Biyyi keenya Itoophiyaan, biyya uummanni ishee ayyaanota amantaa, ayyaanota jijjiirama baraafi ayyaanota aadaa garaagaraa itti kabajanidha. Ayyaanotni kunneen seenaa, aadaa, duudhaafi amantaa hawaasaa calaqqisiisuun cinaatti walitti dhufeenya hawaasaa cimsuu keessatti gahee olaanaa qabu. Keessumaa immoo ayyaanonni walakkeessa ji’a Hagayyaa keessa kabajaman bareedinaafi simboo addaa kan uumanidha. Ayyaanonni kanneenis yeroo bacaqiin gannaa darbuun booqaan birraa abdiifi gammachuun itti eegamanidha. waqtiin gannaa waqtii ulfaataafi rakkisaa ta’ullee ayyaanonni walakkeessa ji’a Hagayyaa keessa kabajaman simannaa bara haaraafi waqtii birraaf kan taasifamudha. Ayyanonni kunneenis irra caalatti dargaggootaafi shamarraniin haa kabajaman malee, yommuu birraan bari’u daa’imman, ga’eessonnifi maanguddoonni aadaa isaanii kan ittiin ibsatan qabu.
Ayyaanonni kunneen naannolee biyyattii keessaatti garaa gara haa ta’an malee, bifa walfakkaatan kabajamu. Keessumaa Uummata Oromoo biratti ayyaanota barii birraa kabajaman keessa Goobee, Shinooyyee/Qunnii Buqqifannaa, Gubaa, Damaraa, Masqala, Irreecha, Ifanoofi ayyaanoonni ijoollee adda addaa ni kabajamu. Oromoon ayyaanota kana hunda bakkalcha, addeessaafi aduu ilaaluun aadaa isaatiin dhahata dhahatee akka kabajatus ragaalee hedduun ni agarsiisu.
Bifuma wal fakkaatuun Naannoo Amaaraa keessaattis ayyanonni simannaa bara haaraafi waqtii birraa walakkeessa ji’a Hagayyaa keessa haala hoo’an kabajamu. Isaan keessaa muraasni Ashandiyyee/shaadey/Soolel, Taaboree/Buhee, Quunnii Buqqifannaafi kanneen biroo ni jiru. Ashandiyyeen ayyaana shamarran bilisummaan yaada isaanii ibsatan yoo ta’u, iddoo gara garaatti maqaa garagaraa qaba. Bal’inaan waa’ee ayyaana Ashandiyyee argachuuf maxxansa gaazexaa hirkoo Hagayyaa 15,2018 dubbisaa. Ayyaanni Buhee immoo ayyaana gannaa keessaa gara birraatti ce’umsa agarsiisufi baay’ee beekamudha. Keessattuu ijoolleen dhiiraa sirna godoo ijaaruufi gareen ta’anii manaa manatti deemuun weelluun maatii eebbisu. Kunis Hagayyaa 13 kan kabamudha. kanamalees, Ijoolleen qaccee hojjetachuun gannaafi dukkana ba’uuf sagalee guddaan dhukaasu. Maatinis daabboo loteessani tolchanii ijoolleef kennu. Ijoolleenis haala hoo’afi bifa hawwataa ta’een ayyana kabajatu.
Shiinooyyeefi Qunnii buqqifannaan ayyaanota aadaa shamarraniin kabajamudha. Kunis Naannoo Oromiyaafi Naannoo Amaaraa godinalee garagaraa keessaatti akkaataa adda addaatiin kabajamu. Ayyaanichi bilisummaa, walitti dhufeenya hiriyyummaa, gammachuufi abdiin wal eebbifachaa, sirbaafi taphaan waggaa haaraatti cehu.
