Tattaaffii Naannawa Magariisaa Uumuuf Taasifamaa Jiru

Waggoota darbanitti akka bulchiinsa sablammii Oromootti sagantaa ashaaraa magariisaan biqiltuu dhaabamanin dhiiqamni biyyee hir’ateera; uwwisni bosonaas dabaleera. Faalama qilleensaa qolachuun walqabatee jijjiiramni fooyye qabu dhufeera. Akka biyyaatti hojii kunuunsa qabeenya uumamaa irratti qorannoo taasifameen gabbinni biyyeefi oomishaafi oomishtummaan dabaluun mirkanaa’eera. Gaarreen mancaatiin midhamaniifi burqaawwan goganii turan tokko tokko dandamachuu jalqabaniiru.

Jiraataan aanaa Jiillee  Dhummuugaa ganda Qoodamaa obbo Ahimad Mahaammad bara 2011 irraa jalqabuun hojii ashaaraa magariisaa irratti hirmaachaa turuu yaadataniiru. Sulula Qoodamaa irratti biqiltuun hawaasa naannawichaan dhaabamee kunuunfamaa ture yeroo ammaa bosonoomee lafa duraan daaraa uffatee ture gara magariisaatti jijjiiramuu himaniiru. Biqiltuun sulula kanarratti misoome kun qilleensa naannoofi dhiqama biyyee fooyyessuu bira darbee hojii horsiisa kannisaaf haala mijataa uumuu eeraniiru. Akka obbo Ahimad jedhanitti, sulula misoome kana tuttuqqii namaafi beelladaa irraa tiksuuf namoonni 5 hawaasaan ramadamuun akka hojii idilee isaaniitti eegaa jiru. Obbo Ahimad faayidaa biqiltuu dhaabuun qabu sirriitti hubatanii jiraachuu ibsanii, sagantaa dhaabbii biqiltuu ganna bara geggeeffamu irratti hirmaachuuf qophii ta’uu himaniiru.

Aanichatti jiraataan ganda Yaatuu Booraa Marar, obbo Abdallaa Hasan, hojiin qabeenya uumamaa dhiqama biyyee hambisuun gabbinni biyyee akka fooyya’u taasisuun omishtummaa keenya dabaleera jedhaniiru. Erga hojiin misooma sululaafi kunuunsa qabeenya uumamaa irratti hojjetamee bu’aawwan jajjabeessoon waan argamaniif bara kana ciminaan irratti hirmaachuuf fedhii qabaachuu himaniiru.  Hojiin misooma qabeenya uumamaa baroottan darbanitti hojjetamaa turaniin jijjiiramni dhufuu danda’uu itti aanaa itti gaafatamaa Waajjira Qonnaa Aanaa Jiillee Dhummuugaa obbo Abdallaa Muusaa dubbatabiiru. Aanichatti hojiin ashaaraa magariisaa bara 2012 jalqabuu yaadachisanii, hawaasni aanichaa ashaaraa magariisaan wal qabatee hubannoo waan qabuuf biqiltuuwwan baroota darban dhaabbattan kunuunsaa jiraachuu himaniiru. Bara darbe biqiltuu haala qilleensaa aanichaa waliin deemuufi gara fuulduraaf faayidaa guddaa qabu biqiltuu Giraaviiliyaa qofa kuma 400 fi 76 ol dhaabneerra jedhaniiru.

Akka isaan jedhanitti walumaagalatti bara darbe suluulota 11 adda baasuun biqiltuuwwan garaagaraa miliyoona 1 ol dhaabamaniiru. Qorannoo taasisaniin haalli marguu biqiltuuwwan kanneen dhibbeentaa 85 ol ta’uus ibsaniiru. Aanichatti sulullan moodela ta’an kanneen akka sulula Dagaagaa, Qoodamaa, Qorroofi Warqee jedhaman tuttuqii namaafi beelladaa irraa bilisa taasisuun waardiyyaan eegumsi taasifamaa jiraachuu kaasanii, hawaasa aanichaanis kunuunfamaa jiraachuu dubbataniiru. Hojiin misooma sululaa itti fufinsaan hojjetamaa tureen gabbinni biyyee dabalaa dhufuu isaatiin oomishtummaan dabalaa akka jiru ibsaniiru. Hojiin kunuunsa bishaaniifi biyyee sagantaa ashaaraa magariisaa deggaruun lafti bosonni irraa manca’ee ture dandamachaa dhufuu dubbataniiru.

