Kilabni Kubbaa Miilaa Magaalaa Gimbii Seenaa Hojjete

Taphni Shaampiyoonaa Kilaboota Itiyoophiyaa morkii ijibbaataa Waancaaf Dilbata darbe Gimbii fi Waltaan Poolisii Tigiraay waliin taphataniin injifannoo Gimbiin  goolabame.

Taphni Shaampiyoonaa Kilaboota Itiyoophiyaa Kilaboota 44 gidduutti gaggeeffamaa ture ol’aantummaa bakka bu’aa Naannoo Oromiyaa kan ta’e kilaba Magaalaa Gimbiin goolabame .

Waggoota 4 booda Gimbiin Waancicha gara Oromiyaatti deebiseera. Bara 2014 Shaakkisoon Shaampiyoonicha injifatee ture, Gimbiin seenaa kana irra deebiin dalaguun waancaa Shaampiyoo kilaboota Itoophiyaa Oromiyaa bakka bu’uun kaaseera.

Istaadiyeemii Idil-Addunyaa Dirree Dawaatti Waaltaa Poolisii Tigiraay waliin Gimbiin wayita waancaaf falmachaa jirutti deeggartootni kubbaa miilaa Gimbii istaadiyeemiitti argamuun deeggarsa taasisaa turan. Kanneen carraa Dirree Dawwaa deemuu hin arganne immoo Istaadiyeemii Gimbiitti argamuun kallattiin karaa foddaa televiizhinii ilaalaa tura.

Gimbiifi Waaltaan poolisii Tigiraay tapha marsaa irratti Gimbiin galchii Abeel Sisay fi Qidduus Mikaa’el boqonnaa deebiin lakkoofsisaniin 2-0 Waaltaa Poolisii Tigiraay injifate; kilaboonni lamaan yeroo lammaffaaf waancaa kaasuuf walitti dhufanis waaltaan Poolisii Tigiraay yeroo lammaaf injifatamuun waancaa Gimbii fudhateera.

Taphi xumuraa Dirree Dhawaatti gaggeeffame keessatti Kilabni Magaalaa Gimbii Kilaba Waaltaa Poolisii Tigraay waliin morkii cimaa taasisuun yeroo idileetti galchii 1 qixa xumure. Gareewwan lamaan yeroo dabalataa keessatti wal caalchisuun waan hin danda’amneef injifannoon rukuttaa adabbii  murtaa’e.

‎Rukuttaa adabbii kana keessatti taphattoonni Magaalaa Gimbii of eeggannoo, ciminaafi dandeettii olaanaa agarsiisuun goolii barbaachisoo galmeessanii waancaa shaampiyoonaa mootummaa harkatti galchan. Injifannoon kun deeggartoota kilabichaa fi mootummaa naannoo Oromiyaa keessatti gammachuu guddaa uumeera.

Dorgommii kanaan walqabatee kilaboonni sadarkaa olaanaa saddeet liigii kubbaa miilaa Itoophiyaa bara 2019 irratti kan  hirmaatan yoo ta’u. Isaan keessaa tokko kan ta’e Kilabni Magaalaa Gimbii Oromiyaa bakka bu’uun liigii olaanaa biyyoolessaa irratti hirmaatee injifannoo galmeesse; milkiin kun hojii walta’aa hoggansa kilabichaa, leenjistoota, taphattootaa fi deeggartootaatiin argame jechuun irratti ibsameera. Akkasumas, dargaggoota naannichaa kubbaa miilaatti kakaasuun dorgommii sadarkaa biyyoolessaatti dorgomuun akka danda’amu kan agarsiisu ta’uun ibsameera.

Taphataan sarara ittisaa  Kilaba Gimbii, Tokkummaa Badiiraa taphataa Cimaa Shaampiyoonaa Kilaboota Itiyoophiyaa ta’uun badhaafame .  Tokkummaa Badiraa kilaba Diimtuu irraa kan argame yoo ta’u, bara 2017 Kilaba kubbaa Miilaa Kutaa Magaalaa Galaaniifis taphateera.Leenjisaan Kilaba  Gimbii, Abbabee Taaddasees leenjisaa cimaa dorgommichaa ta’uun badhaafameera .

 

Oduu

AMECO Hirkoo