Qaammee 3 ayyaanni guddaan uummata Oromoofii Amaaraa walitti fidu tokkummaa ni kabajama. Innis Ayyaanni Rufaa’eelidha. Ayyaanni Rufaa’el kan kabajamu uummata Oromoo Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Warra Jaarsoofi Uummata Amaaraa Godina Goojjam Bahaa Aanaa Dajan jiraatan walitti fiduun haala hoo’aa ta’een kabajama. Kunis walitti dhufeenya hawaasaa lamaan gidduu jiru cimsuu, tokkummaa jabeessuu, jaalalaafi obbolummaa hawaasaa dagaagsuu keessatti gahee olaanaa qaba. Ayyaanichis sirna amantii qofa osoo hin taane, duudhaa hawaasummaafi aadaa uummatootaa cimsuuf kan gargaarudha. Keessumaa yeroo gannaa sababa roobaafi guutuu lageenii irraa kan ka’e hawaasni ji’ootaaf walirraa fagaatee ture, ayyaanicha irratti carraa walitti dhufanii wal-arguu, gammachuu waliin qooddachuufi hariiroo hawaasummaa isaanii cimsachuuf kan itti fayyadamanidha.
Itti-Gaafatamtuu waajjira Aadaa, Turizimiifi Ispootii Aanaa Dajan Aadde Yeshiinesh Yeneewud, walakkeessa ji’a Hagayyaa keessa ayyaanonni garagaraa simannaa bara haaraaf taasifamuu himan. Ayyaanonni kanneen akka Qunnii Buqqifannaafi Rufaa’el Naannoo Amaaraafi NaannooOromiyaa keessaatti haala walfakkaataan kabajamuu kaasanii, qunnii buqqifannaan Naannoo Oromiyaafi Godina Goojjam Bahaa keessaatti kabajamu aadaalee tokkummaa hawaasichaa agarsiisanidha. Keessumaa immoo Qaammee 3 Ayyaanni Rufaa’el uummata Oromoofi Amaaraatiin waloon Laga Abbaayya irratti kabajamuun isaa walitti dhufeenya hawaasichaa kan cimsuu ta’uu kaasaniru. Kunimmoo hawaasni kun durii eegalee hariiroo cimaa qabaachuufi waliin jiraachaa turuu kan agarsiisu ta’uu dubbatan. Aadaan kun gara Fuulduraattis cimee akka itti fufuufi hariiroo uummata Amaaraafi Oromoo jabeessuuf akka waajjira isaaniitti ciminaan hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.
Teediroos Gaddafaa, Waajjira Aadaa, Turizimiifi Ispootii Aanaa Warra Jarsootti Dursaa Garee Misooma Sona Aadaafi Turizimiiti. Ayyaanni Rufaa’el ayyaana ji’a Qaammee keessa kabajamuu yoo ta’u, ayyaanichi hawaasa ji’oota muraasaaf sababa guutinsa lageeniin osoo wal hin argiin turan kan walitti fiduu ta’uu dubbataniiru. Hawaasni Oromoofi Amaaraa haalaa duudhaafi aadaa isaanii ibsuun, ayyaanicha irratti kan argaman yoo ta’u, keessumaa immoo aadaan uffannaa isaanii agarsiiftuu eenyuummaa saboota lamaanii kan ibsudhaa jedhan. Ayyaanni kun Laga Abbayyaa irratti kabajamuun isaa ilaalcha amantii qofaatiin osoo hin taane, akka riqicha uummata Oromoofi Amaaraa walitti hidhuutti, carraa wal-arguufi walitti dhufeenya hawaasichaa cimsuuf kan gargaaru ta’uu kaasaniiru.
Obbo Teediroos akka ibsanitti, ayyanicha irratti kan hirmaatu uummata aanaa Warra Jaarsoo qofa osoo hin taane; Kuyyuu, Dagam, Magaalaa Fiicheefi aanota Godina Shawaa Kaabaa kanneen biroo akka ta’an kaasuun, gama Naannoo Amaaratiinis aanaalee ollaa Dajan kanneen akka Awubraa, Shabal Barentaa, Lagarrichaafi kanneen biroo tokkummaan ayyaanicha irratti akka hirmaatan ibsaniiru.
Ayyaanotni simannaa bara haaraa Naannoo Oromiyaafi Amaaraa keessatti kabajaman kunneen haalota kabaja ayyaanichaa irraa kan ka’e hariiroo, walitti dhufeenya, jaalalaafi tokkummaa hawaasaa cimsuuf gahee olaanaa qabu. Akkasumas, aadaafi duudhaa garaagaraa waliif qooduun wal kabajuufi obbolummaa uummattootaa cimsuuf carraa gaarii uuma. Kunis hawaasichi baroota duriitii eegalee waliin jiraachaa turuu isaa kan mirkaneessudha.


