Kaabinoota mootummaa haaraatti imaanaa guddaan kennamee jira

Muummee Ministiraa Abiyyii Ahimad (PhD), yeroo Mootummaa Ida’amuun kaabinee isaanii hundeessan, dandeettii, amanamummaa uummataan itti kenname ba’achuu, malaammaltummaa jibbuufi  garaagarummaa hunda kan hammatu hulaagaalee ijoo taasisuu isaanii beeksisaniiru. Muummee Ministiraa Abiyyii Ahimad(PhD) miseensota kaabinee isaaniif, “Muudamni hojii gammachuu kennu osoo hin taane, qorumsaafi dadhabbiiti” jechuun hubachiisaniiru.
‎
‎Muummeen Ministiraa yeroo miseensota kaabinee filataman Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataaf dhiyeessanitti haasaa taasisaniin, filannoo dhiheenya kana gaggeeffame irratti lammiileen miliyoona 54, qormaata hedduu keessa ta’anii mootummaa cimsuuf imaanaa guddaa kennan baachuu kan danda’an, hoggantoota  gateettii qaban filachuun dirqama ta’uu ibsaniiru.
‎
‎Qindaa’ina Kaabinee haaraa keessatti hulaagaalee irratti xiyyeeffannoon guddaan taasifame keessaa tokko, hafuura tajaajilummaa uummataa dha.
‎Hoggantoonni malaammaltummaa jibban, ittisuuf carraaqan, tajaajila uummataa immoo akka carraa guddaatti ilaalan ta’uu akka qaban cimsanii hubachiisaniiru.
‎
‎
‎HUlaagaan biraa filannoo kaabinee keessatti ijoo ta’e, Itoophiyaan hanga bara 2050tti qopheessite “Tarsiimoo Guddicha Ida’amuu (Medemer Grand Strategy)” sirriitti hubatanii fi gara sammuu isaaniitti fudhatanii jiraachuu isaanii ta’uu ibsaniiru.
‎Ulaagaaleen ijoo biroon filannoo kaabinee kanaa, Itoophiyaan hanga bara 2050tti kan qopheessite “Tarsiimoo Guddina Ida’amu  sirriitti kan hubatanii ta’uu isaaniiti. Keessattuu guddinni Itoophiyaa lammii tokkoon tokkoon isaa fayyadamaa ta’uu isaa mirkaneessuu akka isaan irraa eegamu ibsanii, hoggantoonni adeemsa yookaan hamma bu’aa qofa osoo hin taane, jijjiirama qabatamaa isaan fidan irratti kan madaalaman filatamuu isaanii beeksisaniiru. Kanaafis akka fakkeenyaatti, yeroo daandii hojjetamu, hiyyeessi miilaan ittiin deemuufi baayisikilii ittiin oofuuf daandiin jiraachuu isaa mirkaneessuun hojiiwwan fayyadamummaa lammiilee mirkaneessan keessaa tokko ta’uu isaa fakkeenyaaf kaasaniiru.
‎
‎
‎Dandeettiifi muuxannoo bira darbee, walmakamni kaabinee fuula Itoophiyaa sabootaafi sablammoota hedduu qabdu akka calaqqisiisuuf tattaaffiin guddaan taasifamuu isaa Muummee Ministiraa  ibsaniiru. Haaluma kanaan, garaagarummaa saba, saalaafi amantii madaalawaan eeguudhaan kaabineen hundeeffamuu isaa agarsiisaniiru.

‎Dhuma irratti, Muummee Ministiraa Abiyyii Ahimad (PhD) muudamtootaaf akeekkachiisa kennuun, “Muudamni bakka itti bashannannu, hirriba hedduufi jireenya mijataa itti argannu osoo hin taane, Itoophiyaa gara imala qaroominaatti ceesisuuf itti carraaqnu, dirree hojii ti” jechuun itti gaafatamummaan kun ulfaataafi seena-qabeessa ta’uu hubachiisaniiru.

Odaa Likkiisaatiin

Oduu

AMECO Hirkoo