Ashaaraan magariisaa guddina diinagdee itti fufiinsa qabu mirkaneessuu, qabeenya uumamaa eeguu, harama biyyee ittisuufi wabii nyaataa mirkaneessuuf gahee olaanaa qaba. Biqiltuuwwan nyaataaf oolan kanneen akka maangoo, avokaadoo, pappaayyaa, burtukanaafi mukeen faayidaa diinagdeefi wabii midhaan nyaataa mirkaneessan dhaabuun, galii guddisuufi jireenya hawaasaa fooyyessuuf murteessadha.
Bulchiinsa Sablammii Oromoo Aanaa Dawwee Harawwaatti hojii ashaaraa magariisaa hawaasni hirmaannaa cimaa taasisaa jiruun biqiltuuwwan faayidaa diinagdeef oolan dhaabuun hawaasa fayyadamoo taasisaa jiru.Jiraataa Aanaa Dawwee Harawwaa Ganda Madiinee Obbo Umar Qaadii hojii ashaaraa magariisaa irratti xiyyeeffannoo guddaa kennanii hojjechaa jiru. Biqiloota nyaataaf oolan kanneen akka maangoo, burtukanaa, muuzii, avokaadoo, pappaayyaafi biqiltoota biroo soorataaf oolan dhaabanii kunuunsaa jiru.
Obbo Umaar hojii ashaaraa magariisaan gargaaramanii biqiloota diinagdee isaanii guddisan qofa osoo hin taane kanneen eegumsa naannoofi jijjiirama qilleensaa baramaa hir’isuuf gahee olaanaa qaban. Kanneen akka birbirsaa, gaattiraafi kanneen biroo yeroo dheeraaf kunuunsaa turuufi naannoon akka magariisa ta’u hojjechaa jiraachuu isaanis ibsaniiru.“Biqiltoonni wabii nyaataaf oolan kanneen akka burtukannaa, muuzii, avokaadoo, pappaayyaa fi maangoo madda galii naaf ta’uun maatii koo ittiin jiraachisaan jira” jedhan. Biqiltootaa kuduraaf muduraa isaanii irraa argatan gabaa irratti gurguruun guyyaa gabaa hunda qarshii kuma sadii hanga kuma afurii argachaa jiraachuu eeruun galiin kun jireenya maatii isaanii fooyyessuu fi baasii guyyaa guyyaa isaanii uwwisuuf gargaaraa akka jiru dubbataniiru.
Biqiloota Obbo Umar dhaaban madda galii maatii isaanii ta’uu irra darbuun gabaa naannawaa isaaniif dhiyeessuun gabaa tasgabbeesaa jiraachuus himan. Dhumarratti, hawaasni hundi ashaaraa magariisaa irratti hirmaachuun biqiltoota dhaabuu qofa osoo hin taane sirnaan kunuunsuu akka qabu, hojii kana cimsuun wabii nyaataa, galii maatiifi eegumsa naannoo walitti fufsiisuuf murteessaa ta’uus himan.
Itti gaafatamaa Wajjiirra Qonnaa Aanaa Dawwee Harawwaa Obbo Amaaree Sisaay, ashaaraan Magariisaa jireenya ilma namaafi diinagdee biyyaa guddisuuf iddoo guddaa kan qabu ta’uu, Keessattuu aanaan Dawwee Harawwaa duraan haalli qilleensa baramaa isaa gogaa kan turee, erga hojiin ashaaraa magariisaa eegalamee as bu’aan guddaa fi jijjiiramni qilleensaa gaariin argamuu isaa dubbataniiru.
Bara darbe biqiltuu miliyoona tokkoofi kuma dhibba saddeetiifi kuma torbaatamii lama dhaabuuf karoorfatanii, biqiltuu miliyoona tokkoofi kuma dhibba afuriifi kuma torbaatamii sadii dhaabamuu himanii, Kanneen keessaa biqiltuun kuma dhibba ja’aafi kuma sagaltamii saddeetti ol haala gaariin qabachuu himan.
“Baaniinsa Sanyii Badhaadhinaa” jechuun Bulchiinsa Sab-lammii Oromoo Aanaa Dawwee Harawwaa keessatti suluuloota 7 irratti hojii ashaaraa magariisaan misoomsaa jiru. Biqiloonni madda wabii nyaataa ta’an kanneen akka avokaadoo, burtukaana, muuzii, maangoo fi paappayyaa kuma ja’aafi dhibba afurii ol lafa hektaara 38.42 irratti dhaabuuf karoorfamuu himan. Kunis lafa waloofi kan dhuunfaa irratti biqiloota diinagdeen hawaasa fayyadanifi jijjiirama qilleensa baramaa eegan kan dhaaban ta’uu himan. Lafti qullaa turaaniifi salphaatti biyyeen irraa haramaa ture, yeroo ammaa biqiltootaa dhaabuun harama biyyee hir’isuun danda’amuus himan.
Dargaggoonni Aanaa Dawwee Harawwaa suluulota 8 irratti waldaaleen gurmaa’anii, biqiltoota nyaataaf oolan kan akka avokaadoo, paappayyaa, maangoo, burtukaanaafi muuzii oomishuun gabaaf dhiyeessaa kan jiran ta’uu, kanaanis madda galii isaanii guddisuun fayyadamoo ta’aa jiraachuus yaada isaanii nuuf qoodaniiru.
Dursaa Garee Eegumsa Qabeenya Uumamaa Qajeelcha Qonnaa Bulchiinsa Sab-lammii Oromoo kan ta’an Obbo Mangistuu Biraanuu,
ashaaraan magariisaa wabii nyaataa mirkaneessuufi diinagdee qonnaan bulaa guddisaa jiraachuu ibsan. Ashaaraan magariisa muka dhaabuu qofaan kan daangeffame osoo hin taane, biqiloota fuduraafi muduraa wabii nyaataaf oolan kanneen akka maangoo, burtukaanaa, muuziifi avokaadoo kan hamate, oomishtummaa guddisuu kan hamate ta’uus hiamn. Hojiin ashaaraa magariisaa gabbina biyyee dabaluu, dhiqama biyyee ittisuufi jijjiirama qilleensaa baramaa gaarii fiduu keessatti gahee qaba;oomishni midhaanii kuduraa, fuduraafi bunaa dabaluun madda galii guddaa ta’uufi nyaata madaalawaa dhiyeessuun fayyummaa hawaasaa eeguu keessatti faayidaa guddaa akka qabu himaniiru.
Aanaaleen akka Dawwee Harawwaa,Dawwaa Caffaafi Arxummaa Fursii kunuunsaafi itti fayyadama ashaaraa magariisaatiin adda dureedha. Bulchinsa Sablammii Oromoo keessatti buufata biqiltuu moodeela ta’an 24tti guddisuuf karoorfamee hojjetamaa jira.Misoomni kun riqicha qonnaa ammayyaafi wabii nyaataa kan ceesisu ta’uufi jireenya hawaas-diinagdee qonnaan bulaa jijjiiraa akka jirus himan. Muuxannoon biqiloota diinagdeen hawaasa gargaaran sagantaa ashaaraa magariisaan dhaabuu rakkoo wabii midhaan nyaataa kan mirkaneessuu, jijjiirama qilleensa baramaa kan ittisu, harama biyyee ittisuufi oomishtummaa qonnaa dabaluuf ga’ee olaanaa qaba.
Geexee Gizaawutiin