Hojiileen qabeenya uumamaa irratti hojjetaman bu’aa qabatamaa argamsiisuu isaaniin qonnaan bultoota jajjabeessaa jiraachuu himaniiru. Bara kana gandoota aanichaa saddeet keessatti biqiltuu miliyoona 2 ol dhaabuuf karoorsanii, hanga ammaatti biqiltuuwwan kuma 600 ol buufataalee biqiltuu moodela 3 ta’aniifi buufataalee biqiltuu hawaasaa 9 keessatti qophaa’uu dubbataniiru. Gara fuuldurattis lakkoofsa biqiltuuwwan dabaluuf qophiin taasifamaa jiraachuu itti aanaan kun hubachiisaniiru. Dursaan Garee Qabeenya Uumamaa Qajeelcha Qonnaa Bulchiinsa Sablammii Oromoo Mangistuu Birihaanuu, biqiltuuwwan sagantaa ashaaraa magariisaatiin baroota darbanitti  dhaabbatan giddu galeessaan dhibbeentaan 69 ol misoomuu eeraniiru. Haala qabatamaa jiruun hammi bosonaa waggoota darban keessatti hojiiwwan kunuunsa qabeenya uumamaa hojjetameen omishaafi oomishtummaa dabaluu himaniiru. Waggoota darbanitti sagantaa ashaaraa magariisaan biqiltuu dhaabamaniin dhiqamni biyyee hir’ateera; uwwisni bosonaas dabaleera jedhaniiru.

Dursaan garichaa, bara kanas bakkeewwan biqiltuuwwan irra dhaabaman adda baafamanii jiraachuu eeranii, naannawichi gammoojjii ta’uu isaatiin walqabatee biqiltuuwwan haala qilleensa naannawichaan walsimatan buufataalee biqiltuuwwanii aanolee bulchiinsichaa hunda keessatti qophiitti jiraachuu ibsaniiru. Hamma uwwisa bosonaa guddisuuf bara kana sagantaa ashaaraa magariisaan lafa hektaara kuma 7 olirratti biqiltuuwwan garaagaraa miliyoona 22 ol ta’an buufataalee biqiltuu 24 irratti qopheessuu dubbataniiru.  Duula dhaabbichaa irrattis namoota kuma 30 ol hirmaachisuuf karoorsuu himanii, rakkoo gama faalama qilleensaan gahu qolachuuf hojii kunuunsa qabeenya uumamaa irratti hunduu hirmaachuu akka qabu gaafataniiru.

Naannoo Amaaraatti sagantaa ashaaraa magariisaa bara kanaaf biqiltuun faayidaalee garaagaraaf oolan biiliyoona tokkoofi miliyoona 700 ol qophaa’uu Itti gaafatamaan Biiroo Qonnaa Naannoo Amaaraa Darajjee Maandafroo himaniiru. Biqiltuuwwan faayidaa garaagaraaf oolan dhaabuun jijjiirama qilleensaa dandamachuu, ho’insa hir’isuufi wabii nyaataa mirkaneessuuf shoorri qabu olaanaadha jedhaniiru. Akka isaan jedhanitti, dhaabbii biqiltuu bara kanaa milkaa’aa taasisuufi karaa saayinsawaa ta’een gaggeessuuf hojiin kaartaa hojjetamuu ibsanii, lafa heektaara kuma 253 fi 460 adda baasuuf karoorfamee, lafa heektaara kuma 261fi 354 adda baasuun danda’ameera. Faayidaa hedduu biqiltuu dhaabuun gama dinagdeefi hawaasummaan qabu hubachuun biqiltuu dhaabbate sirnaan kunuunsuu barbaachisaadha jechuun itti gaafatamichi hubachiisaniiru.

Guddinaa Asaffaatiin

Oduu

AMECO Hirkoo