Seenaan akka mul’isutti Itoophiyaan hanga bara 1985tti hulaa galaanaa mataa ishee qabaachaa turteetti. Haata’u malee Eertiraan bara 1985tti Itoophiyaa irraa foxxoquu hordofee Itoophiyaan ulaa galaanaa Shira hoggantoota biyyattii yeroo san biyya hoggananiin dhabuu dandeesseetti. Hoggantootni yeros hula galaanaa dabarsanii kennan mirga kennuu kan hin qabnedha;Itoophiyaan yeros motummaa ce’umsaan hogganamaa turte. Mootummaan ce’umsaa immoo mirga qabeenya biyyaa, uumata biyyattii bakka bu’ee dabarsee kennuu hin qabu.
Dogoggora hoggantoota bakka bu’ummaa seera qabeessaa hin qabneen Itiyoophiyaan biyya baay’ina uummataa miliyoona 130 ol qabdu taatee osoo jirtuu hulaa galaanaa dhabuun lammiilee biyyaatti miidhaa garagaraaf saaxileera. Bahaafi Gaanfa Afriikaa keessatti baayina uummataa hedduufi lafa bal’aa kan qabdu; biyya guddoo hulaa galaanaa hin qabne erga tatee waggaa 30 ol lakkoofsifteetti.
Fedhiin daldaalaa Itoophiyaa waliigalaa sochiilee al ergiifi galii irra caalaan buufata doonii Jabuutii irraatti hirkataa ta’ee jira. Kanaanis Itoophiyaan waggaatti baasii doolaara biliyoona 2–3 ta’u kiraa buufata doonii jibuutiif, kuusaafi tajaajila loojistikii walqabatee akka baaftu ragaan Baankii Addunyaarraa argame ni agarsiisa. Baasiin Itoophiyaan Kiraa buufata dooniif erga buufata galaanaa ishee dhabdee kaastee biyyoota ollaaf kaffalaa turte, rakkoolee diinagdeefi hojii dhabdummaa biyyattii raasu furuuf gahaa ture. Piroojektoota gurguddoo lammilee biyyattiif carraa hojii uumuu danda’aniifi qaala’insa jireenyaa Gaanfa Afrikaa tasgabbeessuuf kan malu kiraa buufata dooniif baasaa turuun lammiilee Itoophiyaaf gaaffii guddaa erga ta’ee oolee bubbuleera.
Miseensa humna galaanaa Itoophiyaa kan turan Daamxoo Gugsaa, Itoophiyaan qarqara Galaana Diimaa irraa ol’aantummaa seenaafi ji’oopolotikaa qabdu akka dhabdu kan taasise, Shira yeroo ce’umsaa bara 1983 Akka Lakkoofsa Itiyoophiyaatti ABUT/TPLF fi Shaabiyaa gidduutti sanada seeraafi mariidhaan otoo hin deeggaramiin, raawwatameen ta’uu dubbataniiru. Eertiraan Itoophiyaa irraa yeroo adda baatu faayidaa biyyaalessaa Itoophiyaa yeroo dheeraa otoo hin kabajneefi waliigaltee seeraatiin otoo hin deeggaramiin, Mootummaan Cehumsaa Eertiraa buufata doonii Asab dabalatee qarqara galaanaa guutuu akka to’atu taasifamuu eeraniiru.
Hulaa galaanaa dhabuun Itoophiyaa kaffaltii kiraa buufata dooniif doolaara biiliyoonaan lakkaawwamuuf saaxiluu dabalatee, gatii geejibaa, nyaataafi meeshaalee induustirii qaalessiisuun jireenya lammiileetti qorumsa ta’uus ibsaniiru. Baay’ina uummataafi guddina diinagdee ammaa waliin hulaa galaanaa argachuun dhimma jiraachuufi jiraachuu dhabuuti kan jedhan Obbo Daamxoon, tattaaffiin ammaa karaa seera qabeessaafi dippiloomaasiitiin taasifamu dogoggora seenaa dabee sirreessuufi nageenya diinagdee yeroo dheeraa mirkaneessuuf barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.
