Barumsi bu’uura beekumsa, dandeettiifi jireenya fooyya’aati. Adeemsa baruufi barsiisuu bu’a qabeessa taasisuuf immoo barattoota, barsiisotaafi maatii gidduutti hariiroo gaarii, walhubannaafi qindoominni jiraachuun murteessaa dha. Aanaa Dawwee Harawaattis, qindoomina kana cimsuun rakkoolee barattootaa furuufi bu’aa barnootaa fooyyeessuuf xiyyeeffannoon kennamee hojjetamaa jira.

Barsiisaafi maatii barataa gidduutti hariiroo gaariifi  walhubannaan yoo jiraate, barataan barnoota isaatti xiyyeeffannoo kennuun bu’aa gaarii galmeessuuf kaka’umsa guddaa argata. Kanaaf barattoonni barsiisotaafi maatii barattootaa  waliin walitti dhufeenya gaarii uumuun, rakkoo barataa mudatu furuun baruufi barsiisuu milkeessuu ga’ee guddaa qaba.
‎
‎
Barsiisotaafi maatiin barattootaa hariiroo gaariifi walitti dhufeenya itti fufiinsa qabu qabaachuun adeemsa baruufi barsiisuu milkeessuu keessatti gahee olaanaa qabaachuu,  Aanaa Dawwee Harawwaatti Barataa Mana Barumsaa Booraa sadarkaa 1ffaa  Aliyyii sayid nuuf ibse. Yeroo barnoota irratti rakkoon isa mudatu barsiisaan  rakkoo isaa obsaan dhaggeeffachuun gorsa deeggarsa taasisuufiin barataa cimaa akka ta’uuf ga’ee qabaachuus ibse.

‎Barumsi bu’uura beekumsaafi qaroominaa waan ta’eef, adeemsa baruufi barsiisuu bu’a qabeessa taasisuuf hariiroo barattootaa, barsiisotaafi maatii gidduu jiru cimsuun murteessaa  ta’uu yaada kan nuuf kennan jiraataa Aanaa Dawwee Harawwaa  Ganda Booraa Obbo Sayid Ahimad dha. Kanaaf, maatiin yeroo hunda barsiisota waliin ta’uun ijoollee isaanii duukaa bu’uun adeemsa barnootaa isaanii hordofuufi rakkoo isaan mudatu irratti deeggarsa barbaachisaa taasisuun irraa eegama. Barsiisaanis barataa tokkoon tokkoon isaa sirriitti yoo hordofeefi walitti dhufeenya gaarii yoo qabatan rakkoo barataa mudatu yeroo isaa eeggatee adda baasuun furmaata saffisaa kennuu danda’a. Akkasumas, maatiin ijoolleen isaanii mana barumsaa irraa maal akka baratanii galan yeroo yeroon gaafachuu, waan isaan baratan hordofuufi yeroo isaanii eessatti akka dabarsan?, maal irratti akka bobba’an, beekuun gahee olaanaa qaba. Hordoffiifi deeggarsi maatii  barataa itti-gaafatamummaa isaa guddisuufi adeemsa barnootaa isaa milkaa’inaan akka itti fufuuf bu’uura cimaa ta’a jechuun ibsan.
‎
‎Kana malees, maatiin milkaa’ina barnoota ijoollee isaanii irratti xiyyeeffannoo kennuun, meeshaalee  barnootaaf barbaachisaniifi huccuu dambii mana barumsaa guutuun deeggarsa barbaachisaa taasisuun irraa eegama. Koreen mana barnootaas odeeffannoofi hubannoo barbaachisaa ta’e yeroo yeroon maatiif kennuun, qulqullina barnootaa mirkaneessuufi barattoonni sadarkaa barnootaa isaanii irratti beekumsa gahaa akka horatan irratti xiyyeeffachuu yoo hojjetan bu’aan barbaadamu ni argama. Keessumaa, barattoonni  barnootaa isaanii sirnaan baratanii bu’aa gaarii akka galmeessan gochuuf qindoominni mootummaa, mana barumsaafi maatii gidduu jiru murteessaa ta’uus Obbo Sa’id Ahimad ibsaniiru.

Adeemsa baruufi barsiisuu bu’a qabeessaafi milkaa’aa taasisuuf barattoota, barsiisotaafi maatii gidduutti hariiroo gaarii, walqunnamtii cimaafi itti fufiinsa qabu uumuuun murteessaa ta’uu kan yaada isaanii nuuf qoodan, Itti Gaafatamaan Mana Barumsaa Sadarkaa 1ffaa Booraa Barsiisaa Jibril Usmaa’aani. Barsiisaan barattoota isaa sirriitti hubachuun, dandeettii, fedhii, rakkoo isaanii hordofuun deeggarsa barbaachisaa taasisuu qaba;barattoonnis barsiisota isaanii waliin walitti dhufeenya gaarii uumanii wantoota isaanii hin galle irratti gaaffii gaafachuufi barnoota isaanii irratti dammaqinaan hirmaachuun barnootaa isaanii milkeessuuf ga’ee guddaa qaba.  Maatiin gama isaaniitiin barnoota ijoollee isaanii keessatti qooda olaanaa waan qabaniif, waan mana barumsaa keessatti baratan, manattis akka irra deebi’anii hojii manaa isaanii  hojjetaniifi yeroo barnootaaf qabanitti sirnaan akka fayyadaman hordofuufi deeggaruu ga’ee dhaloota qaruu qaban bahachuun irra akka eegamus barsiisaan Jibril ni gorsu.

