Hariiroo uummataa cimsuun nageenya waaraa, misoomaafi sirna dimookiraasii mirkaneessuu keessatti gahee olaanaa qaba. Hariiroo uummata cimsuun obbolummaa dagaagsuu; firooma jabeessuu, jaalalaafi walqixxummaan jiraachuudha. Miira obbolummaafi firummaan yoo wal ilaaluufi waliif yaaduun jiraate immoo waldhabdeen hin uumamu. Misoomaafi guddinaan walitti hidhaminsi gaariin ni uumama. Haata’u malee seenaa siyaasaa Itoophiyaa keessatti waggoottan 27 oliif qaamnii aangoorra ture, walitti dhufeenyi gaariin saboota gidduutti akka hin uummamne, obbolummaan saboota gidduu jiru akka laafuu, sabni isa tokko saba isa biraatin ija shakkiitiin akka ilaaluu, wal amantaan isaan gidduutti akka hin uumamne hojjechaa tureera.
Shirri inni waggoota hedduuf hojjete kun firii badaa godhatee, biyyattiin gama hundaan akka hin tasgabboofne taasiseera. Walitti bu’insi biyyattii keessatti amma mul’achaa jiruufis ka’umsa guddaa ta’era. Lammiileen eenyummaa isaaniin akka ajjeeffaman sababa ta’eera. Miidhaa diinagdee, siyaasaafi hawaasummaa guddaas biyyattii irratti dhaqqabsissera. Rakkoo baroota hedduuf harkifataa dhufee kanarraa bahuuf immoo hariiroo uummattootaa cimsuu, garaagarummaawwan jiran dhiphisuufi dhuudhaalee waloo cimsuun, uummatni bifa obbolummaatin waliif yaade akka waliif jiraatu, nageenya isaas akka waliin eeggattu taasisuun barbaachisaadha. Waltajjiwwan marii hariiroo uummataa cimsuuf dandeesisan mijeesuunis murteessaadha. Gama kanaan jalqabbiin naannoo Amaaraa keessatti jiru kan jajjabeeffamuufi muxannoo kan ta’udha. Rakkoolee naannicha keessatti uumaman furuufi hariiroo obbolummaa cimsuuf mariin uummataa yeroo adda addaatti taasifameera.
Jiraataa aanaa Jillee Dhummugaa ganda Luugoo, obbo Aliyyi Ahmad, haalli nageenyaa naannawa daangaa godina Shawaa Kaabaa jiru hedduu kan fooyya’e ta’uu dubbataniiru. Uummatni akkuma duraan walitti deebi’e wal deeggare, gabaa waliini dhaqee tokkummaan jiraachaa akka jiru himaniiru.Yeroo rakkoon uumamus uummatni aadaa waliin mari’atee hiikuu akka qabuus ibsaniiru.
Naannichatti, mariin uummata bulchiinsa sablammii Oromoofi godinoota ollaa Shawaa Kaabaa waliin yeroo adda addaatti taasifamee bu’aa guddaa fiduu itti aantuun afa yaa’ii bulchinsa sablammii Oromoo aadde Hawwaa Mohaammad ibsaniiru. Mariin uummataafi uummataa akkasumas mariin hoggansaafi hoggansa yeroo adda addaatti haala itti fufinsa qabuun hojjetameen hariiroon uummataa akka cimuufi rakkoon nageenyaa mudachaa tures furmaataa akka argatu taasifamuu eraniiru. Fooramiin aanota ollaa, waliin jireenya uummattoota cimsuufi nageenya mirkaneessuuf kaayyeeffate yeroo garaagaraa sadarkaa mana mareetiin taasifames naannawichaatti jijjiramni guddaan akka dhufu taasifameera jedhaniiru.
Kanaanis hariiroon uummata godina Shawaa Kaabaa waliin baroottan darbaniif laafee ture yeroo ammaa sadarkaa gaariirra jiraachuu ibsaniiru. Uummata gidduuttiis wal amantaan uumamuu danda’uu dubbataniiru.
Yeroo gammachuufi gaddaa waliin dhaabbachuu, waliin misoomuufi waliin gabaa ooluun itti fufee jiraachuus aadde Hawwaan himaniiru. “Rakkoolee kanaan dura mudataniin miidhaa gama lamaanuu dhaqqabu kan kaasan aadde Hawwaan, kanaafuu isa darbe kaasaa ammas rakkoo dabalataa uumuurra uummata waliin, walii galtee uumuun fulduratti nageenya keenya waareessuuf hojjechuu qabna” jedhaniiru. Gocha finxaalleeyyii uummata lamaan walitti busuuf yaaluu fashaleessuuf uummatni tokkummaafi hariiroo isaa cimsuu qaba jedhaniiru.
Itti gaafatamtuun damee gurmaa’ina paartii Badhaadhina bulchinsa sablammii Oromoo, aadde Hawwaa Adam, kanaan dura daangaa bulchiinsa sablammii Oromoofi Kaaba Shawaa giddutti rakkooleen garaagaraa sababa rakkoo hoggantootaa tokko tokkootiin uumamaa turu himaniiru. Hoggantootni kun itti gaafatamummaa itti kennameef sirnaan bahachuu dhabuufi kutannoo dhabuusaaniin rakkoolee hedduu uumamaa turuu eeraniiru. Kanaanis miidhaa namoomaafi qabeenya dhaqqabsisaa turuu hubachiisaniiru.
