DHIMMI BARNOOTA KALLATTI IMALA BIYYAA KAN MURTEESSUDHA

Seenaan jalqabbii barnoota idilee biyya keenya umurii jaarraa tokkoofi walakkaa hin geenyeedha.Biyya seenaa dheeraa qabdu kana keessattii, umuriin barnoota idilee biyyattiin qabdu baay’ee gabaabaa dha.Maddi barnootaa inni dheeraan barnoota al-idileedha.Manneen amantaa biyyattii keessattii argaman bara dheeraaf barnoota al-idileen dhaloota qara turaniiru.Akka biyyatti jalqaba jaarraa 20ffaa keessatii barnoota al-idilee cinaatti barnoota idileetu jalqabe.Hanga yoonaatti lachanuu wal maddiitti madda beekumsaa ta’uun tajaajilaa jiru.Barnootni idilee caasaa mootummaan kan hojjatamuufi  ijaarsa biyyaaf karoorfamee waan hojjatamaa jiruuf da’immaniifi dargaggootni kumaatamaan lakkaawaman barnoota idilee ni hordofu.Sababa kanaan barnootni al-idilee hedduminaan barnoota idileen bakka bu’aa jira.

Barnootni idilee kan jalqabe bara Mootii Minilik ta’us hojjii barnootaaf xiyyeeffannoo guddaan kan  keennameefi jijjiramni gama barnootan kan dhufee bara mootii Hayilesillaassee ture.Mootiin Hayilesillaasee masara mootumma isaanii kolleejji barnootaaf keennuun hawwii guddina biyyaatti gama nama barateen dhufuu danda’uf abdii gudda itti kennani ture.Lammioleen biyyatti hedduunis carraa barnoota biyya keessafi biya alaa argachuu danda’aniiru. Lammileen kun beekumsa argataniin fedhii biyyaa guddisuuf qabaniin moormii siyaasaa kaasuu  danda’aniiru. Kufaatiin mootichaas lammilee barataniin deeggaramaa ture.

Mootummaan dargiis hojii barnootaaf carraqqii guddaa taasisaa ture.Kanaanis lammilee biyyattii hedduu doofummaa jalaa baasuun danda’aamera. Amma yoonaatti hoggantootni biyyaattii sadarkaa garaa garaa keessa kan jjiran baay’een isaanii bara mootummaa dargii kan baratanidha.

Jalqabbiin barnoota idilee Itoophiyaa barsiisotaafi imaammata barnootaa biyyoota alaarratti kan hundaa’e ture; baroota dheeraaf haala biyyattiin keessa jirtuufi daandii guddina ishee kan gidduu hin galeeffanne waan tureef rakkoo ta’ee tureera.

Garagarummaan qaroominaafi guddina biyyoota addunyaa hedduun kallattiifi xiyyeeffannoo sirna barnootaaf keennan irratti kan hundaa’ee dha. Dhimmi barnoota kallatti imala biyyatti kan murteessu ta’uusaa hubatameera. Kanaafis  barnootni biyya ijaaruuf akka hundeetti fudhatamee itti hojatameera. Barnootni waldorgoommiifi walmorkii biyyoota hedduuf haalduree kan ta’edha. Adunyaan qaroomaafi guddina amma irra geesseef, ka’umsi xiyyeefannoo biyyootni  barnootaaf  keennani dha.

Sirni barnootaa Itoophiyaa qormaata hedduu dabarsee jira;dabarsaas jira. Inni jalqabaa imaamatni barnootaa biyyattii kallatumaan biyya aalaarraa kan fudhatame ta’u isaati. Inni lammaffaa immoo mootummaa dargii booda aangoo kan qabate mootummaan wayyaaneen durfamu barnoota meeshaa siyaasaa gochuun kufaatii barnootaa fideera. Inni kan biroo maraamartoon walitti bu’insaafi wal waraansa biyyattii keessa deema turee, adeemsa cabinsa barnoota idileef sababa ta’eera; Kun dhaloota aarsaa kaffalchiisaa kan jiruufi fuuldurattis kan kaffalchiisudha.

Akka biyyaatti Waggoottan muraasa darban keessatti dhabamuu nageenyaan walqabatee dameen barnoota hedduu midhameera. Lammiileen biyyattii hedduun manneen barnootaan ala ta’anii turaniiru. Kun akka biyyaatti kisaaraa bakka bu’amuu hin dandeenyedha. Bara barnootaa haaraa 2019 keessatti galmee haaraafi barattoota addaan kutan gara mooraa barnootaatti deebisuuf hojii hojjatameen lammiilee hedduun barnoota isaanii jalqabuufi itti fufuu danda’aniiru.

Barnoota akka meeshaa siyaasaatti itti fayyadamuun  seerota idil addunyaan dhorkaadha. Dhaloota eger biyya itti fufsiisan barnoota ala taasisuun gama hundaan kan balaaleffatamudha. Bara barnoota haaraa kanatti  carraa argame kutannoon itti fufsiisuun barbaachiisadha. Hojiin barnoota bu’ansaa dhalootaaf kan darbudha. Barnootaaf bakka kennuufi tumsa taasisuun ijaarsa biyyaaf ga’ee ofii bahachuudha. Dhimmi barnootaa kallattii biyyattii gama hundaan kan murteessudha.
[9/25/26 2:00 PM] Oda Likisa: Baroota dhihoo asitti rifoormiin sirna barnootaa irratti taasifame bu’aa argamsiisa jira. Nageenyaa wareessuuniifi barnoota meeshaa siyaasaa gochuu dhiisuun, dhaloota egere biyya ijaaru uumuuf yoommiyuu caalaa qindoominaan waan hojjatamuu qabu dha.

 

Oduu

AMECO Hirkoo