‎ Hariiroofi qindoominni maatii, barsiisaafi barataa gidduu jiru yoo cime, rakkooleen barattootaa yeroo isaa eeggatee adda baafamuun furmaata sirrii akka argatanfi barattoonni kaka’umsaafi ofitti amanamummaa horachuun barnoota isaanii keessatti bu’aa gaarii akka galmeessan taasisuu danda’a . Kanaf, barsiisaan maatii waliin qindaa’ee hojjechuun, barattoota sirriitti dhaggeeffachuufi gorsa barbaachisaa ta’e kennuu barnootaa isaanii irratti yeroo yeroon walqunnamtii gaggeessuun adeemsa baruufi barsiisuu bu’a qabeessa taasisuuf murteessaa dha.
‎
‎Akka Itti Gaafatamaan Waajjira Barnootaa Aanaa Dawwee Harawaa kan ta’an Obbo Mahaammad Burqaa, bara barnootaa 2018tti kaka’umsi barsiisota gidduu  jiraatus, hariiroofi qindoominni barattootaa,  barsiisotaafi maatii gidduu ture laafaa ta’uufi haalli dhiyeessi meeshaalee qormaataaf barbaachisan kan akka kompiyuuteraafi neetwoorkiin(network) qulqullinna kan hin qabne ta’uun barattoonni kutaa 12ffaa aanichaa qormaata biyyaalessaa bu’aa gaarii galmeessuu akka hin dandeenye ibsan.

Hanqinaalee bara darbee mudatan irraa barachuun, bara barnootaa kana milkaa’aa taasisuuf kompiyuutaroota 22  qopheessuun barattoonni qormaata  tasgabbaa’anii  akka fudhatan hojjechaa jiraachuu himuun hariiroofi qindoomina barattoota, barsiisotaafi maatii daran cimsuun, haala barnootaa, hirmaannaafi rakkoolee barattootaa sirnaan hordofuufi dhimma barnootaafi naamusaa irratti maatii waliin mari’achuun furmaata waaraa barbaaduuf xiyyeeffannoodhaan  hojjecha jirras jedhan.
‎
‎Qindoominni qaamolee sadanii kunis bu’aa barnootaa fooyyeessuu keessatti murteessaa ta’uu kan ibsan Obbo Mahaammadsaanii hariiroofi walqunnamtiin itti fufiinsa qabu maatiifi barsiisota gidduutti jiraachuun rakkoolee barattootaa yeroo isaa eeggatee adda baasuufi furmaata waaraa irratti waliin hojjechuuf haala mijataa akka uumu hubachiisaniiru. Kana malees, qindoominaan hojjechuun bu’aa barnootaa fooyyeessuu, keessumaa qabxii qormaata biyyaalessaa barattoota kutaa 12ffaa olkaasuuf xiyyeeffannoo addaa kenname hojjecha jiraachuu eeruun bara kana barattoota, barsiisotaafi maatii gidduutti qindoominaafi hariiroo cimaa uumuun bu’aa barnootaa fooyyeessuuf hojjetamaa jiraachuu himaniiru.

Hariiroon barattootaa, barsiisotaafi maatii gidduu jiru adeemsa baruufi barsiisuu bu’aa qabeessa taasisuufi milkaa’ina barnootaa mirkaneessuu keessatti gahee olaanaa qaba. Barattoonni barsiisota isaanii waliin hariiroo gaarii uummachuun gaaffii, rakkoofi hanqina isaan mudatu yeroo isaa eeggatee ibsachuufi Barsiisonnis barattoota sirriitti hubachuun deeggarsa  barbaachisaa taasisuu, maatiinis barnoota ijoollee isaanii yeroo yeroon hordofuufi barsiisota waliin mari’achuun rakkoolee isaan mudatan irratti mana barumsaa waliin qindoominaan hojjechuun murteessaadha. Bakkeelee koreen mana barumsaa, maatiin barataafi barsiisotni walitti dhiyeenyaan hojjechaa turanitti qabxiin barattootaa gaarii ta’uufi addaan kutinsi barattootaas xiqqaa ta’uu itti gaafatamaan Qajeelcha Barnootaa Bulchinsa Sablammii Oromoo Obbo
‎
‎Bara darbe barattoota kuma 15fi 83 qormaata biyyoolessaa irratti hirmaatan keessaa 557 milkaa’uun dhibbeentan 47 gara yunivarsiitii darbuun danda’eera jedhan. bara barnootaa kana keessatti hanqinoota bara darbe mul’atan irraa barachuun, maatiin barnoota ijoollee isaanii irratti hojjechuu akka qaban, barsiisotni haala barnootaafi guddina barattootaa sirnaan akka hordofan, akkasumas barattoonni barsiisotaafi maatii isaanii waliin hariiroofi walqunnamtii gaarii akka qabaatan hubannoo uumuufi qindoomina qaamolee sadanii cimsuun hojjetamaa jiraachuu himaniiru.  Qindoominni barattootaa, barsiisotaafi maatii gidduu jiru yoo cime, rakkooleen barattootaa yeroo isaanii eeggatanii adda baafamuun furmaata argachuun baruuf barsiisuu milkeesuuf gargaara.

‎Geexee Gizaawutiin

Oduu

AMECO Hirkoo