessaa jira jedhaniiru. Galteewwan qonnaa yeroo isaanii eeggatanii argachuun isaanii hojii qonnaa isaanii salphaa taasisuufi oomisha isaanii guddisaa jiraachuu isaanii himaniiru. Kanaan dura galteewwan qonnaa dafee isaan dhaqqabuu dhiisuu irraan kan ka’e hojii ooomisha isaanitti gufuu ta’aa turuu kaasaniiru. “Waldaan kunis dhiyeessi amma nuuf taasisaa jiruun fayyadamaa ta’aa jirra” jedhaniiru
Gatiin galteewwanii madaalawaa ta’uun isaa fayyadamummaa isaanii dabalaa jiraachuus ibsaniiru. Hanqinni dhiyeessaa yeroo tokko tokko mul’achuu kaasun, sirni dhiyeessii kana caalaatti nuuf cimuu barbaadna jedhaniiru. Qonnaan bulaan aanaa Baatee ganda Kophaafoo, obbo Abduu Huseen, yeroo ammaa qophii qonna gannaatiif qophii taasisaa jiraachuu eeraniiru. Yeroo ammaa qonna gannaatiif galteewwan qonnaa akka sanyii filatamaa, xaa’oo, qorichaafi meeshaalee qonnaa Waldaan Hojii Gamtaa Qonnaan Bultoota Borkannaa dhiyeessun haala mijataa nuuf uumaa jira jedhaniiru. Galteewwan yeroo isaanii eeggatanii yoo ga’an hojiin qonnaa isaanii sirnaan raawwachuu akka danda’aniifi oomishtummaa isaanii akka dabalu eeraniiru. Keessumaa kanaan dura gatii madaalawaa hin taanen gabaa irraa bitaa turuu ibsuun, waldaan kun gatii madaalawaa ta’een galteewwan qonnaa nuuf dhiyeessun isaa fayyadamaa nu taasisa jira jedhaniiru.
Kanaan dura hanqina geejjibaafi saboobota garagaraatin dhiyeessin galtee harkifataa turuu kaasun, amma dhiyeessi waldaa kanaatin rakkoo geejjibaaf osoo hin saaxilamin haala salphaan dhiyeessi kana argachaa akka jiran dubbataniiru. Hojiin waldaan kun hojjechaa jiruun fayyadamaa ta’uun isaanifis galateeffataniiru. “Qonnaan bulaan yeroo argateen qonna isaa qopheeffatee yoo hojjetu, maatii isaa qofa osoo hin taane wabii nyaataa hawaasa bal’aafis gumaacha guddaa qaba” jedhaniiru. Gara fuulduraattis galteewwan barbaachisaa ta’an yeroo argatan haala gaariin oomishaafi oomishtummaa isaanii dabaluu akka danda’an ibsaniiru. “Nutis nyaataan of danda’uurra dabarree gabaaf dhiyeessuf haala mijataa nuuf uumaa jira” jedhamiiru. Qonnaan bultoonni galteewwan barbaachisan bakka tokko irraa argachuun isaanii yeroo, baasiifi rakkoo geejjibaa kan hir’isu yoo ta’u, Kunis hojii qonnaa saffisiisuufi qonna ammayyaatti akka ce’aniif kan gargaaru ta’uu kaasaniiru.
Itti gaafatamaan Waldaa Hojii Gamtaa Qonnaan Bultoota Borkannaa, obbo Xohaa Hasan, waldichi yeroo ammaa hojii isaa babal’isuun qonnaan bultootaaf tajaajila fooyya’aa kennaa jiraachuu isaanii kaasaniiru. Akkasumas hanqina galteewwan qonnaa duraan ture furuuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuu ibsaniiru. Galteewwan qonnaa akka sanyii filatamaa, xaa’oofi qoricha ilbiisota ittisuu yeroo isaa eeggateen dhiyeessuun oomishtummaa dabaluuf shoora guddaa taphachaa jiraachuu isaanii eeraniiru. Akka obbo Xohaan jedhanitti,qonnaan bulaan yeroo barbaachisaa ta’etti galteewwan yoo argate, oomisha gaarii argachuuf carraa bal’aa qaba.
Dhiyeessiin galteewwan qonnaa karaa waldaalee hojii gamtaatin diriiree, mootummaafi dhaabbilee deeggarsaa waliin qindaa’uun raabsamaa jira jedhaniiru. Kunis qonnaan bultoonni qonna gannaatiif galteewwan barbaachisan akka argataniif faayidaa guddaa qabaachuu kaasaniiru. Hanqina yeroo tokko tokko mudatu hiri’isuuf dhiyeessii galteewwan qonnaa ammayyaa’aa diriirsuun waldaan kun ciminaan hojjechaa jiraachuu ibsaniiru. Bara kanas qonna gannaa milkeessuuf akka bulchiinsichaatti hanga ammaatti xaa’oo kuntaala kuma 4 fi 500 ol dhiyeessee kan jiru yoo ta’u, dhibbantaa 50 kan ta’u rabsuudhaan qonnaan bulaa dhaqqabsiisuu ibsaniiru. Kana malees, meeshaalee qonnaa kanneen akka Tiraaktaroota qonnaa duran jiru irratti dabalataan galchuuf ajajanii akka jiran ibsaniiru. “Hanqina yeroo tokko tokko mul’atu furuuf sirni dhiyeessii caalaatti cimee itti fufuu qaba” Kan jedhan itti gaafatamichi qonna ammayyaafi dinagdee hawaasaa itti fufiinsa qabu ijaaruuf bu’uura cimaadha jedhaniiru.
Moosisaa Fufaatiin


