Ameerikaan Waraana Afrikaa Keessaa Dhaabsisuuf Gamtaa Afrikaafi Gamtaa Mootummootaa malaqaan gargaaruu kan cimsitu ta’uu beeksifte

Ameerikaan Waraana Afrikaa keessatti deebitee deeggarsa Cimaa Gamtaa Afrikaafi Gamtaa Mootummootaaf kan taasiftu ta’uu ibsite. Deeggarsichi Maallaqaa kan dabalatu ta’uus beeksifte.
‎
‎Ameerikaan walta’insa cimaa Gamtaa Afrikafi Gamtaa Mootummootaa  gidduu jiru kan waraana ardichaa keessaa furuuf deeggarsa mallaqaa hojiiwwan dhimma nagaa eegumsaa Gamtaa Afrikaan durfamaniif taasifamu walqabatee rakkoo nageenyaa Afrikaatiif furmaata ta’uu akka danda’u beeksisteetti.
‎
‎Gamtaa Mootummootaatti Bakka Bu’aan Ameerikaa Dhimma Bulchiinsafi Fooyya’insaa Ambaasaaddar Jifrii Baartos Mana Maree Nageenyaaf akka gabaasanitti, qindoominni dhiheenyaa Gamtaa Afrikaa keessatti mul’ate keessamayyuu kan Sudaan, Baha Rippaabiliika Dimokiraatawaa Koongoofi Naannoo Saahil keessatti bakka waraanniifi hammeenyi finciltootaa tasgabbii naannichaa booressaa jiru keessatti baay’ee murteessaadha jedhan.
‎
‎”Qindoominniifi hariiroon Gamtaa Afrikaafi Gamtaa Mootummootaa gidduu jiru Afrikaa keessatti nagaa, tasgabbiifi badhaadhina fiduuf gargaara,” jedhan.
‎Waashiingitan keessattii Murteen Mana Maree Nageenyaa Gamtaa Mootummootaa lakkoofsi 2719, kan hojiiwwan eegumsa nageenyaa Mana Maree Nageenyaatiin mirkanaa’aniifi Gamtaa Afrikaan durfamaniif maallaqa Gamtaa Mootummootaa irraa argamuuf caasaa mijeessuu irratti kan xiyyeeffatu ta’uus ibsaniiru.
‎
‎”Hojiin eegumsa nageenyaa caasaa UNSCR 2719 jallatti akka ibsutti, hariiroo Mootummoota Gamtoomaniifi Gamtaa Afrikaa ni cimsa, akkasumas ardii Afriikaa keessatti walitti bu’iinsa furuuf carraa gaariidha,” jedhan; ta’us garuu, Ameerikaan tarsiimoon kun filannoodhaan hojiirra ooluu akka qabuufi oppireeshiniin kamiyyuu yeroon kan daangeffameefi galma furmaataa qofa irratti xiyyeeffachuu akka qabu ibsameera.
‎
‎Sudaan ilaalchisee, Ameerikaan waraanni hatattamaan akka dhaabbatu waamicha kan dhiyeessite yoo ta’u, Akkasumas Gamtaa Afrikaafi Gamtaan Mootummootaa, miseensota garee biroo waliin ta’uun, marii siyaasaa hunda hammate fiduuf tattaaffii taasisaa jiran akka deeggartus ibsite.
‎
‎Baartos dabalataan akka jedhanitti, Ameerikaan tarkaanfiiwwan waraana Sudaan dhaabuuf gargaaran kan biroo, dhimma dhorkaa meeshaa waraanaa Darfuur irra jiru guutuu biyyattiitti babal’isuu dabalatee yaadaa jirtis jedhan.

Geexee Gizaawutiin

Oduu

AMECO Hirkoo