Jiruufi jireenya lammiilee biyya keenyaa dhibbeentaa 85 qonna irratti kan hundaa’edha. Guddina diinagdee gama qonnaan mirkaneessuuf qonna ammayyeessuun barbaachisaadha. Mootummaan qonna ammayyeessuuf paakeejii qonnaa kan akka xaa’oo fayyadamuu, sanyii filatamaafi qonna qotiyyoon gaggeeffamu gara tiraakteeraatti ceesisuu irratti xiyyeeffatee hojjechaa jira. Aanaa Dawaa Caffaatti qonnaan bultoonni yeroo dheeraaf mala qonnaa aadaa irratti hundaa’uun oomisha isaanii gaggeessaa turan. Teeknooloojiiwwan qonnaa ammayyaa fayyadamuun qonna aadaa irraa gara qonna ammayyaatti ce’uun omishaafi oomishtummaa isaanii dabalaa jiru; yeroofi humna qusachuu, baasii hojii hir’isuu akkasumas oomishaafi oomishtummaa guddisuuf carraa bal’aa uumaa jira.
Jiraataa Magaalaa Kamisee kan ta’e dargaggoo Sa’id Ahimad, rakkoo qonnaan bultoota hojii qonnaa keessatti isaan mudatu furuuf hojii kalaqaa irratti bobba’uun maashina lafa qotu kalaquun qonnaan bultoota fayyadamoo taasiseera. wantoota hojii kalaqaa kanaaf isa kakaasan keessaa tokko oomishni miidhaanii naannawaa hedduutti hanga yeroo ammaa bifa qonnaa aadaa jechuunis humna namaafi qotiyyoo irratti hundaa’uun oomishamaa jiraachuu ta’uu fi malli qonnaa aadaa jijjiirama yeroo ammaa waliin kan walsimu waan hin taaneef gara mala qonnaa ammayyaatti ce’uun barbaachisaa ta’uu ibseera. Kaayyoo kana irraa ka’uunis maashina qonnaaf tajaajilu kalaquu isaas ibseera.
Maashina qonnaa kalaqame kana fayyadamuun oomishtummaa qonnaan bultootaa guddisuun akka danda’amu Sa’id Ahimad ibsaniiru. lafa qotiyyoon qotuun yeroo dheeraa kan fudhatu yoo ta’u maashina kana fayyadamuun yeroo gabaabaa keessatti xumuruun akka danda’amuu ibseera. Lafa heektaara tokko qotiyyoon qotuuf guyyaa 3 hanga guyyaa 4tti yeroo fudhachuu danda’a. Maashina qonnaa kana fayyadamuun garuu lafa heektaara tokko sa’aatii 6 hanga 7 keessatti qotuun danda’amuus hime.
Qonnaan bultoonni qotiyyoo fayyadamuun hojii qonnaa gaggeessanii booda waggaa guutuu qotiyyoo kunuunsuuf yeroofi humna hedduu kan barbaadan yoo ta’u, maashina kana fayyadamuun garuu yeroo gabaabaa keessatti hojii qonnaa xumuruun, yeroofi humna isaanii hojii galii biraa argamsiisuuf oolchuu akka danda’an dargaggoo Sa’id Ahimad ibse.
Dargaggoonni kun yeroo jalqabaaf maashina kana kalaquuf kan isa kakaase rakkoo maatii isaan furuuf ta’uus, yeroo ammaa garuu kalaqni isaa qonnaan bultoota bal’aa fayyaduu danda’e jira. Maashinni kun hojii qonnaa saffisiisa, baasii fi humna namaa qusata. kana malees oomishaa fi oomishtummaa guddisuuf carraa gaarii uuma.
Gara fuulduraattis deeggarsa mootummaa argachuun maashina qonnaa 17 qopheessuufi qonnaan bultootaaf dhiyeessuuf qophii irra jiraachuu ;ammayyeessuu oomishaa fi oomishtummaa guddisuu akkasumas guddina diinagdee biyyaa keessatti gahee olaanaa qaba.
Dargaggoonni biyya keenyaa rakkoolee hawaasummaafi diinagdee furuuf hojii kalaqaa irratti xiyyeeffachuu akka qabanis dhaameera.
