Ayyaanni Masqalaa ayyaanota aadaafi amantii Itoophiyaa keessatti bakka olaanaa qaban keessaa isa tokkodha. Ayyaanni kunis waggaadhaan Fulbaana 17 haala hoo’aan kabajama. Ayyaanichi seenaa, aadaa, duudhaafi eenyummaa uummatoota Itoophiyaa keessatti hidda gadi fagoo kan qabu yoo ta’u, yeroo dheeraaf dhalootaa dhalootatti darbuun har’as kabajamaa jira. Ayyaanni Masqalaa yeroo baay’ee “Mootii Ayyaanotaa” jedhamee kan beekamu yoo ta’u, ayyaanichi qabeenya aadaa Itoophiyaa keessaa tokko ta’uun bifa aadaa biyyattiin qabdu addunyaatti beeksisuuf gahee qaba.
Ayyaanni kun ce’umsa dukkana gannaa irraa gara ifaafi booqaa birraatti darbuu, akkasumas yeroo quufaafi jalqabbii bara haaraa agarsiisa. Ayyaanni kun akka lakkoofsa Itoophiyaatti bara 2006’tti hambaa kiliyaa addunyaa ta’ee UNESCO’n galmaheera. Ayyaanni Masqalaa gama fuullee biyyaa beeksisuufi hawwataa Turizimii harkisuuf haala mijataas uumera. Kanamalees, walitti dhufeenya hawaasaa cimsuu irratti gahee hedduu qaba.
Dargaggoo Mararaa Warquu, jiraataa Bulchiinsa Magaalaa Shaggar, Kutaa Magaalaa Gafarsaa Gujeeti. Ayyaanni Masqalaa ayyaana ce’umsa waqtii gannaa irraa booqaa birraatti taasifamu yoo ta’u, waqtii lafti dhoqqee ture qooree, dacheen magariisaan uwwifamu, waqtii asheenni itti ga’uudha waan ta’eef uumama hundaaf mijataa ta’uu ibsa. Dargaggoonnis ayyaana Masqalaaf jala bultii irraa eegaluun qophii garaagaraa akka taasisan dubbata. Keessumaa immoo, ayyaanni kun walitti dhufeenya hiriyootaa, maatii, ollaafi hawaasaa cimsuu keessatti gahee guddaa qaba. Dargaggoo Mararaan akka jedhetti, ayyaanni masqalaa dargaggootaaf yeroo addaafi yeroo dargaggoonni itti jaalallee isaanii waliin wal arganidha waan ta’eef, ayyaanota biroo irraa addaa ta’uu dubbata.
Jiraataa kan biraa, Bulchiinsa Magaalaa Shaggar, Kutaa Bulchiinsa Gafarsaa Buraayyu, Obbo Joonsee Fufaa, akka jedhanitti, “Ayyaanni Masqalaa ayyaana amantii, aadaafi hawaasummaa keessatti hiika guddaa qabu keessaa isa tokko yoo ta’u, akka naannoo keenyaatti waggaa waggaadhaan haala hoo’aadhaan kabajama,” jedhan. Ayyaanichis argamuu Fannoo yaadachuuf kan kabajamuu ta’uu ibsuun, sirna kabaja ayyaanichaa keessatti xombora qabsiisuun, faarfannaafi sirboonni dhiichisuun kan kabajamudha jedhan. Kana malees, guyyichi guyyaa quufaa waan ta’eef namnis, horiinis guyyicha akka garaa isaaniitti kan nyaataniifi dhugan ta’uu kaasaniru.
Jiraataan kun akka himanitti, ayyaanicha irrattis umurii, saala, afaaniifi sabummaan osoo wal hin qoodiin hawaasni bakka adda addaatii walitti dhufuun ayyaanicha waliin kabajuun, gammachuu waliif qooduun, maatiifi firoottan waliin yeroo dabarsuun walitti dhufeenya hawaasaa cimsuuf gumaachuus addeessan.
Ayyaanni Masqalaa seenaafi hiika aadaa bal’aa qabaachuu eeruun, yeroo itti hawaasni haala haaraa keessatti hojii isaa itti fufsiisu, abdiifi gammachuu haaraa itti horatu ta’uu isaa hiika addaa akka qabaatu taasisuu kaasaniiru. Qabeenyi aadaa akkasii Itoophiyaa keessatti qofa osoo hin taane, sadarkaa addunyaattis beekamtii argachuun isaa, seenaafi aadaa Itoophiyaa guddisuu keessatti gahee olaanaa qabaachuu ibsaniiru.
