Illiinoon /El Nino/ jijjiiramuun qilleensaa bara 2026/2027 hongee, ho’a cimaafi lolaa hamaa uumuun naannawaa Afrikaa Bahafi Afrikaa Kibbaatti daa’imman miliyoona dhibba tokkoofi miliyoona jaatamii lamaa ol balaa hamaaf saaxiluu akka danda’u UNICEF/ United Nations International Children’s Emergency Fund / Gargaarsa Hatattamaa Daa’immanii kan Tokkummaa Mootummootaa/ akeekkachiise. Ejensiin Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii, jijjiiramni qilleensaa wabii midhaan nyaataafi dhugaatii hammeessuu akka danda’uufi sirna eegumsa fayyaafi barnoota jeequu danda’a. kanaanis Daa’imman biyyoota saaxilamoo 13 keessatti hanqina nyaataa, dhukkuba, buqqaaatiifi balaawwan biroof saaxiluu danda’a. Somaaliyaa, Itoophiyaafi Sudaan Kibbaa biyyoota balaa kanaaf saaxilamoo ta’anidha. Rakkoon hawaasummaafi wabii midhaan nyaataa a amma jiru haala jijjiiramuu qilleensaan baay’ee hammaachuu akka malus ibse.
Gargaarsi Hatattamaa Daa’immanii kan Tokkummaa Mootummootaa /UNICEF/ tajaajila soorataa, fayyaa, bishaanii, barnootafi eegumsa hawaasummaaf kan oolu qophiin dursaa taasasisaa jiraachuus ibse. Rakkoon osoo hin mudatiin dursa gargaarsa lubbuu baraaruuf oolu doolaara Ameerikaa miiliyoona dhibba tokkoofi miliyoona torbaatamii sadii akka barbaachisuufi kun immoo yoo rakkoon mudatu, dafanii tarkaanfii fudhachuun lubbuu namaa baraaruufi deebii kennuudhaaf, baasii guddaa hir’isuu akka danda’u akeekkachiisera.
Sagantaan Nyaataa Addunyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (World Food Programme/WFP) taatee qilleensaa Illiinoo cimuu isaatiin dhuma bara 2027tti namoota gara miliyoona 49 ta’an beela cimaa keessa galchuu akka danda’u akeekkachiise.
Kunis biyyoota saaxilamoo ta’an keessatti lakkoofsi namoota wabii nyaataa hin qabne miiliyoona dhibba lamaafi miliyoona digdamii shan irraa gara miiliyoona dhibba lafafi miiliyoona torbaatamii afuritti ol guddisuuf jira. Afrikaa kibbaafi Giddugaleessa Ameerikaa naannoolee haalaan miidhaman keessaa tokko yoo ta’an hongeefi lolaan garmalee cimuu akka malu eegama. Waajjirri Qindeessaa Dhimma Namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (OCHA) hongee hamaan Somaaliyaa keessatti mudate namoota gara kuma dhibba lamaafi kuma shantama kan miidhe yoo ta’u, namoota miliyoonaan lakkaa’aman rakkoo midhaan nyaataafi bishaaniif saaxiluu ibse. OCHAn gabaasa dhiyoo baaseen rakkooleen hammaataa dhufan sababa lolaan gargaarsi hir’achaa dhufuufi waldhabdee yeroo dheeraa dabalatee dandamachuu dhabuumaatii Somaalee haalaan miidhuu ibse.


