Haasaa Jibbinsaa Uummata Giddutti Walshakkiifi Walgaarreffannaa Uumu Adabbii Seeraan Sirreefamuu Qaba

Midiyaan hawaasaa tekinoolojii uummata addunyaa maraa walitti fiduuf faaydaa inni qabu guddaa dha. Namni bakka fedhe jiraatee hariiroofi walitti dhufeenya uummachuuf  kaayyoo godhachuun kan kalaqamedha.Yaadaafi beekumsa bakka adda addaa jiru walbiraan gahuuf faaydaansaa hedduudha.Kun addunyaa keenyaaf tekinooloojii jijjirama guddaa uumedha.

Faaydaa tekinooloojiin kun qabu sirnaan yoo itti hin gargaaramne hariiroo hawaasaa diiguus ni danda’a.Hokkoraafi walitti bu’insa uummataas ni uuma.Haasaan jibbinsaa midiyaalee hawaasaatiin tamsa’u walshakkiifi walgaarreffannaa uummataa uumuun tokkummaa biyyaaf danqaa ta’u danda’a.

Itoophiyaa keessatti haalli haasaa jibbinsaa midiiyaalee hawaasaan adeemsifamaa jiru tokkummaa biyyaaf gufuu ta’aa jira. Haasaan jibbinsaa kun nama dhuunfaa,gareefi saba irratti kan xiyyeeffate ta’uu biyya sabdaneettiifi afdaneetti taateef heddu yaaddessaa dha.Tekinooloojiin midiiyaa hawaasaa osoon dhufiin dura seneefama barrefamaafi afaaniin daddabarfamaa ture biyyattii hedduu miidheera. Keessattuu sabootni seeneffama sobaaf saaxilaman akka yakkamaatti ilaalamaa turan.Seenessi sobaa kun lammiilee hedduuf miidhaa buqqaattii,du’aafi dararamaaf isaan saaxilee jira. Dhufaatiin tekinooloojii midiyaa hawaasaa, haasaan jibbinsa akkasii saffisaan akka tamsa’u carraa banee jira.Haala kana to’achuuf seerri tumame jiraatus to’achuuf hedduu ulfaatee jira.Banaaleen seeraa raawwachiisuufi abbaafi madda haasaa jibbinsa beekuu dadhabuun akka sababaatti ni fudhatamu.

Itoophiyaa keessatti haasaan jibbinsa akka qabsoo siyaasaatti ilaalama jira.Sababa kanaan haasaan aanga’ootni mootumma naannooleefi jarmiyaalee siyaasaa saba isaaniif dhabbanna jedhan,saba biraarratti haasaa jibbinsa yoo hin taasifne aantumma saba isaanii kan hin agarsifne itti fakkaata. Qaamoleen kun immo akka lammii tokkootti seera biyyattiitiin walqixa ta’anis qaamni isaan gaafatu hin jiru.Hordoftoota isaaniin akka gootaatti ilaalamu.Lammiileen hedduu haasaa jibbinsaa kanaan ilaalchi isaanii gara badiitti deema.Lammiileefi sabootni haasaa jibbinsaaf saaxilaman dhibbaa xinsammuf miidhaa qaamaaf yeroo isaan mudatu ni argina. Miidhaa kanaaf itti gaafatamummaa kan fudhatu hin jiru.Kun hojiirra oolmaa heeraafi seera biyyattii kan gaaffii keessa galchuudha.Jiruufi jiraachuu dhabu mootummaanis lammiilee miidhaan irra gahe biratti gaaffii kan uumudha.

Miidhaan haasaa jibbinsaa heddu dha.Rakko inni uumu  dhalootaafis kan daddarbu dha.Tokkummaa uummataarratti gufuu guddaa kan uumu dha. Ijaarsa biyyaas kan gufachiisu waan ta’eef, sirnaan ittisuufi to’achuun ni barbaachisa.Kana gochuuf lammiilee biyyattiif hojmaata midiyaa hawaasaafi miidhaa haasaa jibbinsa hubannoo gahaa uumuun barbaachisaa dha..Hunda caalaa namoota haasaa jibbinsaa tamsaasan irratti adabbiin seeraa hojiirra oluu qaba.Kun kutannoo qaamota seera raawachiisanii kan gaafatu dha.

Oduu

AMECO Hirkoo