Mahammad Ahmad, Waajjira Aadaa, Turizimiifi Ispoortii Bulchiinsa Sablammii Oromootti Abbaa Adeemsa Kunuunsa Hambaati. Ayyaanni Masqalaa fuulleefi eenyummaa aadaa Itoophiyaa addunyaaf beeksisuuf carraa guddaa ta’uu ibsaniiru. Sirni ayyaanichaa, uffannaan aadaa, faarfannaan, sochiin amantiifi sirna xombora gubuutiin waan kabajamuuf, daawwattootaaf muuxannoo adda addaa uumuun, maqaa Itoophiyaa akka bakka hawwata turizimii ta’etti beeksisuuf gumaacha olaanaa qabaachuu himaniiru.
Ayyaana kanas hambaa killiyyaa addunyaa ta’ee UNESCO’tti galmeessuun, ayyaana Masqalaa hambaa aadaa Itoophiyaa addunyaa irratti dabaluuf, akkasumas marii aadaafi walhubannoo hawaasa garaagaraa cimsuuf carraa akka uumu ibsaniiru. Galmeen kun aadaafi duudhaa ayyaanichaa dhaloota har’aafi dhaloota dhufuuf dabarsuuf, qorachuuf, beeksisuuf, akkasumas addunyaatti mul’isuuf carraa bal’aa uuma.
Kanaaf, ayyaana kana eeguu, kunuunsuu, sirna isaa kabajuun dhaloota dhufuuf dabarsuu, akkasumas faayidaa isaa aadaafi turizimii waliin walqabatee itti fayyadamuun barbaachisaadha jedhaniiru. Kunis hambaa Itoophiyaa tikfachuu qofa osoo hin taane, fuullee Itoophiyaa addunyaatti mul’isuuf gahee qabaachuus dubbataniiru.
Biiroo Aadaafi Turizimii Naannoo Oromiyaatti, ogeessa Sonawwan Aadaa, Obbo Bilisummaa Caalaa, akka jedhanitti, Ayyaanni Masqalaa qabeenya aadaa qofa osoo hin taane, maddoota hawwata turizimii keessaa tokko ta’uun galii diinagdee uumuufi carraa hojii babal’isuufis gahee qaba jedhaniiru. Keessumaa ayyaanicha haala qindaa’aa ta’een beeksisuun, iddoowwan ayyaanichi itti kabajamu daawwattootaaf mijataa gochuun, seenaafi hiika sirnoota isaa afaanota gara garaatiin ibsuun; akkasumas miidiyaa fayyadamuun fuullee Itoophiyaa addunyaatti beeksisuuf murteessaa ta’uu himaniiru. Turistoonni biyya keessaafi alaa ayyaanicha daawwachuuf yeroo dhufan, aadaafi duudhaa hawaasa gara garaa beekuu qofa osoo hin taane, qabeenya uumamaafi seenaa Itoophiyaa biroo daawwachuuf carraa akka argatan ibsan. Kunis guddina damee turizimii fi diinagdee biyyattii keessatti gumaacha olaanaa qabaachuus kaasan.
Obbo Bilisummaan akka jedhanitti, Ayyaanni Masqalaa qabeenya aadaa dhalootarraa dhaalame qofa osoo hin taane, qabeenya biyyaalessaa fuullee Itoophiyaa addunyaatti beeksisuu danda’uudha. Sirna ayyaanichaa, duudhaa isaafi seenaa isaa sirnaan kunuunsuun, dhaloota itti aanutti dabarsuun, akkasumas haala ammayyaa fayyadamuun addunyaatti beeksisuun itti gaafatamummaa qaama tokkoo qofa osoo hin taane, mootummaa, ogeeyyii aadaafi turizimii, miidiyaafi hawaasa bal’aa kan ilaallatuudha waan ta’eef, gahe-qabeessonni hundi dammaqinaan fuullee biyya isaanii beeksisuuf hojjechuu akka qaban dhaamaniiru.
Dhuma irratti, “Ayyaana Masqalaa akka qabeenya aadaafi hawwata turizimii biyyaalessaatti ilaalanii eeguufi kunuunsuun barbaachisaadha,” jedhan. Dhaloonni har’aa hiika, seenaafi duudhaa ayyaanichaa sirriitti beekee dhaloota itti aanuuf dabarsuuf dirqama akka qabu himuun, kunis eenyummaafi seenaa Itoophiyaa tikfachuu qofa osoo hin taane, fuullee biyyattii addunyaatti beeksisuu, turistoota hawwachuufi damee turizimii babal’isuuf bu’uura cimaadha jedhaniiru.
Moosisaa Fufaatiin