Yunversitii Ambootti Hayyuun Saayinsii Siyaasaafi Hariiroo Idil-Addunyaa Ibsaa Mootummaa gamasaaniin, Itoophiyaan seeraanis seenaanis biyya hulaa galaanaa qabdu waan turteef gaaffiin isheen kaasaa jirtu “Na dabarsaa osoo hintaane waa’ee abbummaa qabeenya dhabde deebifachuuti;biyyoonni hedduun hulaa galaanaa waan hin qabneef na dabarsaa jedhaa jiru. Itoophiyaan garuu bu’uura heeraan hulaa galaanaa dhabde deebifachuuf gaafataa jirti”jedhan. Hayyuun kun akka ibsanitti seerri hulaa galaanaa Idiladdunyaa Akka Lakkoofsa Aawurooppatti bara 1982 ba’ee bara 1994 hojiirra ooleen Itoophiyaan mirga shiraan dhabde seeraan akka gonfachuu dandeessu ni mirkaneessa jedhan. Itoophiyaan seera hulaa galaanaa dabalatee seerota idil-addunyaa hedduu waan mallatteessiteef dirqamashee ba’achuu qofa osoo hintaane mirgashee kabachiifachuufis carraa bal’aa qabaachuu addeessaniiru.
Itoophiyaan kanaan dura oomishaalee ishee 90% ol ta’u karaa hulaa galaanaa isheen al-ergiifi galchoo ishee rawwachaa turuu eeruun, erga hulaan galaanaa itti cufamee as baasii kiraa buufata dooniif saaxilamaa jirrti. hulaa galaanaa dhabuun walqabatee daldala idil-addunyaa keessatti baasiin geejibaa dabaluufi buufata galaanaa biyyoota ollaa irratti hirkachuu isheetin diinagdeen biyyaatti miidhamuus kaasaniiru. Gaaffiin hulaa galaanaa yeroo amma ka’aa jiru dippiloomaasii cimaa uumuu, hariiroo gaarii biyyoota ollaa waliin ijaaruufi marii bu’a qabeessa gaggeessuun filannoo sirrii ta’uus ibsaniiru.
Yunversiitii Wallootti Barsiisaan Seenaa Daannaachoo Tolasaa, weerara Xaaliyaaniin walqabatee Eertiraan kolonii Xaaliyaanii jala turuu eeruun, Xaaliyaanis dhimma Galaana Diimaarratti waliigaltee seer-maleessaa, Eertiraa abbaa Galaana Diimaa kan taasisan baroota 1900, 1902fi 1908 mallatteessuushee yaadachiisaniiru.
Itoophiyaan waliigaltee taasifamee keessatti qooda akka hin fudhanne ibsuun, waraana addunyaa lammaffaa booda Ameerikaafi Faransaay dabalatee Itoophiyaaf beekamtii abbummaa kennaniin Eertiraan federeeshiniin Itoophiyaatti akka makamtu taasifamuun walqabatee hulaan galaanaa Itoophiyaaf deebi’ee turuu dubbataniiru. Baroota kanaan durallee bara qarooma Aksum keessa Itiyoophiyaan Galaanaa Diimaatti fayyadamaa turuu hayyuun kun kaasaniiru. Qaroominni yericha tures daldala galaana irratti taasifamaan irratti hundaa’uu isaas ibsaniiru.
Hulaa galaanaan walqabatee gatiin dhalootni har’a kaffalaa jiru sababa dogoggora bulchitoota kaleessa Itoophiyaa bulchaniin ta’uu ibsuun, bara Mootii Hayilesillaasees ta’e waraana Itiyoo-Eertiraa booda waliigaltee Aljersiirratti dogoggorri uumame har’a biyya aarsaa hin malle kaffalchiisaa jiraachuu eeraniiru. Hulaan galaanaa dhimma guddina diinagdee, guddina damee turizimii, madda wabii midhaan nyaata, humna galaanaafi loltummaa waan ta’eef biyya tokkoof dhimma murteessaafi barbaachisaadha jedhaniiru.
Itoophiyaan tarkaanfii amma fudhataa jirtuun gaaffiin hulaa galaanaa karaa waraanaa osoo hin taane, karaa marii, dippiloomaasiifi waliigaltee mootummaa biyyoota ollaa waliin taasifamuun furmaata waaraa barbaaduu qabdi jedhaniiru. Mootummaafi lammiileen tokkummaan dhaabbachuun fedhii biyyaalessaa kana deeggaruu, hariiroo gaarii naannichaa cimsuufi tarsiimoo yeroo dheeraa qopheessuun barbaachisaa ta’uus ibsaniiru.
Moosisaa Fufaatiin


