Ashandiyyeefi Shamarran

Uummanni Itiyoophiyaa uummata duudhaa, aadaafi Seenaa baroota hedduu qabaachuun beekamudha. Aadaaleefi duudhaaleen kunneenis haala garagaraatiin kabajamu. Keessumaa immoo ji’a Hagayyaa keessa Ayyaanni Shadey/Ashandiyyee shamarraniin kutaalee kaaba Itoophiyaa Naannoo Amaaraafi Tigiraay keessatti haala hoo’aa ta’een kabajama. Ayyaana kanas caalaatti kan beeksisu qoodaafi gahee dubartoonniifi ijoolleen shamarranii qaban irraa kan ka’e “tapha ijoollee shamarranii” jedhamuun beekama.

‎Bakkeewwan ayyaanni Ashandiyyee itti kabajaman hundi isaanii duudhaa bu’uuraa walfakkaataa hordofanis, naannoolee kaaba Itoophiyaa adda addaa keessatti maqaa garaa garaatiin waamamu. Laastaafi Gondor keessatti ‘Ashandiyyee’ , Wag-himraafi Soqoxaatti ‘Shaadey’ akkasumas naannawaa Raayyaa Qobbootti ‘Soolal’ Naannoo Tigiraay keessatti ‘Ashandaa’, jedhamuun beekama. Ayyaanni kun waggaa waggaadhaan Hagayya 16 hanga 26 gidduutti baay’inaan kan kabajamu yoo ta’u, Sooma Filsataa wajjin wal qabatee bifa hoo’aadhaan kabajama.

Kabaja ayyaanichaa irattis Shamarran uffata aadaa faayame uffachuun, marga dheeraa bifa wandaboon hojjetanii mudhii isaaniitti hidhachuun, rifeensa haala  aadaa dhahatanii, garee uummachuudhan  kabaroo/dibbee/n taphachaa, mana namaa irra naanna’uun deemanii Weeddisu. Hawaasni naannoos shamarran kanaaf kabaja kennuuf jecha maallaqa, nyaataafi dhugaatii kennuufiin gammachuu waliin qooddatu. Ashandiyyeen yeroo tokko tokko guyyaa bilisummaa shamarraniiti jedhama. Kunis Shamarran guyyaa kana bilisummaan, ofitti amanamummaan, walta’insaan, jaalalaafi eenyummaa aadaa isaaniitiin guyyaa dirree irratti bahuun taphachaa oolu.

‎Marsaa baay’eef Ayyaana shamarranii kanarratti hirmaachaa turuu kan nuuf kaafte jiraattuu Magaalaa Gorgoraa Shamarree Masarat Alaminee, osoo ayyaanichi hin eegalin dursanii koree hundeeffachuun karaa korichaa mallaqa walitti akka qabatan dubatti. Kanamalees uffataa aadaa qopheeffachuu, rifeensa haala duudhaa isaa eeggateen boca gararaan hojjetachuu, faayaalee aadaa kanneen akka marataa, margaafi faaya mormaa qopheeffachuun, sirbaafi weedduu Ashandiyyee shaakaluufi kanneen biroof dursanii akka of qopheessan himti. Guyyaa Ayyanichaas mana amantaa irraa eegaluun mana namoota irraa deemuun akka weeddisan ibsiti. Weedduufi sirbi isaanis kan yeroo jalqabbii, kan walakkaafi xumuraa adda adda ta’uufi haaluma duudhaa isaatiin tartiiban akka weeddisan dubbatti. Dhuma kabaja ayyaanichaa irattis weedduufi sirba abdii bara fuulduraa weeddisaa nagaa walitti dhaammachaa addaan akka bahan eerti. Ayyaana bara kanaas haala miidhagaan kabajuuf qophooftee jiraachuu ibsiteerti.