Finxaaleeyyiin gama lamaan jiran uummatni obbolaa lamaan akka nagaan jiruufi jireenyasaa akka hin gaggeesine dhiibbaa guddaa taasisaa turu kaasanii, uummatni gabaa waliin akka hin deemne gochuun daldaltootni dhiigaa rakkoo uumaa turus himaniiru. Kanaafis uummatni nagaafi nagaan walitti bu’e, qabeenyi hedduu barbadaa’u itti gaafatamtuun damee gurmaa’ina paartii Badhaadhina bulchinsa sablammichaa yaadachisaniiru.
Rakkoo mudatee ture furuuf gaggeessaan gama lamaanii jiru marii bal’aa taasisuun furuun danda’ameera jedhaniiru. Tokkummaan uummattootaa cimee akka itti fufuuf jalqaba gaggeessaafi gaggeessaan tokko ta’ee waan deemuu qabuuf gama kanaan hojii hedduu hojjetameen bu’aan barbaadamu dhufeera jedhaniiru. Uummatnis tokko ta’ee nageenya isaa akka eeggatuuf hojii sabqunamtii haala itti fufinsaa ta’en hojjetamuu himaniiru.
Mariin ijaarsa nageenya godinoota lamaan gidduutti adeemsifame kanaan, uummatni nagaan bobba’ee akka galuu ta’era. Rakkooleen daandiifi daangaarratti kanaan duraa uumamaa turan, yeroo ammaa foyyeessuun danda’amuu himaniiru. Wal amantaa uummata gidduutti dagaagsuufi lafti baroottan sadiif qootamaa hin turre, akka qotamuu taasifamuu ibsaniiru. Hariiroo uummataa cimsuufis taphni ispoortii godinoota lamaan gidduutti yeroo yeroodhaan gaggeeffamuu dubbataniiru. Aadde Hawwaan dinagdeedhaanis walitti hidhaminsa cimaa uumuun danda’amera jedhaniiru.
Akka aadde Hawwaan jedhanitti, bara baraan yeroo sooma ta’e jedhame dhiigni nama ni dhangala’aa ture, walitti bu’insi ni uumama ture, bara kana keessa garuu dursinee karoorsuun yaada ‘’ramadaanaa hanga ramadaanaa, du’aa ka’uu Iyyasuus KIristoos hanga du’aa ka’uu Iyyasuus KIristoos’’ jedhuun hojjechuu keenyaan osoo rakkoon tokko hin uumamin dabarsuu isaanii akka jijjiiramni foyya’aan argame fakkeenya kaasanii dubbataniiru. Uummata bal’aa godinoota lamaan hanga gaditti mari’achisuun nageenya fooyya’aa kana fiduun danda’ameeras jedhaniiru.
Itti gaafatamaan paartii Badhaadhinaa damee godina Shawaa Kaabaa obbo Eliyaas Abbabaa gamasaaniin, godinootni obbolaa lamaan rakkoo nageenyaa baroottan darban mudateen miidhaa namoomaafi qabeenya hedduu isaanirraa dhaqqabuu yaadataniiru. Uummatni godinoota lamaan hariiroo obbolummaa, dinagdeefi hawaasummaa cimaa kan qabu, fudhaafi heerumaan kan walitti hidhaman, yeroo gaddaafi gammachuu kan waliin deeggaraa turan, uummata eenyummaa cimaafi hariiroo cimaa qabudha jedhaniiru.
Hoggantootni duraanii tokko tokko, uummata eenyummaa cimaafi hariiroo cimaa qabu kan hin hubanne, naannawichi gara walitti bu’insa akka seenu taasisaa turuu ibsaniiru. “Rakkoo ture kana hundeerraan furuuf hoggantootni gama lamaaniin jirru itti gaafatamummaa fudhanne, hariiroon uummattoota gara bakka duraan tureetti akka deebi’uf tattaaffi cimaa taasisaa turreerra” jedhaniiru. Kanaanis bakka rakkooleen mudatani turanitti marii uummataa hirmaachisuun, yeroo dheeraaf taasisuun, nageenyi fooyya’aan argamuu dubbataniiru. Hoggantootni hariiroo uummataa cimsuu danda’an gara gaggeessummaatti akka dhufan taasifamuus eeraniiru. Hojii nageenya hoggantootni godinoota lamaan kutannoon hojjetaniin, lammiileen buqqa’anii turan gara qe’ee isaaniitti deebi’uu kaasaniiru. Qonnaan bulaanis gara hojii misoomaatti akka galu taasifamus eeraniiru. Yeroo ammaas naannawichatti nageenyi amansisaan jiraachuu dubbataniiru. Finxaalleeyyi gama lamaan jiran irrattis qaamoleen callisaa tarkaanfii barbaachisu irratti fudhachaa jiraachuu dubbataniiru. Kanneen karaa nagaan galanis jiraachuu obbo Eliyaas himaniuru. Nageenya argame kanaa itti fufaa taasisuuf hoggantootni uummata isaanii waliin ta’uun kutannoon hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.
Hoggantootni gama bulchiinsa sablammi Oromoo jiranis, waliin jireenya uummataa kan sirritti hubatan, naannawicha sirnaan kan hogganaa jiran, nageenyi uummataa kan isaan yaaddeessuufi uummataaf kan quuqaman, Itoophiyaanoota dhugaati jechuun ragaa bahaniiru. Gara fulduraattis misoomaafi nageenya uummataa mirkaneessuuf hoggantootni godinaataa lamaan kutannoon kan hojjetan ta’uus hubachisaniiru.