Akka dargaggoo Aanaa Dawaa Caffaa, Obbo Iisaa jedhanitti, qonna aadaa irraa gara qonna ammayyaatti ce’uun oomishaafi oomishtummaa guddisuuf murteessaa dha. Maashinoota qonnaa, kanneen akka tiraakteeraa, maashinii sanyii facaastuu, kan midhaan haamuu, salphaafi bu’a qabeessa taasisuun akka danda’amu ibsan. Meeshaaleen kunneen yeroo gabaabaa keessatti lafa bal’aa qopheessuufi hojii qonnaa sirnaan raawwachuuf gargaara jedhan.Qonna aadaa keessatti rakkoon yeroo fi humnaa guddaan jiraachuu kan ibse Iisaan, qonnaan bulaan lafa bal’aa humna namaatiin qotuun yeroo dheeraa akka fudhatu himan. Teekinooloojiin qonnaa garuu hojii kana saffisa, baasiifi humna hojii hir’isa; akkasumas yeroo gabaabaa keessatti lafa bal’aa qopheessuun oomisha fooyya’aa argamsiisuuf carraa gaarii uuma jedhan.
Akka jiraataa Aanaa Dawaa Caffaa Obbo Mahaammad Yuusuuf jedhanitti ;Qonna keessatti meeshaalee teekinooloojii fayyadamuun oomishuufi mala aadaatiin oomishuu gidduutti garaagarummaan guddaan jira. Isaanis meeshaa qonnaa tiraakteraa bifa kalaqaatiin Dargaggoo Sa’id Ahmed hojjetetti fayyadamuun qonna isaanii irraa bu’aa gaarii argachaa jiraachuu himan.
Kanaan dura qotiyyoo fayyadamuun yeroo qonna hojjetan lafa hektaara walakkaa irraa kuntaala lama qofa argachaa turan; erga maashina qonnaa kalaqame kana fayyadamuun oomishuu eegalanii garuu lafa hektaara walakkaa irraa kuntaala 10 hanga 15tti oomisha argachaa jiraachuu ibsan. Kunis teeknooloojiin qonnaa keessatti fayyadamuun oomishaafi oomishtummaa guddisuu keessatti gahee olaanaa qabaachuu ibsan.
Maashiniin tiraakteraa kun faayidaa adda addaa qabaachuu eeruun keessaa tokko lafa qotuufi lafa qotuu keessatti hojii qonnaa saffisiisuufi salphisuudha jedhan. Meeshaan kun yeroofi humna namaa qusachuuf kan gargaaruufi galii qonnaan bulaa guddisuu keessatti gahee olaanaa qabaachuu ibsan.Yeroo qotiyyoo fayyadamuun lafa qotan waggaa guutuu qotiyyoo qonnaaf oolan kunuunsuun dirqama ture. Kunis baasiifi yeroo hedduu gaafata. Amma garuu maashina kana fayyadamuun qonna hojjechuu erga eegalee booda hojii qonnaa isaanii sa’aatii afur keessatti xumuruun akka danda’amu ibsan.
Itti Gaafatamaan Waajjira Qonnaa Aanaa Dawaa Caffaa Obbo Nuuruu Muhammad oomishaa fi oomishtummaa guddisuuf meeshaalee teekinooloojii qonnaa keessatti fayyadamuun faayidaa guddaa qabaachuu ibsan.Aanaa Dawaa Caffaattis meeshaalee teekinooloojii qonnaa 10 karoorfamee keessaa 8 hojii irra oolchuun danda’amuu himan. Meeshaaleen kunneen hojii qonnaa saffisa, humna namaa fi yeroo qusachuu bira darbee lafa bal’aa yeroo gabaabaa keessatti qotuuf gahee olaanaa qabu jedhan.
Qonnaan bultoonni paarsaantii 50 ol meeshaalee teekinooloojii fayyadamuun oomishaa jiraachuu eeruun meeshaaleen kunneenis qonnaan bultootaaf bifa gurmaa’inaan akkasumas liqiidhaan akka dhiyaatan himan.Kana malees, dargaggoo Sa’id Ahimad tiraaktara kalaqanii hojjechaa jiranitti qonnaan bultoonni fayyadamaa jiraachuu eeruun meeshaan kalaqame kun qonnaan bultoota bira gahee bal’inaan akka itti fayyadamanif Waajjirri Qonnaa deeggarsa barbaachisaa taasisaa jiraachuus ibsan.
Gara fuulduraattis qonna aadaa irraa gara qonna ammayyaatti ceesisuuf meeshaalee teekinooloojii qonnaa babal’isuun oomishaafi oomishtummaa guddisuu hojii qonnaa salphaa taasisuu, saffisaafi bu’a qabeessa taasisuuf xiyyeeffannoon kennamee hojjetamaa jira.
Geexee Gizaawutiin