‎Obbo Isheetuu Taaddasaa Waldaa Misoomaa Duudhaa keessaatti hojii qindeessaa pirojeektii Shadeeyiitiifi Ashandiyyee irratti nama qorannoowwaan af-walaloo gaggeessanidha. Ashandiyyeen ayyaana aadaa, duudhaafi seenaa ta’uu ibsuun, ayyana shamarran ittiin of mul’isan, ittiin walitti dhufan, sirban, weeddisaniifi af-walaloo adda addaa kan dhiyeessan ta’uu dubbatu. Akka qorataa af-walaloo tokkootti yoon ilaalu, “Ashandiyyeen bashannana qofa osoo hin taane, af-walaloofi sirbaan yaada, miira, eenyummaafi duudhaa hawaasaa ittiin ibsanidha” jedhan. Shamarran sirbaafi weedduu isaanii keessatti jaalala, hawwii, gammachuu, kabaja maatiifi hawaasaa, akkasumas waan isaan keessa jiran karaa jechoota miidhagoon akka ibsan dubbataniiru.

‎Obbo Isheetunis qorannoo gaggeessaniin, ayyaana Ashandiyyee irratti af-walaloo jedhaman kanneen akka faaruu, sirbootaafi geerarsaa 160 ol akka jiru qorachuu isaanii dubbataniiru. Af-walaloon kunis baroota dheeraaf bifa barreefaamaan osoo hin taane, jechama afaaniin qofa dhalootarraa dhalootatti daddarbaa turuu ibsan.Af-walaloo kunneenis aadaa hawaasichaa, jireenya nama dhuunfaa akkasumas, gootummaa irratti xiyyeeffachuun kan weddisamudha. Keessumaa immoo shamarran baroota dheeraaf fedha isaanii malee fedha maatii isaaniitiin dirqisiifamanii heerumaa waan turaniif, guyyaa kanas kan maatiin isaaniif filate osoo hin taane kan ofiif jaalatanitti heerumuu akka qaban bifa geerarsaafi sirbaan quuqaa garaa isaanii akka ibsatan dubbatu. Sababni Obbo Isheetuun qorannoo gaggeesaniifis duudhaafi aadaa ayyaanichaa irraa wantoonni baayeen dagatamaa waan deemaniif, dhaloonni itti aanu aadaafi duudhaa kana sirnaan akka beekuufi tikfatuuf akka ta’e ibsaniiru. Dhumarrattis, seenaa, duudhaafi aadaa ayyaana kanaa  dhalootaa dhalootatti dabarsuuf namni hunduu gahee isaa bahachuu akka qaban dhaamaniiru.

‎Ayyanni Ashandiyyee seenan yoomirraa eegalee kabajamaa akka ture beekuu baannullee barootaa dheeraaf kabajamaa tureera kan jedhan immoo Obbo Xamtoo Gallaas, waajjira Aadaa, Turizimiifi Ispootii Wag-Himiraatti abba adeemsa misooma duudhaaleefi induustirii aadaati. Guyyaan kun shamarraniif guyyaa bilisummaa isaanii ta’uu himan. Ayyaana kana irratti kan hirmaatan shamarran hin heerumne ta’ullee;hariiroo, jaalalaafi obbolummaa isaan gidduu jiru cimsuuf dubartonnii abbaa manaa qabanillee darbanii darbanii akka irratti hirmaatan eeran. Kanamalees guyyaa kana dargaggoonni fuulduraatti waliin gaa’ila dhaabbachuuf  iddoo itti shamarran filatanidhas jedhaniiru.

‎Yeroo kabaja ayyaanaa kanaattis sochiiwwan misooma turizimii dabaluu kan eeran Obbo Xaamtoon, daawwattoonni biyya keessaafi alaa akka irratti hirmaatan dubbataniiru. Kunis guddina damee turizimiif faayidaa guddaa qabaachuu ibsaniiru. Akka waajjira aadaa, turizimiifi ispoortii aanaa isaanittis aadaafi duudhaa ayyaana kanaa jabeessuufi tiksuuf hojii bal’aa hojjechaa jiraachuu eeraniiru. Keessumatiyyuu dhaloonni amma jiru kun duudhaafi aadaa isaa tikfachuun dhalootaaf dabarsuu akka qabanis dhaamaniiru.
Moosisaa Fufaatiin

Oduu

AMECO Hirkoo