Barnootni bu’uura guddinaafi misooma biyya tokkooti. Dhaloota boruu beekumsa, dandeettiifi gahumsa barbaachisuun ijaaruuf gaheen barnootaa olaanadha. Biyyi tokko guddina waaraa galmeessuufi dhaloota itti aanuuf biyya dhaalchisuuf, sirna barnootaa qulqullina qabu diriirsuun murteessaadha.
Jijjiiramni sirna barnootaa haaraa Itiyoophiyaan diriirsites jijjiirama bu’aa qabeessa biyyaatti keessaatti agarsiisaa jira. Kanaanis barattoota dandeettii rakkoo hiikuu, kalaquufi hojii qabatamaa hojjechuu danda’an horachaa jira. Kunimmoo guddina biyyaa gama hundaan saffisiisuu keessaatti gahee guddaa qaba.
Barsiisaa Magarsaa Baay’isaa Koollejjii Barsiisota Kamiseetti Barsiisaa Lammummaafi Amala Gaariiti. Qajeelfamni imaammata barnootaa Itoophiyaa dandeettii barattootaa ijaaruu, beekumsa, ogummaafi naamusa isaanii guddisuu irratti xiyyeeffachuu dubbatu. Imaammata barnoota gara dandeettii qabatamaatti ceesisuufi barattoonni beekumsa argatan hojiirra oolchuu akka danda’an deeggaruuf kan qophaa’e ta’uu ibsaniiru.
Waggoottan darban keessa sirna barnootaa fooyyessuuf hojiiwwan gara garaa hojjetamaa turuu eeruun, kaayyoon imaammatichaas qulqullina barnootaa fooyyessuu, barnoota fedhii hawaasaa waliin walsimu diriirsuu, seenaa waloo biyyaa irratti xiyyffannoo kennuu, akkasumas barattoota beekumsa qofa osoo hin taane dandeettiifi gahumsa gara hojii qabatamaatti hiikuu akka danda’aniif xiyyeeffannoo Kennanii hojjechaa jiraachuu himaniiru. Kunis barnoonni daree keessatti waan kitaaba irraa qofa baratamu osoo hin taane, barataan waan barate hubatee jireenya isaa keessatti itti fayyadamuu akka danda’uuf carraa bal’aa akka uumus ibsan.
Yuniversitii Ambootti Barsiisaa Diinagdee, Indaaloo Bongaasaa gamasaaniin, tarsiimon barnootaa haaran kun jijjirrama qabatamaa fidaa jiraachuu ibsaniiru. Hojiilee gama damee kanaan baroota darban keessa hojjetamaniin fooyya’insi qulqullina barnoota mul’achuufi baay’inni barattoota qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa fudhatanii qabxii seensa yuniversitii fidaa jiranii yeroodhaa gara yerootti dabalaa jiraachuu kaasaniiru. Gama biraatiin itti fayyadamni tekinooloojii barnootaa keessatti daran barbaachisaa ta’aa jiraachuu eeruun, yeroo ammaa barataan odeeffannoo argachuufi kitaaba qofa irratti hirkachuu osoo hin taane, tekinooloojii dijitaalaa fayyadamuun beekumsa dabalataa argachuu akka danda’an hubachiisan.
Sirni tarsiimoo haaraan kun barnoota dandeettii irratti hundaa’e cimsuu, qabiyyee barnootaa walitti hidhamiinsa qabu diriirsuufi barattoonni beekumsa kallattiin hojii qabatamaatti hiikuu danda’an akka horatan irratti xiyyeeffannoon hojjechaa jiraas jedhan. Kunis sadarkaa gadiitti haala wal fakkaata hojiirra oolaa wan hin jirreef, sadarkaa gadiittis gadi buusuun iddoo hundatti qulqullina barnoota eeguun hoj-manee qaama dhimmi ilaallatu hundaa ta’uu ibsan.
Barnoonni seenaa immoo waa’ee biyyaa dhaloota barsiisuu keessatti murteessaa ta’uu Barsiisaa Indaloon dubbataniiru. Seenaa barachuun barattoonni eenyummaa, aadaafi duudhaa hawaasa isaanii, eenyummaafi ilaalcha waloo ijaaruuf akka gargaarus ibsan. Rifoormii sirna barnootaa kana bu’a qabeessa taasisuuf hojiin gama mootummaan hojjetamu qofti gahaa miti kan jedhan barsiisaa Indaaloon, hawaasni, maatiin, barsiisotni, hoggantoonni manneen barnootaa, ogeeyyiin barnootaafi dhaabbileen barnootaa gahee mataa isaanii qabachuu himaniiru. Keessumaa jalqabbii barnoota bara kanaa milkeessuuf barattoonni meeshaalee barnootaa gahaa argachuu, naannoo barnootaaf mijataa taasisuufi maatiin ijoollee isaanii hordofuun murteessaadha jedhan. Hawaasni deeggarsa meeshaalee barnootaafi hojiiwwan barnoota deeggaran keessatti hirmaachuun, barataan sababa hanqina diinagdee irraa kan ka’e barnoota irraa duubatti akka hin hafneef gama hundaan tumsa taasisuun milkaa’ina barnootaaf barbaachisaa ta’uus kaasaniru.
Ministirri Ministeera Barnootaa Pirofeesar Birhaanuu Naggaan akka ibsanitti, riifoormiin damee barnootaan hojiirra oole bu’aa qabatamaa galmeessaa jira jedhan. Kaayyoo guddaan haaromsa sirna barnootaa dhaloota ofitti amanamummaafi daandeettii guutuu qabu horachuu akka ta’es ibsaniiru. Riifoormiin damee barnootaa qormaata biyyaalessaa kutaa 12fffaarratti hojiirra ooles qulqullina barnootaa mirkaneessuu keessatti jijjiirama qabatamaa fidaa jiraachuus dubbataniiru.
Barnoota idilee irraa eegalee hojiilee hedduun hojjetamaa jiru kan jedhan ministeerichi, bu’aan isaa suuta suuta mul’achaa kan dhufu ta’us ammaas jijjjiiramni qabatamaan mul’ataa jira jedhaniiru.
Yeroo ammaa barataa cimaan Yunversitii seenaa jira; kanneen hafan ammoo leenjii ogummaa akka leenji’an taasisuun dhaloota biyya ijaaruu horachuuf hojjetamaa jiraachuu eeran.
Fuuldurattis barattoonni qabxii fooyya’aa akka galmeessan xiyyeeffannoo addaan hojjetamaa jiraachuus kaasaniiru. Manneen barnootaa sadarkaa 2ffaa barnoota akkaadaamii cinaatti leenjii tekinikaafi ogummaa akka kennan sirni diriirfamuu ibsuun, kunis sadarkaa manneen barnootaa eeguun qulqullina barnootaa mirkaneessuu keessatti gumaacha olaanaa taasisaa jiraachuu kaasaniiru. Ministeerri barnootaa damee ICT fi barnoota dijitaalaa keessatti manneen barnootaa tajaajila dijitaalaa, daataa, interneetiifi sagantaalee barnootaa onlaayinii /online/ irraa fayyadamoo taasisuuf hojjechaa jiraachuu ibsan.
Adeemsi baruufi barsiisuu bara kanaas Fulbaana 6 irraa egalee guutuu biyyattiitti kan eegale yoo ta’u, bara kana akka biyyaatti barattoota miiliyoona 26 ol simachuun barsiisuuf hojjetamaa jira jedhan.


